Oduu Haaraya
tplf opdo

Aangawoota DHDUO Faarsuurratti  Ni Jarjarree Laata?

Hawi Anole ~ Mud/2017
. . . . . . . . . . . . . . . . . . . . .
Jaallewwankoo1f447 1f3fb👇🏻

Cunqursaa waggoota hedduuf uummata keenyarra gahaa tureef qaamoleen itti gaafatamummaa qaban danuudha. Erga sirni ADWUI biyyattii qabatee as garuu gaheen DHDUOn uummata keenya alagaadhaan gabroomsuuf qabu baay’ee ol’aanaadha. Alagaa Afaaniif lafa keenya hin beekne gandaa hanga gandaatti masakuurraa kaasee Lammii Oromoo Oromummaa isaaf dhukkubsatee dubbate hunda kan eeree hisiisaa, tumsiisaafi ajjeesisaa baye DHDUOdha. San hundarras dabree Oromoo diinaan ajjeefameef gadduufi nahuu dhiisee alagaa rasaasaan guyyaa adiidhan nu ajjeese hoggansi galateemfachaa ture akka dabres waanuma hundi keenya beeknudha. Gama kanaan waan hedduu waan beektaniif dubbii bal’isuun faaydaa hin qabu.

Aangawoonni DHDUO har’aa yeroo haasaa jijjiiramaa eegalan, yeroo waan tokkummaa Uummata keenyaa faarsan, yeroo Uummata keenya malee homtuu nu hin ajaju, Ammaan achi kan nu masaku uummata keenya yeroo jedhan hedduun keenya itti qoosaa, ija shakiitiin ilaalaa turre. Irra deddebinees isaan madaalle. Madaallii keenyaan hundi keenya akka dhuunfaa dhuunfaa keenyaatti waan itti amanne uummata keenyaaf qooduu eegalle. Anis gama kootiin, hanguma fedhe shakkii qabaadhus, hoggansi DHDUO yeroo ammaa isa duriirra harka dhibbaan akka caalu ifatti dubbadhe. Kana jechuudhaaf immoo waan ragaadha jedhe hunda dhiheesseen ture. As biratti wanti hubachuu qabnu jijjiirama hoggansa siiviiliifii hoomaa waraanaa jidduu garaagarummaan guddaa jiraachuu isaati.

Ajjeechaan kaleessa Calanqootti raawwatame kan hunda keenya gubeedha. Gamtokkoon duuti ilmaan teenyaa yoo garaa nu nyaatu gam birootiin immoo haalli gabaasa dubbichaa kan hunda keenya gaddisiise ture. As biratti namoonni hedduun aaridhaan DHDUO abaaruu, hoggansas akkuma dur arrabsuutti ka’an. Kuni waanuma eegamuudha. Dhiigatu dhiigaaf rifataaf lammii keenyaaf rifatee namni hundi waan jedhu jedha. Ta’us garuu haqa jiru eegaa adeemuun egeree keenyaaf faaydaan inni qabu guddaadha. Diinni keenya har’as, kalees ifuma jira. Tarsiimoon dur ittiin nu dhahaa turan nu qoqqooduu ture. Qoqqoodamiinsi suni ‘hirribaa dammaqiinsa’ Aangawoota DHDUOtiin hamma tokko laaffataa dhufee Tokkummaan keenya sadarkaa gaarii irra gahuu danda’eera. Diinni ammas qaawwa kamiyyuu fayyadamee adeemsa kana dhawuu barbaada. Tarsiimoo kana keessaa inni tokko immoo Uummataafi hoggansa eddoo duritti deebisee wal nyaachisuudha. As biratti nuti qarummaadhaan diina dursinee argamuun dirqama nutti ta’a. Hammuma feene gaddinus, diinaaf qaawwa banuun nurra hin jiraatu. Tarii kan akka koo kompiyuutara/ bilbilarra taa’ee barreessuuf eenyunuu arrabsuun, kallattii qabsoo lafa kaa’un, gorsuun, ajaja dabarsuun salphaa ta’uun isaa ni mala. Garuu abidda biyyaa belbelu sana keessa dhaabatanii falmuun garuu waan biraati. Inni qamaan keessa taa’anii qabsaa’an aarsaa, gootummaafii kutannoo jajjaba gafata. Kanaafuu, hundi keenyayyuu hamma dandeenyeen obsa dabalachaa adeemuu malee shira diinaatiin butamnee akka ofduuba hin furguggaanne amaanaa isinitti dhamachuun barbaada.

Kanuma
Keenyas Oluma
#HawiAnole

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …