Oduu Haaraya

Afaan Oromoo Afaan Hoji Biyoolessa akka ta’uu hafalmannuu

Afaan Oromoof Haa dirmanuu

Ijooleen Habasha (OPDOn) gartun yaakkamtun kun harree oftee diina Oromiyyaa galchuusheti bara 1991 kassee ummaati keenya balaleefata jira. OPDOn garuu kan haaree oftu utuu hin tanee Haareedhan ofamtee kan Oromiyya galtee jeechuuti irra madali kassa. Sababi isaa OPDO akka namati miti akka Haareeti ilee yaaduu kan hin dandeenye ta’uu isheeti. Mirga Oromoof waan maluu hunda dura kan dhaabbatu ta’uu isheeti. Kun amoo kan inii irra madeef OPDOn Ogannoon ishee 90% ijoolee Tigray ykn Amhara ta’uu isheetin.

Afaan Oromoo Afaan Hoji Ityyophiyya akka ta’uu WFDOn kayyoo isaa keessati isaa dura goodhatee hoji egalee, hara amoo kayoon kun dhaabbilee mormitoota Itiyyoophiyya keessa jiran hundi waan irrati waliigalan dha. Mootuummaa Oromiyyan bulchan jira kan jeetuu OPDOn garuu Afaan Oromoo Afaan Hojii biyyoleessa ta’uuf hin danda’uu jeequmsaa fidaa jeechuun ishee hangaa haaree kan hin yaanee ta’uu ishee mulisa. Waan nama dhiibuu Lidatuu Ayyaleew ilee “haalaa biyya keenya keessa jiruuf bayyiina saba Oromoo yaamuu ilaalamuu Afaan Oromoo Afaan hojii biyyoleessa ta’uu degeramuu qaba” jeechuun ilaalcha isaa duri qabuu irraa haalaa jiruu ilalee yamuu of jijiruu danda’eeti, OPDO ergamtuun samuu TPLFn yaaduu garuu gaafi fi fedhii Oromoo kan ta’ee fi dhaabbilee Oromoo wara hin tanee irra ilee degersa yaamuu argatuu, OPDOn kana mormun ishee yaaka sadarka hin qabnee rawwachuu ishee Oromoo hundi hubachuu qaba.

OPDOn kana duraa yaakaa mirga saba Oromoo dhiibbuu hunda dalaga turte. Danga Oromiyya ABOn sararamee hunda kukutee naannoo birroti dabaluun Oromoo naannoo isaa irra citee Harari, Amhara, Kiba, Beneeshanguli fi Tigray keessati kutamee lamii lamafa ta’ee jira. Mootummaan ce’uumssa seera biyyati keessati Oromiyyan Finnifnnee irraa siyyassan, dingdeen fi hawasuuman bu’aa fi ga’ee Oromiyya argachuu qabuu seeran murte’see, hojii irra utuu hin oliin waggoota 18 lafa irra harkifamee akka hirnfatamuu goodhamee jira.

OPDO waagoota darban 20 keessa samuu TPLF yaaduu fi ergama Tigray raawwachuun ala mirga Oromoo fi Oromiyyaf waan hojeete tokko ilee hin jiru. Dura dhabachu yoo ta’ee malee. Gaaffin Oromoon gaafachaa jiru tokko ilee deebiyya hin jiru fakkenyaf:-
1. Afaan Oromoo Afaan Hojii Biyoolessa akka ta’uu WFDOn Oromo bakka bu’ee gaafatama jiru OPDOn hanga amati morma jirti;
2. Lafi Oromiyya kan Oromooti malee kan Mootumma miti jeechuun WFDOn filaannoo 2005 yamuu falmatuu OPDOn garuu kana mormaa turte, kana irrati hunda’uudhan TPLF haarra lafa Oromoo Biyyoota Araba, India, Chaina, Sudan, Djibuti, Naigera fi kan biirooti gurguracha jira, haarra ilee OPDOn kana dhugoomsaa jirti,
3. Baajeeti Federala irra Oromiyyaaf keenamuu qabuu baajeeta Naannoo Tigray gadii ta’uu isaa Lamii Tigree tokkof Qarshi 500 yamuu ga’uu lamii Oromoo tokkof garuu qarshi 50 ramadamuun yaakka waan ta’eef siirachuu akka qabu gaafii WFDOn paarlamaa keessati dhiyeese OPDO fi TPLF morimmuu isaan;
4. WFDOn Finfinnee lafa Oromoo waan ta’eef ittigafatamumi Finfinnee Oromiyyaf ta’uu qaba jeedhee falmin inni bara 2006 paarlamaa keessati yamuu kasuu OPDO fi TPLF mormuu isaan,
5. OPDOn Oromoon Oromuummaa guudiifachuuf bareefaman seena fi addaa isaa gudisuuf yamuu caaraqaa jiruu kana keessa OPDOn Oromuummaa dhisaati Itiyyoophiyuumaa dagagsaa jeechuun ishee dhaloota haaraa Oromoo heeduuu madeesee jira.
6. Oromoon Daldala keessa basuun Oromoon waan birra haafee bunna of hommishee ilee akka gabati basee hin gurguraneef mirgi isaa molqamee jira, buunaa kan gurgurruu danda’uu daldaltoota Tigray qoofa akka ta’uuf Kubaniyaa Tigray bunna gurguru Dr. Elein jeedhamtuu itti ramadan jiru;
7. Oromiyya Ibsaa utuu madisisuu dukana keessa akka jiratuu goodhamee jira.
8. Karaa fi Bilbili Oromiyya keessati akka hin babalaneef baajeeta ga’aa dhorkatamee jira, OPDOn gaafi kanaaf tumsuu mana gaafi kana ukkamsaa jirti,
9. Barnooti fi Fayyan bara 2015 ummataa hunda akka waliiga’uu Mootummoon adnuyna seera isaan basan biyya Tigrayti haruma iyuu Barnoot fi Fayyan lammi Tigray hunda wali ga’uun ifaati yamuu labsama jiru kanati Oromiyya keessati garuu Wagga 50 booda ilee kan hin yadaamnee ta’uun isaa beekamadha.
10. Qootee bulan Oromoo OPDO yoo hin filaannee sanyii filatamaa fi Xa’oo akaa dhorkatamuu goodhamee jira;
11. Lakkobsii Oromoo kan tilmamaee 50.2miliyoona utuu ta’ee jiruu, lakkobsaa Oromoo gadii xiqeessan jiruu saba isaa Baajeetaa Oromiyya ittiin dangeesuuf jeedhameeti, kun iffa kan ba’uu danda’uu gaafa Bilisoomnee qoofa ta’ee ilee; yaakkoota kana fakkatan heeduutu OPDOn rawwatama jira.Kanaafuu;

Oromoo bakka jiruu sagalee isaa biyya ala fi biyya keessati dhageesisuu qabaa, Median Oromoo hundii qabxii kana Olti caqasaman keesumaatuu Afaan Oromoo Afaan hoji biyyoleessa akka ta’uu dhaabbilee siyyassa mormitoota kan iti waliigalan sun Ajanda hunda caaluu ta’ee akka irrati falmanuu isiin yaadachisuu feena. Afaan Oromoo Afaan hoji biyoolessa hata’uu yamuu jeenuu barbachisumaa isaa qoorannoo irrati hunda’uudha bu’aa inii ummataa Oromoo fi ummatoota Itiyyoophiyya hundaaf ilee bu’aa in qabuu, Ummatoota Gaanfaa Afrikaaf ilee bu’aa inii qabuu hunda erga xinxalamee booda waan murta’eedha malee OPDO abjuun akka ishee goofta ishee TPLF sodatee Afaan Oromoo xiqeessa jirtuu akka hin ta’iin Gummiin Paarlaamaa Oromoo isiin mirkaneesuu feedha.

Biyyoon Guddatan akka Kanadaa, Belgium, Suizerland, South Afrika kkf Afaan Hojii laman fayyadaman rakko ummataa isaan ittin hikuu irra darbanii bu’aa gudda kan itti argatan malee rakkon tokko ilee ykn sababa kana jeequmsi isaanti humamee tokko ilee hin jiru. OPDO doomtuun garuu Tigroota sodatee Afaan Oromoo akka jeequmsa fiduu ykn dandeeti akka hin qabneeti dhiyeesun ishee Ummatii keenya bakka hundati balaleefachuu qaba. Afaan Oromoo Afaan Hojii biyooleessa ta’uu hin qabuu kan jeetuu OPDOn Naannoo Oromiyya keessati bakka tokkoti ilee akka hin falatamnee ummataa keenyaaf dhamna. Baratoon Oromoo kaba fi kibba, bahaa fi Lixaa wal damaksuun Fillaannoo dhuufu irrati akka nami OPDO hin filaannee goochuun addabi isaa dhumaa akka addabdan isiin gaafana.

Ummanii Oromoo, Baratan Oromoo, Daldalan Oromoo Qootee bulan Oromoo yaakka OPDOn raawwatee kana hubachuun fillaannoo ji’aa kana keessati rawaatamuu irrati OPDO akka hin fillaanee wamichaa isiin dhiyeesina. Lammin Oromoo kan ta’ee OPDO Afaan Oromoo Xiqeesitee kana yoo filaatee guyya tokko kan itti gafatamtuu ta’uu kee hubatee dhaabbilee Oromoo Afaan Oromoo Afaan Hojii Biyooleessa ta’uu qaba jeedhani falmachaa jiran akka filaatan isiin dhamna. Baratoon Oromoo matii keessan haraka lafa jalan amansisudha guyya gaafa fillaannoo Afaan Oromoo Afaan Biyyooleessa hata’uu wara jeedhan WFDO fi OBK/OPC akka filatan isiin dhamna. OPDO (ilman Habasha) Afaan Oromoo dubatuu falachuun Afaan Oromoo Baleesuu ta’uu isaa akka beektan Gummin Paarlaamaa Oromoo kabaja waliin isiin gaafata. Afaan Oromoo Afaan hojii Biyoleessa Itiyoophiyya qoofa utuu hin anee Afaan Hoji Gaanfaa Afrika goochuuf Murraanoo keenya waan ta’eef, OPDO hanga Hareen hin yaanee Afaan Oromoo xiqeesuunf hamlee kan hin qabnee ta’uu ishee hubachiifnee ijoolee Oromoo Miseenssaa OPDO tatan ilee goochaa OPDO kan atataman akka balaleefatan isiin hubachuufna. Kun ta’uu banan Oromoon Afaan Oromoo Afaan hoji Biyyoleessa hin ta’uu jeedhe falmatuu murtiin isaa irra ga’uu murti isaa dhumaa ta’uu isaa hubachifna.

Oromiyyan ni Bilisoomti !! GPO

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Gubbaan sabboonummaa Oromoo fakkaachaa Keeysa dhooyfattanii Haala mijjeeyfachaa

Tortora haasawaa Tola fakkeessuu Summii baattanii Nutti gad facaasuu Guyyaa jara fakkaachaa Galgala nu fakkaachuu …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *