Oduu Haaraya

Adeemsa Paartii Dimokraatawa Oromoo (PDO) keessa iccitii maaltu jira?

 

 

Berhanu Hundee

 

Galanni Fincila Diddaa fi Xumura Gabrummaa uummata Oromootiin keessumaayuu immoo Qeerroo Oromootiin godhameef haa ta’uu, DhDUOn (OPDOn) durii sun hirriibarraa dammaqxee; ofhaaromsus eegaltee jirti. Adeemsa haaromsaa kana keessatti maqaan, faajjii fi faaruun dhaabichaa akka jijjiirames labsanii turan. Kaayyoo dhaabichi ittiin hundeeffame laalchisee, jijjiiramuu isaa ani quba hin qabu. Jijjiiramee yoo ta’e kaayyoon isaanii haaraan maal akka ta’e hin beeku jechuu kooti. Jijjiiramni godhamu kamuu uummataaf kan tolu yoo ta’e, deeggaramuu fi jajjabeessamuus qaba jedheen amana. Haa ta’u malee, jijjiiramni DhDUOn (amma PDOn) godhaa jiran yookaanis immoo adeemsi isaanii kun hangam uummata Oromoo akka fayyade yoo laalle, waa hedduu gaafii keessa galcha.

Barreeffama kana keessatti adeemsa PDO keessatti waanan hubadhe tokko tokko kaasuun barbaada. Dhimmi ani kaasuu barbaadu gaafiilee armaan gadii wajjin walqabataa yoo ta’u, garuu mata-dure muraasaan walitti qabee dhiyeessuun yaala.

  1. Jijjiirama PDOn godhaan jira jedhu kanarraa uummatni Oromoo hangam bu’aa ykn faayidaa argate?
  2. Miidhamni uummata keenyarra gahaa ture sun har’a dhaabbatee jiraa? Nagaa fi tasgabbiin uummata Oromoo eegamee/eegamaa jiraa?
  3. PDOn Oromiyaa keessatti filmaatni haqa ta’e tokko akka godhamu haala mijeessaa jiraa?
  4. Jaarmayoota mormitootaa (morkitootaa) wajjin dhimma Oromoorratti hangam hojjechaa jiru?
  5. PDOn dhugumatti dirree siyaasaa babal’isanii filmaata dhugaa ta’e tokko keesatti hunduu walqixxummaadhaan akka waldorgoman hojjechaa jira moo jijjiirama haqaa fakkeessee duubaan garuu fedhii isaanii guutuuf jiru?
  6. Dhugumatti filmaataaf hojjechaa jiru moo mootummaa Oromiyaa ta’anii itti fufuu barbaadu? Filmaatnuu godhamuuf deema moo hafuu ykn turuu danda’a?

Bu’aa, nagaa fi tasgabbii uummatni Oromoo argate laalchisee

Dhugaa dha, akkuma jedhamaa ture fi hunduu dubbachuu danda’u, hidhamootni mana hidhaatii bahan, LYM uummatarraa ka’e, jaarmayootni fi namootni dhuunfaa biyyatti galan fi k.k.f akka jijjiiramaatti ykn bu’aa argameetti kaasuun waanuma argamuu dha. Kuni immoo wareegama ulfaataa uummatni Oromoo ittikaffalen dhufe malee waan jaarmayaan tokko fidee miti. Jijjiiramni himaman kun akkuma jiraniti ta’anii, garuu yoo dhugaa haa dubbannu jenne, har’allee uummatni Oromoo nagaa fi tasgabbii argatee hin jiru. Har’as akkuma kaleessaa uummatni keenya dhiigaa, ajjeefamaa fi qayee fi qabeenya isaarraa buqqa’aa jira. Egaa, erga nagaan uummata keenyaa hin eegaminii bu’aan argame fi jijjiirama guddaatu dhufe wanti nama jechisiisu maali? Itoophiyaadhaaf akka biyyaatti jijjiirama gudaatu mul’ate; garuu Oromoof haalli jiru akkuma durii sana. Dhugaan hadhooftus amanuu fi liqimsuu qabna.

Dirree siyaasaa babal’isuu fi filmaata haqaatiif qophii godhuu laalchise

Jaarmayootni mormitootaa biyyatti galanii hanga danda’ametti bilisummaadhaan socho’aa akka jiran ni dhaga’ama. Haa ta’u malee, jaarmayoota Oromoo laalchisee hagam dhugaadhaan fedhii uummata bal’aa Oromoo guutuuf waliin hojjechaa jiru kan jedhu gaafii guddaa dha. Kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan; dhoksaadhaanis ta’ee ifatti waldura dhaabbachuun mul’achaa jira yoon jedhe dhara waan ta’u natti hin fakkaatu. Jaarmayootni keenya garee barbaadanitti walitti dhufanii tokkoomuun waan simatamuu qabuu dha. Fakkeenyaaf, dubbiin kun hangama akka lafa qabate beekuun rakkisaa ta’ullee, ABO fi KFOn waliin hojjechuuf waliigaltee godhuun hunda keenyaa gammachiisee jira. Karaa biraatiin immoo jaarmayootni Oromoo kan akka ATWO, ABO-Tokkoome fi ADO sadeen kun PDO waliin akka tokko ta’an ykn ta’uuf deeman dhaga’amee jira. Haa ta’u malee, wanti anaaf ifa hin ta’in tokko garee lamaan kun humna Oromoo cimsuufi moo waldura dhaabbachuuf deemu laata? kan jedhu dha.

Akkuma dhihoo kana dhaga’ametti, PDOn namootaaf muudama taayitaa godhee jira. Isaan kana keessaa tokko tokko hoggantoota jaarmayoota Oromoo ATWO fi ABO-Tokkoomee ti. Akkuma baddaatti ibsame, jaarmayootni kun PDO wajjin walittibaqanii yoo ta’e, as keessaa namoota gara MNOtti fiduun rakkoo hin qabu. Haa ta’u malee, gochaan kun hanga filmaatni godhamutti yeroo ce’umsaa kana keesatti mootumicha cimsuuf moo mootummaan kun fuuldrattis akka ittifufamu barbaadamee ti? Moo filmaata dhufu keessatti garee cimaa tokko ta’anii as bahuufi?  Moo dhugaa dubbachuuf jaarmayootni Oromoo lama kan uummata biratti baay’ee jaalataman ABO fi KFOn waliin hojjechuuf waliigalteerra gahuun isaanii kan hafan yaaddessee ta’inaa laata?

ABO fi WBO hiikkachiisuu laalchisee

Waayeen WBO hiikkachiisuu kun dhimma baay’ee rakkisaa fi walmormisiisaa ta’ee haasa’amaa jira. Waliigaltee ABO fi Mootummaa jidduutti ta’e ykn ta’urratti hundaa’uudhaan kan waan kana murteessu ABO ta’ullee, ani akka nama dhuunfaatti, akkuman barreessaa tures, WBO hiikkachiisuun nagaa fi nageenya Oromootiif gaarii hin ta’u jedheen amana. Kun ABOf dubbachuu osoo hin taane, yaada fi laalcha dhuunfaa kiyyaa ti. Dhugaa dha dhimmi kun rakkisaaa akka ta’e naaf gala. Sirna diimookraasiin dhugaa keessa jiru tokko keessatti hidhattootni lama walbira jiraachuun hin danda’amu hin hayyamamus ta’a. Haalli Itoophiyaa keessa jiru garuu kan wabii hin qabne waan ta’eef, gama tokko hiikkachiisuun gaaga’ama hamma kana hin jedhamne fiduu danda’a. Waayee kana waanuma seenaarraa arguu dandeenyuu dha, Fakkeenyaaf waan bara 1992 ta’e haa yaadannu.

Ani Oromoo jidduutti rakkoon akka uumamu barbaadee osoo hin taane, dhugaa lafarra jiru haa laallu yoo jenne, PDO keessa namootas ta’ee gareen WBOn akka jiraatu hin barbaadne jiru. WBOn biyyatti galee dhiisii, yeroodhuma mariin Asmaraatti godhamaa ture sanaayyuu warri waan kanatti hin gammadin PDO keessa lakkoofsi isaanii xinnaa hin turre kan jedhutu dhagahamaa ture. Wanti barreeffamaan argaa turre tokko tokko shakkii kana ifa taasisu. Waan ta’eef, gareen jibba ABO fi/ykn WBO qaban kun PDO keessatti mormii waan qabaniif, sababa kanaan dhiibbaa godhanii akka WBOn hiikkatu taasissuf tattaafachaa jiru. Ammaaf itti fakkaatee ta’a malee, WBOn jiraachuun Oromoo kamiifuu balaa hin ta’u. Nageenya Oromootiif wabii ta’a malee WBOn ilmaan Oromoo miidhuuf hidhaannootti hin seenne. Dhugaan kun maaliif hubatamuu dadhaba? Moo yoo WBO fi ABOn cimaa deeman PDOf yaaddoo dhaa? Maaltu isaan yaaddesse?

Egaa, barreeffama kiyya gara xumuraatti fiduuf, dhaamsi Oromummaa ani PDOtiif carraa kanaan dabarsuu barbaadu, akka durii sanatti laaluu fi yaaduu akkasumsa tooftaa dur barame sanatti fayyadamtanii waan hin taane; waan booda isinillee miidhuu danda’u dalaguurraa ofqusadhaa. Dhimma Oromoorratti haalduree tokko malee jaarmayoota Oromoo wajjin waliigalaa. Hanga jaarmayaa MNO taatanitti kan dabre dabree, kana booda uummata keenyarra miidhaan akka hin geenye hojjedhaa. Uummata keenya waraana irratti banamu irraa ittisaa. Uummata kana bulchaa jirra jettanii kan amantan yoo ta’e, nagaa fi tasgabbii uummata Oromoo eegaa, eegsisaa. Jaarmayoota Oromoo wajjin garaa qulqullinaan waliin hojjedhaa. Yoo waan jedhame kana hundaa hin goone, booda kan itt rakkatu eenyu akka ta’u hin dagatinaa.

Ulfaadhaa!

 

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …