Oduu Haaraya

Afaan Arabaan odeeffannoo tamsaasuuf OMN sagantaafate balaaleffatuun dogoggora

 

Leenjiso Horo

Amajii 2017

Sab-qunnamtii Oromoo kamiyyuu kan Oromiyaa, Oromoo fi qabsoo Oromoo tan haqaa

addunyaa barsiisu irratti olola oofuunii fi balalleeffatuun dogoggora hiriyyaa hin qabne. Qabsoo

haqaa, qabsoo saba koloneeffatamee fi biyya koloneeffatamee ti. Oromoon saba

koloneeffatame; Oromiyaa biyya koloneeffatame. Qabsoon Oromoo, qabsoo bilisummaa fi

walabummaa ti. Qabsoo sabummaa ti; qabsoo biyyummaa ti. Kanaaf, qabsoon kun qabsoo

haqaa ti. OMN Afaan Arabaatiin Oromiyaa, Oromoo, aadaa, fi qabsoo bilisummaa Oromoo

ibsuu fi barsiisuu jalqabee jiraatuun isaa ifaa dha. Kun waan Oromoon hawwuu fi jaalatu.

Sagantaa nama boonsuu fi gammachiisu. Gama biraatiin ammoo, nam-tokkee fi garreewwan

sagantaa kanatti hin gammanne duula balaaleffanaa irratti oofaa jiraatuu isaaniituu argina.

Sab-qunnamtiin Saba kamiiyyuu, Saba, qabsoo saba isaa fi biyyaa isaa addunyaa barsiisuun

waanuma seenaa saboota qabsoo godhanii kamiyyuu keessatti godhamaa ture. Sab-qunamtiin

meeshaa barumsaa ti. Ija sabaa isaa ti. Abukaatoo sabaa isaa ti. Akkasumaas, sab-qunnamtiin

tokko Saba isaatiif gargaarsa argmsiisuuf ta’ee, mararfannaa horachuufiis ta’ee ykn akka

sabootni sun diina saba isaa hin deegarreefiis ta’ee Afaan biyyoota sanaatti fayyadamuudhaan

barsiisuun barbaachisaa dha. Kun waanuma adunyaan ittiin fayyadamaa turee fi jiru. Waan

haarawaa miti. Kanaaf, OMN kanarratti saganteeffatuun isa waan eebifamaa dha;

jajjabeeffamuu fi leellifamuullee qabaas. Kun qabsoo bilisummaa Oromootiif akka balaatti

ilallamuu odoo hin taane, akka milkaawwinnaa fi injifannotti ilaalamuu qaba.

Haata’u malee, har’a sagantaa OMN Afaan Arabaatiin biyyoota Afaan kana dubbataniif darbsuuf

saganteeffatuu isaa irratti kanneen dantaa yeroo, kan murna isaanii malee hegeree qabsoo

bilisummaa Oromoo ifduratti hin laalle qabsoo bilisummaa Oromoo dhimma amantiin walitti

hidhanii ummata Oromoo walitti buusuuf olola hamaa fi hammaata oofaa jiraachuun isaanii ifa

ta’ee jira. Fedhiin murna kanaa ykn nam-tokkee kanaa Afaanii fi amantii walitti fiduudhaan,

ummata Oromoo jiddutti shakkii, mama, garaagarummaa fi jibbansa ummuuf yaalii godhmaa

jiru. Dhugaan himamuu qabuu fi lammiiwwan Oromoo hubatuu qaban, xiyyeeffannaan

farreewwan kanaa tokkummaa Oromoo diiguu, qabsoo bilisummaa Oromoo dhageettii

dhoogguu, ukkamsuu, laamshessuu fi dhabamsiissuf yaalii fi tattaafii godhaa jiru; godhaallee

turan. Kana dura dhaabatamuun, dirqama lammummaa ti.

Dhugaan lafa jiru, Afaan Arabaa Afaan ummata bala’a naannoo Oromiyaa jiraatuu ti. Addunyaa

keessa, ummata miliyoona dhibba afurii fi digdamatu Afaann kana dubbata. Naannooma

Oromiyaa duwwaa ummata miliyoona heddutu Afaan kana dubbata. Afaan isaaniitiin waayee

Oromiyaa, Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo isaaniif ibsuun, himuun, fi isaan barsiisuun

dhimma amantii miti. Afaan Arabaatiin sanyii duguggaa, hidhaa, guraarasa, ajjeechaa,

hacuuccaa, saamiinsaa fi hiyyummaa gadaddoo, Wayyaaneen Oromoo fi Oromiyaa irratti

raawwataa jirtu, saboota Afaan Arabaa dubbatuuf himuun yakkaa miti; balaa dalaguu miti;

amantiillee miti. Akkuma beekkamu, waggoota hedduuf Suudaan qabsoo keenya deeggaraa fi

mararfataa ture. Kuniis kan ta’eef, waayee keenya Afaan ummatni Suudaan dubbatu Afaan

Arabaatiin waan itti ibsameef. Biyyootni kolonii Awroppaa jalatti kufan, waggoota qabsoo

bilisummaa isaanii godhaa turan, Afaanuma koloneeffataatiin saboota lammii koloneeffatatti

himaa turan. Oromoonis, kanumaaf wanti Afaan Amhaaraatiin Amhaaraa fi saboota impaayera

Itoophiyaa keessa jiraatan kan Oromiffaa hin beekneef wanti himamaa jiruuf. Sab-qunnatiin

saba kamiiyyuu, rakkinna saba isaa, saba gara biraatiif Afaanuma saba saniitiin ibsuun balleessaa

miti, sirii dha malee.

Lammiiwwan Oromo kan beekaas ta’ee ykn odoo hin beekin OMN Afaan Arabaatiin

odeeffannoo tamsaasuu kan balalleeffataa jirtan diqqoo dhaabatanii odoo ittiyaadanii bareedaa

dha. Balaaleffanaan kun gara makmaaksa Oromoo: “Horii abbaan gaafa cabse, ormi ija

balleessa” jedhutti akka nu geessine, of eegganoo guddaa gochuun barbaachisaa dha. Har’a,

Wayyaaneen gaafa OMN bu’uurfamee odeeffannoo Oromiyaa keessa tamsaasuu jalqabee, itti

duulaa turuunii fi ammaas itti duulaa jiraatuun ifaa dha. ‘Dish’ Oromoon odeeffannoo

Televiziyoona OMN dabarsuu dhageeffatuuf qaban mana isaanii irraa caccabsaa akka turte waan

irraanfatamuu miti. Amma ammoo, OMN Afaan Arabaatiin odeeffannoo Oromiyaa kan olaa

Oromiyaa jiraatan kan dhiyootii fi kan fagootiifiis waayee Oromoo fi Oromoo dhageesisuuf

saganteeffanaan, Wayyaaneen sadarkaa ol’aanatti duula hamaa irratti bobbaaftee oofaa jirti.

Lammiiwwaan Oromoo kan sagantaa OMN balaaleffataa jirtan, balaaleffanaan kun diina

Oromoo Wayyaanee wajjiin akka isin dhaabaa jiru hubatuu qabdan. Kanaaf, dhaabatamee,

yeroon fudhatamee ittiyaaduun barbaachisaa dha.

Gabaabamatti, lammiiwwan Oromoo dhaabbii dhaabataa irkoo qabsoo bilisummaa Oromootiif

ta’u qabaachuun barbaachisaa dha. Deegaruunis ni feessa. Dura dhaabatuun, mormuun fi

abaaruun furmaataa miti. Haala akkanaa irraa of qusachuun barbaachisaa dha. Kanaaf, qabsoo

bilisummaa Oromoo addunyaa hubbachiisuu fi barsiisuuf OMN hamma humni isaa danda’etti

Afaan hundaan waayee Oromoo fi Oromiyaa dabarsuun qabsoo bilisummaa Oromoo gargaara

malee hin miidhu.

Oromiyaa NI Bilisoomti!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …