Oduu Haaraya

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Abbaay Tshaayee Dabalatee Namoota 7 Gaggeesse.Muktaar Kadir Ammoo Dura Taa’aa Dh.D.U.O Ta’uun Filatame

Qeeyroo

Addi Bilisa Baasaa Ummta Tigraay obbo Abbay Tsaayee dabakate namoota 7 miseesumma koree jiddu galeessaa keessaa kabajaan gaggeesseera.

Akkaatuma kanaan:-

1.O bbo Abbaay Tshaayee

2.Obbo Teewoodiroos Hagoos

3.Obbo Abbaadii Zammuu

4.obbo Tsagaayee Barihee

5.Adde Roomaan Gabrasilaasee

6.Obbo Tawalda Barheefii

7 Obbo Taklawayin Asaffaa miseensummaa koree jiddu galeessa keessaa kabajaan gaggeeffamaniiru.

Addichi murtee kana kan dabarse oolmaasaa guyyaa shanaffaatiin akka ta’e beekameera.

Addichi yeroo eegalutti, miseensota koree gidduu duraan gaggeeffaman 17 deebisuun akka filanii fi filaman aangomsee jira.

Yaa’ichi  filannoo miseensoota koree jiddu galeessaa adeemsisuun xumurama jedhamee eegamaa jira.

Sochiin Demookraasummaa Saba Amaaraas obbo Addisuu Laggasafi obbo Yooseef Rattaa miseensummaa koree jiddu galeessaa keessaa kabajaan gaggeessuun isaa kan yaadatamu.

Gama biraan ammoo   Yaa’iin OPDO-DhDUO Adaamaatti gaggeeffamaa ture, dura taa’aafi dura teessuu ittaantuu dhaabbatichaa filachuun har’a xumurame.

Obbo Muktaar Kadir dura ta
Ob Muktaar Kadir

Gabaasaan keenya Adaamaa irraa akka beeksisetti, yaa’ichi obbo Muktaar Kadir dura taa’aa dhaabbatichaa gochuun yeroo lammataaf filatee jira;  Addee Asteer Maammoo immoo dura teessuu ittaantuu dhaabatichaa gochuun filateera.

Yaa’ichi miseesoota koree hojii raawwachiiftuu lakkoofsaan 81 ga’anis filateera.

Isaan keessaa immoo miseesnoota koree jiddu galeessaa 15  eeramanii ture.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …