Oduu Haaraya
lij iyyaasuu fi dr ahmed

Aaliwwan Oromoo sadeen Toophiyaa bulchan

 

===============
1. Ras Alii Warra Ejjuu 1819-1866
Mootii warra Ejjuu kan haada isaa Giiftii Manan waliin Ejju irra dabree Abiisiiniyaa bulchaa turee dha. Ifatti amantii Kiristaanaa fudhateera jedhama, iccitiidhaan garuu Musliima jedhamee hamatama ture. Haatahu malee warri Abiisiiniyaa zamana bulchiinsa isaa fi kan Alii isaan dura turee beekkamtii dhowwatanii ‘Zemene Mesafint (Era of Lords)’ jedhanii moggaasan. Giddu galeessa bara 1850ootaa keessa kan ka’e Tewodroos bulchiinsa warra Alii cabsee Alii fi haadha isaas booji’ee salphise.

2. Iyyaasuu Mohammed Alii – 1913 -1916
Ilma mooticha Walloo Mohammad Alii kan booda kiristaanummaa fudhatee Mikaa’eel jedhameeti. Haati Iyyaasuu intala Miniliki. Minilik ilma dhiraa waan hin qabneef bara dhuma jireenya isaa keessa nama siree isaa dhaalchisu waan dhabeef akka seeraatti Iyyaasuu ilma intala isaaf dhaalchisuuf dirqame. Iyyaasuu Alii joollummaa isaa irraa qabee eega siree dhaalee booda amantiilee Kirstaanaa fi Islaamaa walitti dhiheessuuf hojjechuu eegale. Siree dhaaluun Iyyaasuu Alii kan durattuu yaaddoo jaratti tahee ture Amaarri Shawaa Iyyaasuu waan ittiin rukutanii karaa irraa maqsan argatan. ‘Amantii masaraa keenyaa jijjiiree kan warra isaa duriitti deebi’e, naamusa dhabe…’ jechuun waan baay’ee itti maxxasanii taphaa ala godhaniin. Durattuu akkamitti aangoon hidda keenya keessaa baha jechuun lolaa turan waan taheef Iyyaasuu dhiibanii, abbaa isaa kan Wallo irraa waraana bobbaasee birmateef dirree lolaa Sagalee irratti dhahan. Booda Raas Tafarii (Hayla Sillaasee) muudan. Iyyaasuu ALii cubbuu jaraatiin ajjeefamee karaatti hafe.

3. Abiyyi Ahmad Alii 1976 –
Zamana Oromoon wal quba qabuu fi waliin qabsoo mirga isaa godhu keessa dhalate. Hiree gaarii argate kanati fayyadamuun aangoo siyaaasaa Itoophiyaa qabate. Bara jireenya isaa keessatti mootummaa Tigree EPRDF jedhamu keessatti waan dabarseef muuxannoo achi keessatti kuufate qabatee aangoo qabachuuf of qopheesse. Ebla 2, bara 2018 Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa tahuun moggaafame. Milkoomina isaaf qabsoon Qeerroon Oromoo godhe sababa guddaa ture. Akkasuma Abiyyi Alii sadarkaa kanaan gahuu irratti tarsiimoon jaala isaa Lammaa Magarsaa kan yeroo sanatti bulchaa Oromiyaa turee haalaan murteessaa akka tahe hayyoonni seenaa irratti walii galu. Abiyyi Alii maatii Musiimaa fi Kirstaana tahan keessaa waan dhalateef hariiroo hawaasota lamaanii jabeessuuf hojii milkaawaa akka hojjetetti beekama. Seenaa isaa keessatti hoggana Oromoo yeroo duraaf huccuu aadaa Oromoo masaraa mootummaa Itoophiyaa Shaggar seensise tahuun beekama. Seenaan Abiyyi Alii bifa kanaan eegale eessatti akka dhaabbatu seenaatu gara fuulduraaf barreessa.
==================
Aliiwwan sadan wantoota wal fakkeessan:
Sadanuu maatii Alii jedhamu keessaa bahan. Sadanuu warra sirna mootoma gonfoo (monarchy) shaakaluu ture keessaa dhalatan. Sadanuu amantii lamaan (Islaamaa fi Kiristaana) walitti dhiheessanii laalu, hundaan walii galu. Sadanuu warra aangoo mootummaa Itoophiyaa qabachuuf carraan isaan daaw’attee dha. Sadanuu Oromoo waan tahaniif warra hidda Kaabaa harkaa haangoo fudhachuuf laaftuu itti hin taane. Alii inni boodarraa kufaatii Aliiwwan duraa lamaan irraa barumsa fudhachuu danda’a. Raas Alii fi Iyyaasuu Mohammed Alii Oromoo saba isaanii birmachiifachuu waan hanqataniif harka alagaatiin dhahaman. Abiyyi Ahmad Alii yoo itti fayyadame carraa guddaa qaba. Bara sabni isaa dammaqiinsaa fi tokkummaa jabaa qabu keessa ka’e waan taheef haala saba isaa hin mufachiifnetti sochoonaan seenaa Oromoo biyyattii sana keessatti barreessee darba. Yoo hunda gammachiisuuf rakkachuutti saba sadarkaa kanaan isa gahe xiyyeeffannoo dhorkate garuu fagoo deemuu hin danda’u.

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …