ABO fi DhDUO/PDO

 

 

Berhanu Hundee

 

Akka yeroo ammaa dhagahamaa fi hubatamaa jirutti, ABO fi DhDUOn/PDOn atakaaroo cimaa keessa seenanii tokko kan biraa balleessuuf waan yaalaa jiran fakkaata. Haal amma uumame keessatti, Eenyutu balleessa qaba? Eenyutu dhugaa qaba? Isa kamtu balaaleffatamuus qaba? gaafiile jedhaniif deebii madaalawaa kennuun nama rakkisa.

Haa ta’u malee, biyyattii Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti aadaan siyaasaa barame tokko: humni tokko kan biraa caalee argamuu dhiisee, kan isaan mormu ykn morku tokko balleessuu ykn dhabamsiisuu dha. Adeemsi akkanaa kun garuu biyyattii tana gaaga’ama keessa galchaa ture fi ammas jira malee bu’aa inni argamsiise hin jiru.

Ani akka nama alaalaa taa’ee dubbii hubatuu tokkotti fi miseensa jaarmayaa siyaasaa kamiituu hin ta’in tokkootti, dhimma kanarratti yaada dhuunfaa dhiyeessuun barbaada. Ani jaarmayaa ykn garee tokko deeggaree kan biraa balaaleffachuuf osoo hin taane, haala uummatni keenya keessa jiru fi kaayyoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) irratti hundaa’uudhaan yaada fi ilaalcha kiyya ibsuufi.

Duraan dursee jaarmayootni kun lamaan maaliif walshakku? Maaliif amantaa walirraa hin qabaanne? gaafiile jedhaniif deebii kennuuf senaa jaarmayoota lamaanii laaluun barbaachisaa dha. Akkuma beekamu fi seenaan ragaa ta’u, Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) kaayyoo qulqulluu ta’e qabatee, ijoollee Oromootiin ijaarame. Kanaafuu dadhabbina fi laafina qabaatulle uummata Oromoo biratti jaalatama. Dogongorrii guddaan hojjetamaa jiru garuu sababa kamiinuu haa ta’uu, jaarmayaa hedduu jaalatamaa ta’e fi Oromiyaa guutuu keessatti deegarsa cimaa qabu kana gandatti ykn kutaa tokkotti yookaanis immoo akka garee tokkootti gadi xiqqeessanii laaluu dha. Har’a waayeen ABO yoo ka’u kan qubni itti qabamu ABO Obboo Daawudiin hogganamu kan Shanee Gumiitiin beekamuu dha; kan yeroo baay’ee namootni “Shanee” jedhanii yaamanii dha. Jaalatamus jibbamus har’a Oromiyaa keessatti ABOn deeggarsa guddaa fi xinnaatullee humna qabu isuma kana dha.

DhDUOn har’a maqaa jijjiirratee PDO (ODP) jedhamu, ijaarsuma isaarraa kaasee, waan inni hojjetaa ture yoo laalame, jaarmayaan kun akka dhaabaatti xurii isaa dhiqatee hin qulqulloofne. Namootni jaarmayaa kana keessa jiran, warri uummataaaf quuqaman waan gaarii uummata Oromootiif hojjetanillee, dhaabni kun akka dhaabaatti miidhaa inni uummata Oromoorraan gahetu caala yoo jedhame kun dhara hin ta’u. Kun seenaa fi dhugaa lafarra jiru malee olola oofuu miti. Karaa biraatiin immoo, dhaabni kun fedhii diinaa guutuuf kan ijaarame qofaa osoo hin taane, bilisa ykn walaba ta’ee, fedhii uummata bal’aa Oromoo eeguuf hojjetee hin beeku; har’as hojjechaa waan jiru hin fakkaatu. Mootummaa Naannoo Oromiyaa jarmayaa kanaan bulu jalatti har’allee uummatni Oromoo nagaa argachuu hin dandeenye. Akkuma kaleessaa har’as du’aa fi buqqa’aa jira. Waan ta’eef, Oromoon dhaaba kanarraa abdii fi amantaa dhabee jira.

Egaa, gara dhimma mata dureetti deebi’uuf, ABOn jaaramayaa kanarraa shakkii kan qabaatu seenaa fi hojii dhaaba kanaa waan beekuu fi waan bara 1992 ta’es waan yaadatuuf jecha hidhannoollee hiikkachuu dida. DhDUOn/PDOn immoo gama isaatiin sababaalee gurguddoo lamaaf ABOrratti duuluu yaala jedheen yaada:

  • Tokkoffaa, aadaa humnaan irra aanuu fi kan biraa dhabamsiisuu ADWUI keessatti barate fi keessatti guddate sana har’allee itti fayyadamuu waan barbaaduuf; gara humnaatiinis mootummaa waan ta’eef humna caalaan qaba jedhee waan amanuuf, karaa kanaan ABO lolaan injifachuuf waan carraaqu fakkaata;

 

  • Lammaffaa, jaalatamus jibbamus, fudhatamus dhiifamus, amanamus amanamuu baatus, DhDUOn/PDOn filmaata dhufuuf jiru keessatti, ABOn deeggarasa uummata bal’aa Oromoo akka qabu fi injifachuu akka danda’u waan beekuuf, karaa fi tooftaa danda’amu hundaan ABO laaffisuuf yaalii godha. Kanaafuu, ABO yookaan akka garee tokkootti yookaanis immoo akka waan inni diina wajjin hojjetuutti dhiyeessuu barbaada jechuu dha.

Wanti beekamuu fi hubatamuu qabu garuu, jaarmayootni Oromoo kamiiyyuu walballeessuuf (waldhabamsiisuuf) yoo walirratti duulan, kan qaawwa fi carraa uumamu kanatti fayyadamu diina waan ta’eef; diinni haala kana keessatti humna yoo horate immoo isaan hundaa balleessuu akka danda’u; akkasumas uummatni Oromoo jidduutti akka miidhamuu dha. Kanaafuu, yeroo waltumsuun barbaachisaa ta’etti ilmaan Oromoo diina walitti ta’uun uummata Oromootiif bu’aa hin fidu.

Dhumarratti waan Jawaar Mahaammad dhiyoo kana dubbate tokkoon, barreeffama kana xumura.

 

“BARA 1974 HOGGANSA DHABNE;

BARA 1991 JAARMAYAA DHABNE;

BARA 2018 YOO JIJJIIRAMNI KUN HIN MILKOOFNE SABAA FI UUMMATA DHABNA”

 

Ammas yeroo sadaffaadhaaf carraan nu dabruuf deemaa laata??? Dubbii beekaatu hubata; balaa namtti deemaa jirus hubataatu alaalatti arga.

 

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

– MARSAA LAMMAFFAA – Kutaa Tokkoffaa – Berhanu Hundee Yaadachiisa: Mata duree “Qabsoon Bilisummaa Oromoo …

Yaada kanaaf deebisaa kenni