Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa hin taane: Xiinxala seeraa

( Ogeessa irraa kan naaf ergame)

A. Manni maree ministeerotaa har’a imaammata afaanii irratti marii’atee raggaasise. Wanti ragga’e wixinee seeraatii miti. Wanti ragga’e wixinee fooyya’insa heeraatii miti. Wanti ragga’e sagantaa siyaasaa paartii bilxiginnaa irra kan jiru imaammata afaanii biyya kanaati. Wanti sun ammoo Afaan Amaaraa kutaa 1ffaa kaasee hanga kutaa 12ffatti akka kennamu dirqisiisa. Afaan Oromoo fi afaanonni sablammootaa kutaa 1ffaa hanga kutaa 8ffaa qofatti daangessa. Afaan hojii federaalaa gara fuulduraatti afaan jaha akka ta’uuf ni qabsoofna sagantaa siyaasa Bilxiginnaa irratti jedhu san akka imaammata biyyaatti kallattii kaayan. Afaan hojii federaalaa labsuuf wixinee seeraa baasuun parlamaatti erguun qofaatii miti. Dubbii heeraan walqabatudha. Wixinee fooyya’insa heeraa afaan hojii raggaasisuun fooyya’insa heeraa gaafata. Mana maree federeshiniif ergama. Manni Maree federeshiinii Naannolee saglaniif erga. Manni Maree naannolee hunda keessaa 2/3ffan mirkanaa’ee ol deebi’uu qaba. Manni maree federeeshinii fi paarlamaan waliin taa’ee raggaasisuun heerri fooyya’ee nagarit gazexaan baha. Hojiirra oolmaaf labsii ykn dambiin mana maree ministeerotaan qophaa’ee paarlamaan bahu qaba. Koree olaanaan hojiirra oolmaa isaa gabaasu ni hundaa’a, parlamaaf gabaasa. Hojjettoonni mootummaa federaalaa yeroo ce’umsaa jedhamee afaanota jedhaman kana baratu (yeroo ce’umsaatu kennamaaf)—adjustment period jedhama. Kanaaf waan hin fakkaanneen uummata Oromoo fi sablammoota hin burjaajessiinaa.

B. Afaan hojii federaalaa jaha goona jedhani. Oromoon kan inni wareegama itti kaffaleef afaan isaa lammilee Toophiyaa maraan baratamee akka dubbatamuufi. Eenyummaa fi kabaja waan ta’eef. Afaan hojii jaha afaan federaalaa goona yoo jedhan, afaan jaha kuni hundi lammilee Toophiyaan hin baratamu. Afaanuma takkatu, Afaan Amaaraa qofa ta’a jechuudha. Daa’imti Amaaraa tokko afaan Amaaraa irratti dabalataan afaan shan barachuu hin dandeessu. Daa’imti Oromoo tokko Afaan Oromoo irratti afaan shan dabalataan barachuun hin danda’amu. San irratti Ingliffis jira. Afaan torba ta’a. Hin danda’amu. Kanaafuu, afaan hojii jedhamee labsameetu, afaan hojii afaanuma tokko ta’a (Amaariffa), kaaniif turjumaana/astorgaami/translatora dhaabuuf jechuudha. Hojjettoonni federaalaa afaanuma Amaaraan hojiitti fufu jechuudha. Qacarrii irrattis Amaarinyaan dirqii ta’uun itti fufti jechuudha. Turjumaanaaf miti Oromoon kan wareegameef. Yoo silaa afaan hojii biyyattii lama ta’ee labsame (bilingual nation), lammileen biyyattii hundi afaan lamaan kana barachaa guddatani. Aadaa fi eenyummaan afaan kana lamaan ol guddatu ni jira. Mootummaa federaalaa keessatti Oromoon silaa hiree isaa ni argata. Kanaaf, gaaffiin Oromoo qara dabarfamuu kan barre gaafa afaan jaha jedhan sani. Saboonni lakkoofsaan hagoo tahan mirga turjumaanaa argachuu qabu. Garuu Oromoo turjumaanaan keessummeessuuf yaaluun gaaficha dhorkuudha. Gaaffii Oromoo irratti hin taphatiinaa! Yoo wallaaltan isin gargaarra. Yoo daba taate ammoo Oromoon hin gowwomsamu.
Gaaffiin Afaan Oromoo ololaan kan du’u miti. Afaan saba guddaa kun afaan hujii federaalaa ni ta’a. Afaan Oromoo kutaa 1ffaa hanga kutaa 12ffaatti itti fufa. Afaan Amaaraa kutaa 5ffaa hanga 10ffaa kennamuun itti fufa. Afaan Oromoo ajjeeftee afaan biro kaasuun hin danda’amu. Imaammanni afaanii sagantaa paartii bilxiginnaa kan paartiiti malee kan uummataa ta’uu hin danda’u.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta’eera, ililchaa gammadaa” jedhan…

Leta Kenei Aga – Ji’oota muraasa dura,”Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta’eera, ililchaa gammadaa” jedhan. …

Yaada kanaaf deebisaa kenni