Oduu Haaraya

Guyyaa Dubartootaa tiif

Bitooteessa 08, 2018

 

Guyyaa Dubartootaa tiif

 

Abbaa Urjii tiin

guyyaa dubartootaa

Hawaasa hunda keessatti dubartoonni baayyina cinaa oli tiin herregamu. Kanuma akksii, garuu, haala jiruu fii jireenya biyyaa fii lammii irratti, hawaasni isaan aangoo guddoo murteessaa taate keessatti qaban bicuu dha. Hawaasa taligaan isaanii akkaan keessatti cimtuu taate keessati, guddinaa fii badhaadhina malees gootummaa hidda hidhatte tu arkama.

Qooda dubartootaa kan armaa olii kana baroota kumaatama dura hubachuun, gulaantaa isaaniin malu kan muude Sirna Gadaa ti. Dubartoonni Oromoo tajaajila maatii bira dabree kan hawaasaa keessatti, qoonni baroota kuma afur dura qabaachaa turan, arrallee, biyyoota qaroomaan if dura fagaatan ja’aman keessatti arkamaa hin jiru. Garuu, Sirni Gadaa Minilikiin ugguramuun dhiiraa fii dhalaa lammii Oromiyaa dukkana guyyaa keessa naqe.

Dukkana tana jalaa bahuuf tattaafata godhamaa jirurraa qooda fudhachuun dubartoonni jeeynummaa dinqifamtuu agarsiisuun wareegama lubbuu kennan hedduu. Haala kanaaf warra qabsoo ganamaa tiif sumuda tahan keessaa, Qananii (Qamariyaa) yuusuf, Saartuu (Maymuuna) Abdallaa, Leensaa (Zubeeyda) Abdullee fii Warraayxuu/Juukii (Masarat) Ammahaa maqaa dhawuun ni dandayama.

Gama biraa tiin, amna qabsoo bilisummaa dheertuu dabarte keessatti dubartoonni akka silaa barbaachisutti qooda fudhachuu dhabuun, haallan guyyaa bilisummaa hamma yoonaa dhibeeysan irraa tokko. Kuni cimina sossoohinsa qabsoo bilisummaa tan baroota sadeen dabran irraa waan   hanga’aa ti. Baroonni kuni, baroota qabsoo ummata Oromiyaa dooyaa adunyaatti ol baasani. Baroota kaa’imman Oromoo diina hila malee itti dhukaasu dura harka qullaa onnee qofaan dura dhaabbachuun gootummaan Oromoo tan seenaa keessatti gita dhabaan beekkamte hujiin itti mul’sani. Kuni tahuu isaa tiif sababni guddaan qoonni dubartootaa haalaan guddatee arkamuu dha. Baroota kana, baadiyyaa fii magaalota jidduu, manneen barnootaa tii fii iddoo biraattiis, hiriiraa fii fincillan godhaman hunda keessatti, dubartoonni, baayyina bira taree, warra fuula duratti arkamu tahanii jiru. Akki isaanii kuni jeeyna jajjabeeysuun alatti luuynatti onnee godhee, sagantaa Wayyaaneen yaroo dheertuuf lammii gabroomsuuf karoorfatte abjuu itti fakkeeysaa jira.

Warra xiqqaa fii guddaa alaa itti jeeynoomsaa jiran biratti, ammaas, bobaa isii jalaa, Mana Marii tii fii Caffee isii keessaa, dubartoonni, fuula diinaa duratti, sab-boonummaa, murannoo fii anaannata qixa hin qabneen ija itti hangaasuu jalqabanii jiru. Akki kuni, guyyaa bilisummaa dhiheeysuu biratti, jiruu dadaa, wal qixxummaa fii sadoo hegeree Oromiyaa if dura nama mil’achiisa.

 

Oromiyaan ni bilisoomti!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …