Oduu Haaraya

SEENAA GABAABDUU SAYYID AABBIYYOO

 

(1914 – 1977)

Waxabajjii, 27, 2018

Abbaa Urjii tiin

Hawaasa tokko keessatti jaalalaa fii dhageeytii cimtuu horuun ummata if duubatti hiriirsuun, yaruma hundaa, salphaa miti. Hawaasni Afrikaa Dhihaa, haala kana, uumaa (qurxummii) akka qajjeebbuu, nyaadhamtuu, bahara keessatti wal hortuun fakkeeysanii mammaku. Mammaksichi, “qajjeebbuu zanbiila kessaa ol bahuu barbaaddu takka, dhibbaa tu itti rarra’ee gad harkisa” kan ja’u.

Haalli kuni, ummata diinaan injifatamee, bulchiinsa gabrummaa tiin gargar facaafame, kan hooggana akka hin horree fii wal jala hin yaane, humnaa fii tooftaa gara-garaa tiin adda dhoorkamu keessatti faa daran rakkisaa dha. Ummanni Oromoo, hawaasa baroota dhibbaa fii afurtam haala akkanaa tiin dabarse. Baroota dila kana, diinni, warroota ifiif irratti muuduun, hooggana malees, jaalala waliif qabaachuu qabu keessaa xuuxaa bahe. Akkasumaa waliin, gufuulee duratti tarrifaman irraan tarkaanfatanii, hawaasa keessatti jaalala daangaa hin qabne horuun, ummanni jalatti hiriiran keessaa tokko Sheekh Husseen Baalee (Husseen Malkaa Burqaa) ti. Isatti aanee, namni, dinqifama yaroon hin moofoysineen qoma lammii fudhatee, ummata, dhalaa fii dhiiraan, if jalatti hiriirse, Sayyid Aabbiyyoo dha.

Sayyidiin nama maqaan dhalootaa Abdii Quxulaa ti. Abdii Quxulaa, abbaa isaa, Qutulaa Qaallichaa tii fii haadha isaa Batuulaa Liiban irraa, toora bara 1914-ii, hawaasa Waataa keessaa nama dhalate. Waata, Garrii fii Gabri qomoo Oromoo damee Booranaa, kanneen fedhii isaanii malee, timjiin biyya Keeniyaa fii Xoophiyaa adda qoqqoodde. Hawaasni Waataa, durattii, warra adamoon jiraatu turan. Garuu, bara 1888, Engiliz akka Keeniyaa gabroomfateen, naannoo isaan adamoof keessa bobbahan lafa bashannanaa godhatee, haala jiruu isaanii ittiin gaggeeyfachaa turaniin adda baase. Kanarraa kan ka’e, irraa hedduu isaanii, lafa handhuraa isaaniirraa buqqa’anii faca’uu dirqaman. Warri Sayyidii tiis haaluma kanarraa,  muddaarraa Nageellee Booranaatti godaanuu fii innilleen naannoo sanitti dhalachuu tu himama.

Yoom akka achi dhufe hin beekkamne malee, iddoon Abdii Quxulaa maqaa Sayyidii tiin, dura, yaamamuu jalqabe, Magaalaa Jimmaa ti. “dandeeytii Arkii qaba. Raaga hima” ja’amee odoo namni itti deemuu, gaafa kaan, “nama du’een kaasa je’ee reeyfa awwaalcha hanqise”-en yakkamee hidhame. Sanirraan, heeraan walitti gufachuun naannoo sanii Goomma-tti godaansifte ja’ama. Bakki dura wa’izii (lallaba) amantii itti jalqabees achi tahuu tu himama. Odoo hin turin, Sayyidiin Goommaa-rraa gama Martuu, magaalaa guddittii Iluu Abbaa Booraatti, sossoohe.

Martuutti, Sayyidiin, Sheekhummaa moggaafatee, imaamata maratee, lallaba godhuun gurra hawaasaa fudhachutti seene. Odoo haala saniin jiruu, achirraa gama hawaasa Kaambaataatti ceehe. Haa tahu malee, Sayyidiin kan afaan Oromoo (loqoda Booranaa) malees, Engilizii, Xaaliyaanii fii Soomaalee dubbatu, warra Kambaataa tiin afaan wal-wallaale. Akkasiin, odoo xiqqollee hin turin, toora bara 1948 achirraa ka’ee magaalaa guddittii Baalee, Gooba qubate. Gooba’tti Sayyidiin hawaasaan wal fudhachutti seene. Garuu, namni yaroo sanitti qaadii biyyaa ture, kan Haaji Maammad ja’amu, intala isaa kennuuf malee, odoo,

“ Yaa sayyidii Abbiyyoo, yaa kan salaata fidee

Dhiira dhalaan martinuu, sumaanii sagadee

Dhufa kee dura namuu maalummaa saa dagatee

Yaa Abbiyoo kiyya hoo, Galanni kee ni badee”

ja’amee faarfamuu, niitii achumatti dhiisee, bara 1951 keessa, Waabee qaxxaamuree, Daaroo Labuu seene. Xiqqo booda, Daaroo Labuu keessa, naannoo Magaalaa Machaaraa irraa kiiloo-meetira soddom faagaattu, daggala irraa mancaasee, Ardul Sakiinaa (Lafa-qubsumaa) moggaasee fii, hadraa (galma) irraa dhaabbatee, faaruu keessaa dhawwaaysisutti seene.

Dibbeen faaruu Nabii, tan galma Ardul Sakinaa keessaa rukutamtu, yaroo gabaabduu keessatti, akka maqanaaxisni sibiila harkisutti, dargaa gama galmaa yaasuu jalqabde. Sheekni dargoota halkan shubbisaa bulan, guyyaa hundee bunaa dhaabuurratti bobbaase. Isaan malees, ummata karaa saniin olii-gad imaltaawaniin, “sawaaba (badhaasa Rabbii) arkattanii qotaa,” jechaa, odoo matatti boolla sadii qochisiisuu, yaroo gabaabduu keessatti, buna hundee kuma kudhan caalaa dhaabe. Haala kana keessa, galmi isaa tiis hundee bunaa waliin guddachaa dhufee, yaroo takkatti, urjiin isaa samitti ol fagaattee, faaruun Nabii tan isaatti bakka buutee,

“Sayyid Aabboo nuura shamshii qamaraa

Yaa laaffisaa shiddaa jabaatte maraa.”

jechuun hadraa keessaa lallabamte.

Yaa laaffisaa shiddaa jabaatte maraa waliin, oduun “Sayyid Aabboon kan dhukkubsate fayyisa; kan rakkate rakkoo baasa” jattu baddaa fii gammoojjii keessa lootee, dhibamaa Ardul Sakiinaa iyyaafachiisaa karaa galmaatti as yaafte. Akkanaan haalli Sayyidii yaruma takkatti Baha Oromiyaa dhunfatee, hadraa isaa malees, gandoota hunda keeysaa,

“Yaa Sayyidii jennaan kaate qalbiin kuftee

Karaamaan Aabbiyyoo goggogaallee jiiftee”

ja’amee dhalaa fii dhiiraan shubbifamutti seene. Sayyidiiniis, ummanni hedduun hubbii (jaalala) isaa tiin injifatamanii ona hunda keessaaa weeddifamuu hubannaan, galmoota baayyifachuu karoorfate. Haala kanaaf, toora bara 1953 karaa Burqaa Tirtiraa qaceele. Achitti, bakka Daloo ja’amtu tan naannawa Laga Raammiis jirtutti hadraa dhaabbate. Hadraan Sayyidii irra dhaabbachuun, Daloo lafa seenaa godhe. Ummanni, Baha Oromiyaa bira taree, biyyattii guutuu keessaa, jihaa hundaan, dhiiraa-dhalaan, akka galaanaatti itti yaa’uu jalqaban.

Sayyidiin akkuma Ardul Sakiinaa-tti Dalottiis, hadraa biratti lafa bal’oo daggala irraa mancaasee, gahaxee, ooyrusee Wataritti tarkaanfate. Achi booda, Bokkoo, Machaaraa fii Baddeessattiis galmoota dhaabbate. Galmoota birattiis ooyrotaa fii dukkaannan gurguddaa banee cifraa keessatti guure. Akki kuni, ujuraa itti dhangalaatu biratti, horii oomisha bunaa, midhaanii fii daldalaa tiin, Aabbiyyoon, Waliyyummaa malees sooreessa cimaa tahee, galmoota jaarrate jidduu, olii fii gad, daddeemuu jalqabe. Bakka dhaqu hundatti, waaree fii waarii, rowdaa (siree) wa’iziif dirree keessa dhaabbaturra ol bahee, lallaba godhuun, onnee warra dhageeyfatuu kan boojihu tahe. Sayyidii ammaa-amma qubsuma jijjiirratu, warri dhibdee itti himachuu barbaadan, galaa guduunfatanii,

“Yaa Sayyidii jaalallee

Bareedaa akka birillee

Sumaa bararu malee

Sii dhaabbatu hin-garre”

jechaa, qubsuma faana dhawaa, iddoo jirutti kan itti yaa’an tahan. Gama biraa tiin, bakka inni jiruu fii hin-jirrettiis, dargoonni hadroota isaa guutanii,

Rowdaa dhaabe tarree,

Rowdaa dhaabe tarree

Sayyid Aabboon faarfamaa,

Faarsi shakkii hin godhinii

Ameeysa hin-guune dhiiftee,

Baakkuu gogaa in hodhinii

Tuuta gantuu san wajjiin,

Booda sheenaa hin du’inii”

ja’anii, qoma dhawachaa, shubbisaa bulan.

Haala kanaan, hiyyeessaa fii rakkataan, yuubaa fii gadaamoojjii jidduu, dhiiraa fii dhaalaan dhibdee isaanii itti himachuuf bakka arkanitti irratti wal fixuu jalqaban. Sooreeyyiin qabeenya isaanii tiin jaalala isaa bitachuuf irrati wal dorgoman. Dooginyoonni soddoomuu-niif, tan qalbiin isaa feetu keessaa akka filatuuf, shamarran isaanii tarree galchaniif. Yaroo naannoo takkarraa sossoohu, warri biraa deemu,

“Yaa Sayyidii asii deemuuf jerjertaa

Amna dheeraaf fatuuraa tee seentaa

Eenyutti dhiiftee ana biraa deemtaa?”

ja’anii, qoma dhawachaa, imimmaan xuruursan. Hoggaa warra biraa deemuu garaan raafamu, kanneen biratti deemu ammoo, gammachuun machaawaaa, xiqqaa fii guddaan karaa-ratti bahanii,

“Odoo samii bararuu jiini isaa tiifee

Odoo rowdaa hin gayin nurri isaa ifee

Khoowsal-azem, Aabbiyyoon keenya dhufee”

weedduu jattuun simatan. Bakka hundatti ummanni dhibdee mataa bira kutanii fedhii jireenya isaanii keessatti qaban Sayyiditi lallabatan. Haala kanaan, warri Watar,

“Yaa Sayyidii! kee hadraan Watarii

Harka qabii Hajjitti naan barari”

ja’ani hawwii itti himatan. Kana malees, hoggaa weedduu isaa dalaqan, dhiiraa fii dhalaa irraa hiis, if wallaaluun,

“Sayyid Aabboo ani siifiin gaggabaa

Kan si akhaalifu aakhiraa saa dhaba”

faaruu jattu warri hujiin dhugoomsan iddoo heddutti arkaman.

Gama biraa tiin, wanni Sayyidiin harkaan tuqatu fii dhimma itti bahu hundi xiiba (urgaa) dibaman. Marxoon guyyaa tokko hidhate, “maawistaa Aabbiyyoon marxifatu,” ja’amtee, gatii dachaatti gurguramuu jalqabde. Imaamaa fii koofiyaa Rowdaa irrattiin bahu, kadhaa jabaan malee, horii qofaan arkachuun dhibdee tahe.

Shaqaxeen dargaa (deeggaraa) Aabbiyyoo if fakkeessanii, baadiyyoota keessa daddeemanii, “tan Aabbiyyoon wirdii itti godhu,” jechuun, tasbii gatii harka kudhan caalchisanii gurgurachutti seenan. Kana malees, wanni Aabbiyyoo afaanii bahu marti dhagayaa hore. Ajaja inni kennuuf ummanni gurra laatan. Fuudhaa fii heeruma gabbaraan xaxamee, dardara fuudha – dubra heeruma waakkate, Sayyidiin, wa’izii yaroo takkaa tiin jijjiire. Guyyaa inni rowdaa gubbaa, loon soddomii fii afurtamiin dubra gurguruu haraameeyse booda, gabbarri hawaasa keessatti gatii dhabe. Kuni dargaggoota hiyyummaaf fudharraa abdii kutatanii turan bultii horsiise. Shamarran kan itti deemee fuudhu dhaba-rraa, mana keessatti, haawwaniin wal-qixxaatan, heerumaan walitti baase. Haalli kuni Sayyidii fiis faaruurratti faaruu dabale. Shamarran,

“Yo guddinaa harmi kiyyaas na jigee

Ilmi ambaa waani qabuus ni fidee

Abbaan kiyya nikhaa Rassuul ni didee

Sayyid Aabboo haqa kiyyaa si fidee

 

Buulaa areera kiyyaa

Sumaa mugoota kiyyaa”

ja’anii dhibdee duraan garaa nyaachaa turte, tan himachuun rakkifte, qomarraa if buqqaasan. Dardarri innaawaa gammachuu waanuma ja’an wallaalan.

Ardul-sakiinaa; Daloo, Watar, Bokkoo, Daaroo Labuu, Milqaaye, Cabbii, Machaaraa, Galamso, Baddeeysaa, Jaaja, Jerjertuu; walii-galatti, iddoo hadraan isaa jiruu fii lafa rowdaan yaroo xiqqoofillee irra qubatte hunda abuuruuf, ganamaa fii galgala ummanni akka galaanaa itti yaa’an. Biyyeen lafa rowdaan irra dhaabbatte, “Jaawara” ja’amtee, ummanni nyaachuuf irratti wal fixan. Abuurtoonni warra manaa fii qe’etti hafaniifillee guduunfatanii galchu eegalan. Odoo akkanatti, hawaasa biyyaa dhunfatee, bakka hundaa,

“Yaa Sayyidii Aabbiyyoo

Atuu jirtaa mirga koo

Gaafa na dhaaban dirree

Adaraa gaaddiisa koo”

ja’amee faarfamuu, walakkaa bara 1957-a Aabbiyyoon, ifumaa fuu, shiddaa (rakkoo) firraa quba hin qabneen wal afaan dhufe.

Sayyidiin yaroo hunda, wa’izii isaa “Algaan (sireen) nagaya!” dhaadannoo jattuun jalqaba. San booda, ammaa-amma, “Yaa tuuta badii!” ummataan jechaa, dhaadannuma jalqabaa tiin, haasawa isaa xumura. Duuba, namni Sayyidiin amanee qabeenya isaa irratti muude, horii isaa dhunfachuuf, haasawa kanaan, “Yo kajeellaa isii taate malee wanni Sayyidiin guyyuu Algaa maqaa dhawuuf  maalifi? Algaan nagaya jechuun isaa, Algaan na gaya ykn Algaan naa fiis ni mala fedhii jatturraa madda” yaada ja’u, gurra warra bulchiinsa mootummaa Hayla Sillaasee tiiysuu buuse. Hayle Sillaaseen, kan “Maan inde Sayyidii!” (Kan akka Sayyidii eenyu!) je’ee Aabbiyyoo zaahiritti faarsaa ture, dubbii Algaa dhageenyaan nyaara shube. Haala kanaa fii sodaa dhageeytii Sayyidiin ummata keessatti horee tiif hawaasarraa ugguruu barbaade. Akkasiin, Sayyidiin, gama Generaal Kiflee Yirgaxuu, Ministera Tsexxitaa, (Qondaala Nageenyaa) kan gaafasii tiin, “nagaya biyyaa booreessitee fii shororkaa uumteen,” baanatamee hidhame. San booda, odoo hin turin, yakkamee, hidhaan Idmee yiftaah (umrii) itti murtaawee, Aawziin, mana hidhaa guddaa seennaa darbii Biyyoo Adaree jirutti itti danqarame.

Garuu, danqaraan mana hidhaa, dargootaa fii Sayyiidii adda dhoorkuu dadhabde. Inumaa, Sheekha, duraan, olii fii gad daddeemuun isaa faana dhawuu nama rakkiftetti, iddoo beekkamtuu itti barbaadamu godhe. Kanaaf, naannoon mana hidhaa warra Sayyidii barbaaduun weeraramutti seente. Haalli kuni, Hayle Sillaasee daran yaachisee, bara 1959 keessa, Sayyidii ummata gaggabuuf irraa fageeysuuf Gojjaam geeyfame.

Yaroo dheertuu booda, bara 1975 keessa, Hayle Sillaasee jalaa sireen fuudhamtee, Dargiin akka aangoo tottolfateen, namoota haala siyaasaa tiin hidhaman hunda hidhaa yaase. Murtiin hidhamtoota siyaasaa hidhaarraa hiikuu dargaa Sayyidiillee badhaafte. Isaanii,

“Gojjaam na yaade kiyya garaan

Sinqii hin qabu maaliiniin deema karaa

Warra sinqii qabu walii-niin Aabbiyyoo zayyaraa

Sheenaa tanaan nan ajjeesin yaa Shafii’al waraa

jechaa, karaa iyyaafachaa, bakka jirutti itti yaa’u, hidhaa waggaaa kudha sagalii booda, Sayyidiin “Hidhamaa Siyaasaa” tahuun isaa hubatamee, Dargiin, gadhiifame. Seera malee hidhamuu isaa tiif, Finfinnee, Ganda Soostanyaa ja’amu keessatti, manni guddaan tokko gumaatameef.

Oduun Aabbiyyoon hidhaarraa gadhiifamuu hawaasa keessa loohuuf, miyaa fii dooyaa sab-qunnamtii hin barbaanne. Lakkuma kan dhagaye kan quba hin qabneef odeeysuu, warri simannaa itti yaa’an heddommaachaa dhufan. Soorayyii fii kanneen hiraar Dargii-rraa mataan wareere, qoricha Aabbiyoo barbaacha, makiinaa fii miilaan dhufanii mooraa isaa guutan. Haalli, odoo hin turin, Sayyidiitti mooraa dhiphisee, mana gumaaf kennameef cifrootaaf dhiisee, Gullallee keessatti kan mooraa bal’oo qabu kireeffate.

Ji’oota keessatti haalli Sayyidii bakka duritti deebi’e. Namoota dhibbaa ol, kanneen guyyatti itti ol yaa’an keessaa, akkuma duritti, warri biratti hafan baayyachaa dhufan. Hidhaa bahee ji’a jaha keessatti, dargaa isaa tajaajiluuf, Sayyidiin, manneen mooraa babal’oo qaban kudha sagal Finfinnee keessatti kireeyse. Dargaaniis, moorota kana keeysaa, akkuma duritti,

“Sayyid Aabboo nuura shamshii qamaraa

Yaa laaffisaa shiddaa jabaatte maraa.” Jachutti seenan.

Dargiin, kan aangoof jecha Shuu’ummaa if cuuphee, Rabbi wallaale, yaroo tana dhagayu, “ana malee kan dhibdee jabaatte laaffisu jiraa?” je’e if gaafate. Karaa dandayuun ummataa fii Aabbiyyoo addaa dhoorkuu jalqabe. Waldayni qotee bulootaa fii gandootaa namoota tarree galanii, abuura Sayyidii tiif Finfinnetti yaa’an karaa dabruu akka waakkatan ajaje. Ummani, garuu, aara goojjoo keessaa tahan. Karaan tokko yo duraa cufame kan biraa baafachutti bobbahan. Ummata irraa qabuun dadhabamnaan malli biraa soqamee, “balaan feete haa buutu,” ja’amee, Aabbiyyoon warruma hidhaa baafameen, waggaa lama booda, bara 1977 keessa, lamada hidhame.

Aabbiyyoo eega hidhaa bahe, takkaa, Finfinnee keessaa hin bahin, ummanni bakka inni jirutti itti yaa’uun badii isaa tahee, odoo olee hin bulin, duuti itti murtaawe. Du’a isaa ifa godhuu fiis, ajjeechaaf, biyyoo Miicataa, guyyaa magaalaan isii dhaabbattu, Isniina, geeyfame. Achitti, yaroo dirreen ummataan dhunfatamte, Sayyid Aabboo fidanii, walakkaa magaalaa dhaabanii ummata dirqiin bitii-gurgurii dhaabsisanii walitti qaban.

Matoo-alaqaa Gezzaahany Warqee, bakka bu’aan Dargii, kan du’a Sayyidii mirkaneeysuuf achi dhufe, akka amala Dargiitti, hamma dandayu qaaqe. Haasawa isaa, baza-bazaa, kan namni tokkolleen gurra hin ergisniif, booda, “Sayyid Aabbiyyoo ajjeesuuf kunoo isin dura dhaabnee jirraa, isin keessaa kan bakka isaa du’uu barbaadu jiraa?” je’ee, ummata, ajjeechaa mitii hidhamuu isaa tuu quba-hin-qabne gaafate. Gezzaahany,

 

“Halkan rafuu dhiisee guyyaa muuguu didee

Alaamaa warra jannataa shakkii malee fidee

Sayyid Aabboo jettan malee hin rafinaa

Bahara-llee seenu abad jalaa hin hafinaa”

ja’amee Aabbiyyoof shubbifamuu kan dhagaye hin fakkaatu. Gaaffiin isaa sanirraa tan maddite fakkaatti. Akka laalcha isaatti, yo haadha taate malee, namni jaalala akkasii namaaf qabaa tu hin jiru. Garuu, yaanni isaa dhara duraa tahe. Ummata ifiif dirqiin walitti qabe keessaa tokko, “ee! ani bakka Aabbiyyoo niin du’a” jechaa, isaa fii warra quba qaataa matarayyasirra kaayanii ija hihiranitti dhihaate.

Ilmi Warqee yaanni isaa dhara tahee arkamuu irraa haalaan dallane. “Maalif idda Sayyidii du’uu feeta?” je’eellee odoo hin gaafatin, namicha, battalumatti rasaasa obaasise. Itti aansee, “kan biraa hoo jiraa?” je’ee ummatatti lallabe. Namuu mataa gad cabsinaan, gama Sayyid Aabbiyyoo gara-galee, “haala kana akkamitti laalta?” je’een. Aabbiyyoon, qaallicha ija keessa laalaa, “Yaa Tuuta Badii! Aabbiyyoo yiwdam, Xoophiyaa tiqdam!” (Aabbiyyoon haa dhabamu, Xoophiyaan haa dursitu!” je’ee, dhaadannoo yaroo sanii bowwaasee, du’aaf qophaawuu isaa mirkaneesseef. Akksiin, Gezzaahany, Sayyid Aabboo namni biraa fidaa baheef, kan akka heera biyyaatti walaba tahuun male, umrii 63-tti xiyyitii itti roobsise. San booda, qabrii isaa irratti jaarama qubbii hanqisuu fii bakka awwaalaa ummatarraa dhooysuuf, reefka achirraa fuusisee, Balballeeytii fii Kaarra Beeraa jiddu-tti awwaalchise.

 

Sayyid Aabbiyyoon odoo sheekkootiin isarra amantii fii hawaasicha beekan, hedduun, jiruu, yaroo gabaabdutti hawaasa Baha Oromiyaa keessatti dhageeytii ajaa’ibaa horee, dhalaa fii dhiiraan if jalatti hiriirse. Jaalala qoma ummataa hawadde tana, Aabbiyyoon, salphatti hin arkanne. Sababa haala inni amantii itti hiiku dura dhaabbii fii hinaaffaa jidduu, warri akka dhageeytii hin horre barbaadan hawaasa keessa hedduu turan. Namoonni kuni, haala inni hin qabne, waan hin godhinii fii dhara adda addaa tiin maqaa isaa hawaasa keessatti busheeysuuf waan hin godhin hin qaban. Inni garuu, yaada akkasii tiif gurra laachuu mannaa, qaroomaa fii qu’ata isaa arkii jaraan addaarratti suduuche. Akkasiin, jaratti, urjii arkaa malee darbannaan hin dhaqqabne tahee, akka aduu barcaatti, yaroo xiqqoofillee taatu, hanga’e.

 

Rabbiin jannataan haa qananinu!

 

 

 

Hub: Seenaan Sayyid Aabbiyyoo kan armaa olii, seenaa kitaaba Raammisoo keessatti ibsamerra dubbuuyfamee kan fooyyawe.

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

SEENAA GABAABDUU YUUSUF SHEEKH-DOON

Hagayya 25, 2018 Abbaa Urjii tiin: Hegereen bilisummaa tan arra guutuu Oromiyaa keessaa hanga’aa jirtu, …

Yaada kanaaf deebisaa kenni