Oduu Haaraya

ABO Kutaa Iskaandineeviyaa (Scandinavia) fi konyaan ABO Oslo waliin ta’uun kabajan Guyyaa Gootota Oromoo  Ebla 29, 2017 magaalaa Oslo itti qopheessee jira.    

elemo2017
Kabaja Guyyaa Goototaa Oromoo, qabsoo ABO gaggeefamaa jiruu fi marii hawaasaaf qopha’ee  irratti Oromoo Scandinavia keessa jiratan hundi akka irratti hirmaatu waamicha keenya kabajaa fi lammummaa kana dura dhiyeessuun keenya ni yaadatama. 

Marii qophaa’ee kan irratti hooganni Olaanoo ABO’n   hawaasaa Oromoo walga’ii kana irratti argamaniif haala QBO yeroo ammaa ilaalchisee ibsa bal’aa ni kennama.  Akkasumas obbo Lammii Beenyaa, Qeerroon biyyaa keessa akkamiin guyyaa kana yaadataa fi akeeka Gootota keenyaa galmaan ga’uuf sadarkaa irra jiruu, akkasumas  akka Sabaati rakkina xaxama siyaasaa keessaa ba’uuf uummatani Oromoo  maala gochuu qabnaa irraati mariin bal’aan ni taasifama.

Galgallii aadaa Artistoota Oromoo Elemo Ali; Hirpha Gaanfuree; Hayiluu Kitaabaa; Tottobaa Taddasaa; Joon Abaate fi Daanga Hayileyesus kan hirmaachisu qophaa’ee jira.



Guyyaa: 29/04/2017

Sa’aa: 14:00-00:00 
Bakka: 
Oppsal Samfunnshuset  
             Vetlandsveien 99/101
             0686 Oslo

 
 Koottaa waliin Gootota keenya haa yaadannu!

IUO’f!

Nagaa wajjin!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …