Aadaa Oromoo

Aadaa  Oromoo

Oromiyaan aadaa hedduu qaba. Kana keessaa aadaa nyaataa, aadaa uffannaa, aadaa mana itti ijaaran, aadaa fuudhaa fi heerumaa, aadaa irreechaa,aadaa sirna ittiin bulmaataa,  aadaa ateetee, aadaa sirbaa, aadaa ittiin wal dhibdee furatan, aadaa ittiin bulmaataa fi kan biroo hedduu qaba.

Aadaa Nyaataa:

Oromoon nyaata heedduu qaba. Jalqaba nyaata ykn dhangaa kanan tarreessa. Isaanis: biddeen fi ittoo, caabetaa fi ittoo, marqaa, mooqa, daabboo, foon, hindaaqqoo (lukkuu), cuukkoo, caccabsaa, buna qalaa, hancootee,  nuugii, qoccoo, gooddarree, dinnicha, akaayii fi kkf.

Nyaata Oromoo akkuma nyaata biyya kamiiyyuu bakka gurguddaatti qooduun ilaaluun ni danda’ama.

Isaanis:

Nyaata Humna laatan ( carbohydrates):Warri kun irra caalaa callaa ( grains and cereals)  irraa warra argamanii dha. As jalatti kan ramadaman nyaata ija midhaaniirraa hojjetaman kan akka biddeenii, caabetaa, marqaa, mooqa, daabboo,maxinoo, cuukkoo, nuugii, saliixii, fi kkf faa dha. Irra guddaa beeddeenni ,caabetaan, daabboo, marqaa, fi mooqi kan tolfaman xaafii,  boqqoolloo,bisingaa, garbuu, qamadii yoo hammaate daagujjaa irraa ta’uu ni danda’u.Cuukkoo, fi caccabsaan garbuu ykn qamadii irraa hojjetamu. Garbuu fi qamadii tumuun qolli irraa akka ba’u erga godhamee booda, ni akkaa’u. Sana booda ni daaku. Erga daakanii booda dhadhaadhaan sukkuumu. Soogiddi illee caccabsaatti baayyinaan dabalama. Hub:Akkaataa isaan ittin  hojjetaman yeroo biraa barbaadna.

Ittoon humna kennuun fayyadan kan akka  itittuu, baaduu, atarii, shuburaa, phaapharii, fi kkf fayi. Dhadhaan ykn zayitiin warreen kana maratti ida’amuun mi’aa fi urgaa dabaluu malee umna kennuun gargaaru.

Nyaata gabbinaa ( Proteins): warri kun foon, lukkuu,hanqaabuu ( buphaa), qurxummii, haannan, itittuu, baaqilaa, akurii atarii, fi kan biroo irraa argamu. Oromoon foon saawwaa ykn sangaa,hoolaa, reettii (re’ee), hindaaqoo (lukkuu),booyyee, daarbee darbee quruphee, bosonuu,borofa,  gafarsaa, gogorrii,fi sololiyaa nyaata.

Kuduraafi Fudura ( Fruits and Vegetables): Kana jalatti kan ramadaman warra akka:

Viytaaminootni as jalatti ramadamu.

Maangoo, muuzii, loomii,burtukaana, mandariina, abukaadoo, paayin appilii, paappayyaa, appilii fi kkf.

Hancootee, raafuu, raafuu maraa,hundee diimaa, kaarotii, hanbaalbee,  goodarree, qoccoo, dinnicha fi kkf. Qaaraa ykn mimmixi illee as keessatti ramadama.

Oromoon guyyaatti akka aadaatti yeroo sadii nyaata. Kunis ciree, laaqana, fi irbaata taha. Ciree yeroo xiqqoo ta’u laaqanaa fi irbaatni quufanii kan nyaatamuu dha. Nyaatni Oromoon irra guddaa nyaatu biddeen yeroo ta’u bakka garaagaraatti gargar ta’uu ni danda’a.

Aadaa Uffannaa:

As keessaa muraasa maqaa dhahuun yaala: uffata dhalaa: qamisii, gurdii, marxoo,marata, faaya,, naxalaa,kophee fi kan biroo hedduun jiru. Hub: gara fuulduraatti qorannee barreessina.Faayi warra akka warqee harkaa, mormaa, gurraa,fi hanbaarrii, hanbaarrii ka biroo, faaya mataa, fi faayyi mormaa hedduun ni jiru.

Uffata Dhiiraa: qumxaa, kittaa, kofoo, bolaalee ykn surree,kootii, marxoo, surrii, naxalaa, fooxaa, faaya, fi kkf. Hub: gara fuul duraatti ballinaan ibsama.

Aadaa Mana ittiin ijaaran:

Oromoon mana muka, dhagaa, sibiila, qorqorroo, citaa, simminttoo, dhoqqee fi kkf irraa hojjechuun keessa jiraata. Asiratti akkaataa maani Oromoo itti ijaaramu hagas kan adda isa godhu yoo jiraachuu dhaa baatallee dinagdee irratti hundaa’uun manneetiin ijaaraaman gargar ta’uu malu. Dinagdeen haala manneetii Oromoon keessa jiraatanii haalaan murteessee jira. Kun gara fuulduraatti yeroo mootummaan Oromoo dhugaa tokko dhaabbatu haalaan irratti hojjechuu kan feesisu keessaa isa tokkoo dha.

Aadaa Fuudhaa fi Heerumaa (Gaa’elaa):

Aadaa Oromoo keessatti seera gadaatti  namni tokko yeroo umuriin isaa soddomii tokko ta’u gaa’ela ijaarrata ture. Amma garuu umurii 18 olitti irra guddaa dargaggoo fuudhaa fi heerumaa jiru.

Gosoota fuudhaa fi Heerumaa (gaa’elaa):

1.Cidha (rakkoo):

Aadaa Oromoo keessatti maatii fi firatu ilma fuudha ga’e tokkoof hintala heeruma geesse tokko barbaada. Maatiin gurbaan mariyachuun eega barbaadani, qomoo qoratanii, murtteessu. Gurbaan erga itti amanee jaarroleen mariyatanii, jaarsa ergatu. Jaarsis beellamma gaafatee warra maatii kadhata. Yeroo kana warri hintalaa yoo itti amanan beellama laatu. Beellamma itti aanutti tole ykn hin ta’u jechuun murtoo laatu. Yoo hata’u jedhan isa itti aanutti  beellami kan biraan qabamee waraqaan kadhannaa kennamee, jaarroleen deddeebi’uun dubbii xumuru. Gara walakkeessaatti gurbaan ni naqata, kun jechuu hintalaaf warqee fi uffata erga jechuu dha. Egaa fuudha malee maaltu haferee! Lakkii, yeroo birraan dhufu ykn ayyaanni gurguddaan dhufu maratti dibicha ,raada ykn gaala erguu qaba gurbaan. Qabeenya kana funaanuuf jecha warri hin talaa lafarra butu.

Walumaa gala aadaa/sirni kun sirna naqataa (kaadhimannaa) jedhama.

2.Ababbalii ykn Hawwee

Inni kun ammoo osoo warri hin beekiin warri walfuudhan waliif galanii walfuudhuu ta’a.

3.Sabbatmarii ykn Irra dhaaba

Gosti gaa’elaa kun ammoo osoo warri intalaa quba hin qabaatiin tasuma itti dhufanii akka aadaatti hatattamaan akka kennaniif gaafachuu fi fuudhuudha.

4.Aseennaa

Intalli manatti hafte ykn nama itti heerumuu barbaadde waan duudhaa fi aadaa guuttattee mana warra gurbaa dhaquudha.

5.Butii

Butiin fedhii fi beekumsa intalaa malee humnaan fuudhuudha, kuni amma waan seeran dhoowwameef hafaa dhufeera.

6.Dhaala: Inni kun yeroo obboleessi ykn abbaan manaa fira ta’e akka tasaa du’u nami tokko itti darbee haadha warraa nama du’ee sanaa fuudha. Kun manni nama sanaa ykn matiin isaa akka hin facaaneef gargaaruuf jecha kan ta’uu dha.

Aadaa Irreechaa

Irreechi yeroo Oromoon laga, horaa fi gaaratti irreeffatee Waaqa galateeffatuu dha. Oromoon irreecha yeroo lama ayyaaneffata. Kunis  yeroo arfaasaa gara ji’a Eblaa dhumaa qabee ji’a Caamsaatti gaaratti ba’uun kan ayyaaneffamu  yeroo ta’u inni lammataa fi guddaan ji’a Onkoloolessa dhumaa kaasee haga Sadaasa jalqabaatti laga bu’uun ykn hora dhaquun kan irreeffatamu ykn ayyaanefatamu ta’a.Bakki akka biyyaatti ballinaan beekamu Hora Arsadiiti. Irreechi jalqabaa, yeroo bonni darbeee ganni dhufu kan ayyaaneffatan yeroo ta’u inni lammataa yeroo ganni gurraachi darbee, galaanni gadi bu’ee, mukti daraaree, bareeduu fi ifuu ta’a. Irreechi ( Oromo thanksgiving) yeroo itti Waaqa galateeffatanii fi kadhatan yeroo ta’u Oromoo mara bakka tokkotti fiduun bu’aa guddaa qaba, Gumii Waaqeffattoota Addunyaa (GWA)(2012).

Maddaa: Daandii430

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Walaloo Goota Oromoo Aadam Dheeree Fulbaana 2017

Yaada kanaaf deebisaa kenni