Oduu Haaraya

Afaan Hamii Bare Utubaatti hasaasa !

Afaan Hamii Bare Utubaatti hasaasa !
Namichi Guyyaa Bofa arge halkan
Gaaddidduu isaa dheesse!
Waan Dabruuf maqaa hin dabarre hin
fuudhan !
Hin barihu Seetee Gorduubatti
hadde !
Anatu Caalaan Ciinciraa haaduu afaan
buute !
Gubattee hin beektuu ibiddatti
gamti !
Laftis bahii jette jaartiin faeda irraa
kuftee !
Jaartiin Bara Buttaa Duudde hoo
Luboo Jechaa hafti !
Akka Durii fi Harka xuriitti hin hafan !
Ani hoo duruu gubattuu dha jette
beddeen mana keessa gubattee !
Keessa namaa hin beektuu keessa
qabattee namaa kenniti !
Sangaan bara qote hedata !
Waan uffattu hin qabduu aguuggattee
haddi !
Karaan Sobaan dabran galatti nama
dhiba!
Hantuuti haadha jalatti gumbii uraa
barti !
Namni dhukkubsataa manaa qabu
du’a gahii namaa hin oolu !
Hojiin Waaqayyoo fi kolfi saree hin
beekamu !
Haadhaa fi adurree hin dhaanan !
Warri guddaan aduurree wasaasaa
baata !
Adurreen keessi bineensa !
Maraatuu keessi gamna !
Waaqayyo beekee bofa miila
dhowwate !
Waan Waaqni qocaaf kaa’e illeettiin
hin fudhattu!
Foon lafa jiru allaattiin muka irraa wal
lolti !
Waraabessii biyya namni isa hin
beekne dhaqee itillee naa hafaa
jedhe !
Manni of – jajjuu karaa dura
Bor hin bekneen qoda- bukeen ishee
lama!
Kan of jaju hin dogoggoru !
Haati mimmixaa kanuma kootu guba
jetti !
Ija jabeessa irraa sirbi hin fokkisu !
Duulli amma oduu hin gahu !
Iyyaniif dhalcha hin ta’u jedhe
korbeessi hoolaa korbeessa re’eetiin !
Mana aanu malee mana aaru bira hin
dabran !
Ollaa fi Waaqatti gadi bahu !
Ollaan bultee beeka akka itti bule
abbaatu beeka !
Itti qabataaf cidhi ollaa jira !
Garbittii lubbuuf fiigdu ollaan qophee
dha jedha !
Garbittiin gargaarsa argatte majii
dhoksiti jedhan!
bba hin qabdu akaakyuuf boochi
Abbaa iyyu malee ollaan namaa hin
birmatu
Abbaan damma nyaateef ilma hafaan
hin mi’aaw
Abbaatu of mara jedhe bofti hantuuta
liqimse
Abjuun bara beelaa buddeena abjoota
Addaggeen hamma lafa irra ejjettu
nama irra ejjetti
Afaan dubbii bare bulluqa alanfata
Afaan gaariin afaa gaarii caala
Afaanii bahee gooftaa namaa ta’a
Akka madaa qubaa, yaadni garaa guba
Akka abalun sirbaan boquu nama
jallisa
Akkuma cabannitti okkoluAkukkuun
yeroo argate dhakaa cabsa
Alanfadhuuti gara fira keetti garagalii
liqimsi
ama of komatu namni hin
komatuAmartiin namaa hin taane
quba namaa hin uriin
Ana haa nyaatuun beela hin baasu
Ani hin hanbifne, ati hin
qalbifnearrabni lafee hin qabdu lafee
nama cabsiti
Asiin dhihoon karaa nama busha
Bakkka oolan irra bakka bulan wayya
Bakka kufte osoo hin taane, bakka
mucucaatte bari
Balaliitee balaliite allaattiin lafa hin
hanqattu
Bara dhibee bishaan muka namatti
yaaba
Bara fuggisoo harreen gara mana,
sareen gara margaa
Barri gangalata fardaati
Beekaan namaa afaan cufata malee
hulaa hin cufatu
Biddeena nama quubsu eelee irratti
beeku
Billaachi otoo ofii hin uffatiin
dhakaatti uffisti
Bishaan gu’a gahe nama hin nyaatiin,
namni du’a gahe si hin abaariin
Bishaan maaltu goosa jennaan waan
achi keessa jiru gaafadhu jedhe
Bishingaan otoo gubattuu kofalti
Boru hin beekneen qad-bukoon ishee
lama
Boftii fi raachi hanga ganni darbutti
wal faana jiraattu
Bulbuluma bulbuli hangan dhugu
anuu beeka
Buna lubbuuf xaaxa’u warri naa tolii
kadhatu
Cabsituun tulluu amaaraatiin
giraancee jetti
Citaan tokko luqqaasaniif manni hin
dhimmisu
Dabeessa uleen (jirmi) shani
Daddaftee na dhungateef dhirsa naa
hin taatu jette sanyoon
Dawaa ofii beekan namaa kudhaamu
Deegan malee waqayyo hin beekani
dhalli namaa otoo nyaattu diida laalti
Dhirsi hamaan maaf hin nyaatiin
jedha niitii dhaan
Dhirsaa fi niitiin muka tokko irraa
muramu
Dugda hin dhungatan, hunda hin
dubbatani
Durbaa fi jiboota garaa gogaa lenjisu
Iyyuuf bakkeen naguma, dhiisuuf
laphee na guba
Dhuufuun waliin mari’atanii dhuufan
hin ajooftu
Diimina haaduun nyaatani,diimaa
arrabaan nyaatu
Dinnichi bakka gobbitetti hordaa
cabsiti
Doqnaa fi garbuu sukkuumanii nyaatu
Du’aan dhuufaa jennaan kan bokoke
dhiisaa jedhe
Dubbii baha hin dhorkani galma
malee
Dubbii jaarsaa ganama didanii galgala
itti deebi’ani
Duulli biyya wajjinii godaansa
Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatani
Edda waraabessi darbee sareen dutti
Fagaatan malee mi’aa biyyaa hin
beekani
Farda kophaa fiiguu fi nama kophaa
himatu hin amaniin
Firri gara firaa jennaan kal’een gara
loonii jette
Foon lafa jira allaatti samii irraa wal
lolti
foon lakkayi jennaan rajijjin tokko
jedhe
fokkisaan nama qabata malee nama
hin kadhatu
Fuula na tolchi beekumsi ollaa irraa
argamaa jette intalli
Gaangeen abbaan kee eenyu jennaan
eessumni koo farda jette
Gaangoonn haada kutte jennaan oftti
jabeessite jedhani
Gabaan fira dhaba malee
namadhabinsa hin iyyitu
Galaanni bakka bulu hin beekne
dhakaa gangalchee deema
Gaalli yoom bade jennaan, gaafa
morma dheeratu bade
Gamna gowomsuun jibba dabalachuu
dha
Ganaman bahani waaqa jalaahin
bahani
Gara barii ni dukkanaa’a
Garaa dhiibuu irra miila dhiibuu
wayya
Garbittii lubbuuf walii gadi kaattu,
warri qophinaafi se’u
Jaalalli allaatti gara raqaatti nama
geessa
Gaashatti dhuufuun daalattii dha
Gogaa duugduun yoo dadhabdu saree
arisaa kaati
Gola waaqayyoo itti nama hidhe lookoo
malee ijaajju
Goomattuuf goommanni hin margu
Goondaan walqabattee laga ceeti
Gowwaa wajjin hin haasa’iin bakka
maleetti sitti odeessa, karaa jaldeesaa
hin hordofiin halayyaa nama geessa
Gowwaan ballessaa isaa irraa barat,
gamni balleessaa gowwaa irraa barata
Gowwaan bishaan keessa ijaajjee
dheebota
Gowwaan gaafa deege nagada
Gubattee hin agarre ibiddatti gamti
Guulaa hin bitiin jiilaa biti
Gowwaa kofalchiisanii, ilkee lakawu
Gowwaa fi bishaan gara itti jallisan
deemu
Haadha gabaabduu ijoolleen hiriyaa
seeti
haadha laalii intala fuudhi
Haadha yoo garaa beekan ilmoo jalaa
qabani
Halagaa ilkaan adii, halangaan isaa
sadi
Hanqaaquu keessa huuba barbaada
Haati ballaa (suuloo) ya bakkalcha koo
jetti
Haa hafuun biyya abbaa ofiitti nama
hanbisa
Haati hattuun intala hin amantu
Haati hattuun intala hin amantu
Haati kee bareeddi jennaan, karaa
kana dhufti eegi jedhe
Habbuuqqaa guddinaaf hin quufani
Hagu dhiba jette sareen foksoo
nyaatte
Hagu dhiba jette sareen foksoo
nyaattee
Halagaa gaafa kolfaa fira gaafa golfaa
Hantuunni haadha jalatti adurree
qabaa barti
Harka namaatiin ibidda qabaa hin
sodaatani
Harki dabaruu wal dhiqxi
Harkaan Gudunfanii, Ilkaaniin Hiikkaa
Dhaqu
Harree ganama badee, galgala kur-
kuriin hin argitu
Harree hin qabnu, waraabessa wajjin
wal hin lollu
Kan harree hin qabne farda tuffata
Harreen nyaattu na nyaadhu malee
bishaan ol hin yaa’u jette
waraabessaan
Harreen yoo alaaktu malee yoo
dhuuftu hin beektu
Hidda malee xannachi hin dhiigu
Hidda mukaa lolaan baaseetu, hidda
dubbii farshoo (jimaa)n baase
Hidhaa yoo tolcha, gadi garagalchanii
baatu
hin guddattuu jennaan baratu
dhumee jedhe
Hiriyaa malee dhaqanii gaggeessaa
malee galu
hiyyeessaf hin qalani kan qalame
nyaata
Hoodhu jennaan diddeetu lafa
keenyaan hatte
Hoolaan abbaa abdatte, diboo duuba
bulchiti
Hoolaan gaafa morma kutan samii
(waaqa) arkiti
Ija laafettiin durbaa obboleessaf
dhalti
Ijoollee bara quufaa munneen ibidda
afuufa
Ijoollee hamtuun yoo nyaataaf waaman
ergaaf na waamu jettee diddi
Ijoolleen abaa ishee dabeessa hin
seetu
Ijoolleen quufne hin jett, garaatu na
dhukube jetti malee
Ijoolleen quufne hin jettu beerri
fayyaa bulle hin jettu
Ijoolleen niitii fuute gaafa quuftu
galchiti
Ijoollee qananii fi farshoo qomocoraa
warratu leellisa
Ijoollee soressaa dhungachuun
gabbarsuu fakkaatti
Ilkaan waraabessaa lafee irratti
sodaatu
Ilmi akkoon guddiftu dudda duubaan
laga ce’a
Intalli bareedduun koomee milaatiin
beekamti
Intallii haati jajju hin heerumtu
Itti hirkisaan kabaa hin ta’u
Ittiin bulinnaa sareen udaan namaa
nyaatti
Jaamaan boru ijji keen ni banamti
jennaan, edana akkamitin arka jedhe
Jaarsi dhukuba qofaa hin aaduu, waan
achisutu garaa jira
Jaarsii fi qalqalloon guutuu malee hin
dhaabatu
Jabbiin hootu hin mar’attu
Jaalalli jaldeessa yeroo fixeensaa garaa
jalatti, yeroo bokkaa dugda irratti
nama baatti
Jaalala keessa adurreen ilmoo nyaatti
Jaalalli allaatti gara raqaatti nama
geessa
Jarjaraan re’ee hin horu
Jarjaraan waraabessaa gaafa ciniina
Jibicha korma ta’u elmaa irratti beeku
Jiraa ajjeesuun jalaa callisuu dha
Kadhatanii galanii weddisaa hin
daakani
Kan abbaan gaafa cabse halagaan gatii
cabsa
Itti fufa ….

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …