Oduu Haaraya

ABOn dhimma waliigaltee mootummaa wajjin jiruufi amma ‘cabaa jiru’ jedherratti waajjira dhaabichaa magaalaa Finfinnee, Gullallee argamurraa ibsa kenneera.

https://www.facebook.com/dursa.abadir/videos/2088618144563650/

Ibsi hayyuu duree dhaabichaan kenname waliigaltee dhaaabnisaanii otoo biyyatti hin galiin mootummaa wajjin taasise ibsuun jalqaba.

ABO fi mootummaan Itoophiyaa injifannoo wareegamaan dhufe kana gara sirna dimokiraasii amansiisaa ta’etti ceesisuuf Eertiraatti waliigallee turre,” jedhu Daawud Ibsaa.

Dhimmoota Waliigaltee
Waliigaltee waraana dhaabuu,
Waraanni mootummaa, humni tikaa fi poolisiin garee mootummaa qofa deeggaraa ture; seera kabajanii gartuu mara ija walqixaan akka tajaajilan taasisuu.
Akkasumas waraanni ABO caasaa nageenyaa mootummaatti akka dabalamaniif.
Oromoota mootummaa waggoota 27 darbanitti achi buuteen isaanii dhabame barbaadamanii bu’aansaas akka uummataaf ifa ta’u.
Namootaa fi gartuu waggoota dheeraaf mirga namoomaa sarbaa turan seeran akka gaafataman.
Cehumsa kanarratti hundi keenyaa qooda qabaannee cehumsa kanaafis tumsa gama keenyaa akka taasifnu, kan jedhan turan.
Bu’uura waliigalteewwan kanaan Addi Bilisummaa Oromoo gara biyyaa galuu dubbattu Obbo daawuud.

Leenjii Loltoota WBO
Waraanni Adda Bilisummaa Oromoo leenjii fudhatee caasaa nageenyaatti akka dabalamuuf koreen waloo hundaa’ee ABO waraanasaa 1300 mooraa Ardaayittaa galchee jira jedhu obbo Daawud Ibsaa.

Haa ta’u malee dhimmoota waliigaltee taasifameen alatti raawwatamaniiru jedhaman Obbo Daawud ibsaniiru. Isaanis:

Waraana leenjii fudhatu gareen lamaanuu waliin akka too’atuuf waliigalamus, angaa’onni ABO Ardaayittaa deemanii waraanasaanii akka haala irra jiran hin to’anneef dhorkamuu.
Mooricha keessatti karaa waliigalteen ala ta’een siyaasni paartii tokkoo barsiifamuu,
Qabiinsi waraana isaanii mooricha keessatti akka hidhamtootaatti malee akka waraana leenjii fudhatuutti ta’uu dhiisuu,
Leenjiiin kennamu jalqabi fi dhumnisaa beekamuu dhabuu,
Kanaan alattis mootummaan waraana ABO gara lixaa jirutti waraana guddaa bobbaasuun lolli akka eegalu gochuu.
Dabalanis, ”Lixaan alattis mootummaan naannolee akka Salaalee, Baale, Bujii, Eebantuu fi kutaalee Oromiyaa biroo keessatti waraana baneera,” jedhan Obbo Daawud.

Mootummaan waliigalteen karaa guutuu ta’een hojiirra akka hin oolleefis karaa waraanni keenya jiru Moyyaalee fi Lixa Oromiyaatiin lolli akka ka’u taasiseera,”

Paartiin ODP ibsa baaseen waraanni labse karaa kamiinuu fudhatama kan hin qabnee fi waliigaltee keenyaan faallaa kan ta’edha jedhan obbo Daawud.

ABOn ce’umsi kuni karaa nagaa qabeessa ta’een akka milkaa’uu fi waliigalteen mootummaa waliin seenne karaa guutuu ta’een akka hojiirra ooluuf mootummaan waraana bobbaase deebi’uu qaba.

Kanaan alattis mootummaan waraana kana bobbaasuu itti fufee nageenyi akka hin jiraanne kan godhu yoo ta’e uummannij fi warri waraanni itti bobba’e ofirraa qolachuuf ni dirqamu jedhan.

‘Mootummaan nagaa buusuu fedha taanaan, gama keenyaan qophiidha’
Gama biraatin tibba kana magaalaa Finfinnee keessatti miseensonni ABO fi Oromoonni humna tikaatiin butamaa jiru.

Kanaafis mootummaan namoota karaa sirrii hin taaneen hidhaman kana yeroo gabaabaa keessatti akka gadhiisuuf gaafataniiru.

Tibba darbe anga’oota Beenishaangul Gumuz ajjeesuun ummanni akka buqqa’uuf ka’umsa kan ta’e waraana ABO ti jedhamee karaa mootummaatin kan ibsames dhugaa miti jedhan.

Maqa balleessiin waan hunda gara ABOtti fiduun sababa godhachuu itti fufuu kan mul’isu ta’uu eeran obbo Daawud Ibsaa.

”Gochi amma mootummaan itti jiru hojii ABO dadhabsiisuuti,” jedhaniiru. Haa tahu malee, mootummaan nagaa buusuu fedha taanaan, gama saaniin qophii tahuus himaniiru.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …