Afaan Oromoo Eessaa Karam?


Marii dhimma dagaagina Afaan Oromoo Yuunvarsiitii Finfinnee keessatti har’a taasifameen Akkaadaamii Afaan Oromoo hundeessuun barbaachisaa ta’uun himame.

Guyyaa har’aa (23/5/2011) Muummeen Afaan Oromoo Yuunvarsiitii Finfinnee marii hayyootaa qopheesse irratti Pirof. Makuraa Bulchaafi Dr. Kabbadaa Hordofaa “Afaan Oromoo: past, present & its Prospects” [Afaan Oromoo Kaleessaa, Har’aafi Borii] Mataduree jedhurratti Ibsa Ummataaf “public Lecture”, kennanii jiru. Kan dhiyaate waraqaa qorannoo lama yommuu ta’u, Isa jalqabaa Prof. Makuri’aa Bulchaatu, seenaa dagaagina Afaan Oromoofi Egereesaarratti dhiyeessan. Dr. Kabbadaa Hordofaa immoo waraqaa qorannoo lammataa keessatti dhimma waltina Afaan Oromoo xiyyeeffatan.

Akka Prof. Makuriyaan jedhanitti, duulli Afaan Oromoo balleessuuf taasifamaa ture salphaa hinturre. Siyaasni Itoophiyaa durumaa kaasee Afaan Oromoo acuucuutti xiyyeeffachuu eeranii, sana gochuuf yeroo jalqabaaf seera kan tume garuu Mooticha Haayila Sillaaseeti jedhan. Heera biyyaa keessatti bara 1942 Afaan Amaaraan ala afaan kamillee biyyattii keessatti tajaajiluu akka hindandeenye godhame. Sunis Afaan saba guddaa kun akka quucaruuf waan akeekamedha.

Ta’us Ummanni Oromoo afaan Afoolaan badhaadhe waan qabuuf dhiibbaa irra gahe kanaan Afaansaa hinliqimsamne. Akka Prof. Makuri’aan jedhanitti Afaanonni baay’een Addunyaarraa badaniiru. Osoo wareegamni qaqqaaliin itti itti hinkaffalamnee Afaan Oromoos akka baduuf itti duulame. Afaan kun akka afaan baadiyaa ta’etti fudhatamaas tureera.

Seenaa dagaagina Afaan Oromoo jaarraa 19ffaa keessa jiru ibsanii, gumaacha hayyoota biyya keessaas ta’e kan biyya hambaa dubbatan. Sochii hundeeffama ABO boodas qabsoon Afaan Oromoo dagaagsuuf taasime salphaa akka hintaane dubbatan. Afaanichaaf xiyyeeffannoo kenname keessaa muraasa yeroo ibsan, miseensa waraana ABO ta’uuf ulaagaan ture Afaan Oromoo barreessuufi dubbisuu danda’uu keessaa tokko ta’uu dubbatan. Kana malees, daa’imonni walitti qabamanii bosona Sudaan keessatti Afaan Oromoo barachaa akka turan suuraan deggaruun agarsiisan.

Akka kanaan Afaan Oromoo danqaafi carraa adda addaa unachaa asga’uu himuun, sadarkaa ogbarruun Afaan Oromoo har’a irra jiru dinqisiifatan. Gara fuulduraattiAfaan Oromoo guddisuuf qabxiilee barbaachisanis lafa ka’anii jiru.

1. Akkaadaamii Afaan Oromoo hundeessuu
2. Sadarkaa Waaltina Afaan Oromoo gama hundaan cimsuu
3. Jornaalii Afaan Oromoo dhaabuu
4. Afaan Oromoo Afaan Waliigaltee magaalaalee Oromiyaa akka ta’u gochuudha.

Gaaffii hirmaattota irraa madderrattis deebii kennanii turan. Sana keessaa tokko dhimma “Akkaadaamii Afaan Oromoo eenyuun hogganamuu qaba?”jedhu, muuxannoo biyyoota alaa kaasuun ibsanii jiru. Akka isaan jedhanitti, Akkaadaamiin Afaan Oromoo MNO jalatti kan bu’ureffamu ta’ee, hojjetoota dhaabbatoofi gorsitoota ofkeessaa qabaata. Bulchiinsi Akkaadaamichumaan kan kan qajeelfamu yommuu ta’u, mootummaan waan barbaachisu guuteefii to’ata malee siyaasni dhimma qorannoo Afaanii keessa hingalu. Mootummaan baajataafi wantoota barbaachisan kennuun deggaruu akka qabu eeranii, hayyoonni Akkaadaamii kana keessatti qorannoo adda addaa gochuun dhimma Afaan Oromoon walqabatu hunda murteessus jedhan.

Waa’een Akkaadaamii Afaan Oromoo bu’uressuu kun gaaffii yeroo dheeraa akka ta’e kanaan dura maxxansaa turuunkoo niyaadatama. Mootummaa Naannoo Oromiyaafis xalayaa banaa barreessee fuuluma kanarratti maxxanseen ture. Hanga dhimmi kun hojiirra ooluttis ittuma deemna!

Horaa Bulaa!

Fedhasaa Taaddasaati.

Finfinnee, Oromiyaa

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

– MARSAA LAMMAFFAA – Kutaa Tokkoffaa – Berhanu Hundee Yaadachiisa: Mata duree “Qabsoon Bilisummaa Oromoo …

Yaada kanaaf deebisaa kenni