Oduu Haaraya
tplf opdo

Dhaabbanni keenya Dh.D.U.O.n gaafii ummata deebise..kkk

Dhaabbanni keenya Dh.D.U.O.n haaromsa erga gaggeessee booda gaaffiilee uummanni keenya gaafachaa ture deebisudhaaf hojiin waggaa tokko kana keessatti hojjateen bu’aa gurguuddaa ummata keenyaaf argamsisee jira.

Garuu haaromsi kun iddoo hunda akka hin geenye barreefamoota yeroo adda addaa nuf barreefamaa tureen hubbachu dandeenyee jira.
Dhaabnii keenyaas rakkoo kana hubachuun sirreessudhaaf karoorfatee hojjechaa ture jira, garu haaromsii bakka hundatti yeroo tokkootti haala wal fakkaatun dhugoomee hojii irra oolu akka hin dandeenye hubachu barbaachisaa dha.

Dhabnii keenya ammas hoggansii gadii kaasee hanga gubbaatti jiru bifa walfakkaatun kallatti MNO kaa’uun hogganamuun ummata keenyaaf hojjechun dirqama akka ta’e hubachutuu irra jiraata.
Kanarraa ka’uudhaan Dhaabnii keenya Dh.D.U.O.n guyyaa har’aa mudama harawa ragaasisee jira.

Haaluma Kanaan,
1. Haasan Usaa Mohammad —- I/A/Kantiibaa Ma/Jimmaa
2. Nagaaleeny Yoseef —– Bulchaa Go/Qe/Wallaggaa
3. Gammachiis Guutataa —- I/A/Bulchaa Go/H/Gu/Wallaga
4. Alamaayyoo Mijanaa —- Kantiibaa Magaala Roobee
5. Sorii Dinqaa Eddeesaa —– Bulchaa Go/Ho/Gu/Wallagga
6. Gabree Urgeessoo Roobaa —– I/A/Bulchaa Go/Baalee
7. Dhangee Booruu Qoosii ——- Sa/I/A/Bulchaatii Gorsaa Bulchinsa Go/Baalee
8. Fiqaaduu Abarraa Quluuxee —– I/A/Kantibaa Mag/Da/Dooloo
9. Ayala Dheekkamaa Guyyee —– Sa/I/A/Bulchaatii Gorsaa Bulchinsa Go/Ho/Gud/Wal
10. Salamoon Mokonnon —– Sa/I/A/Bulchaatii Gorsaa Bulchinsa Go/Gujii Lixaa
11. Dabalee Dadhii Hirphee —- Sa/I/A/Kantibaattii Gorsaa Bu/M/Roobee
12. Kifalawuu Adaree Garasuu —– Sa/I/A/Kantibaattii Gorsaa Bu/M/Amboo
13. Dawiitii Mulugeeta —— I/A/Kantiibaa Mag/L/Xaafoo
14. Hayilee Gurmeessaa —— I/A/Kantibaa Mag/Amboo
15. Girmaa Buutaa ——– Kantibaa Mag/Sulultaa
16. Tashalee Akliiluu ———- Sa/I/A/Bulchaatti Gorsaa Bu/Go/Qe/Wallagga
17. Gadaa Roobee ———– Sa/I/A/Bulchaattii Gorsaa Bu/Go/Sh/Lixaa
18. Abdataa Fuuraa ———– I/A/Bulchaa Go/Bu/Baddallee
19. Araarsaa Kabadaa ———- Kantibaa M/Dabidolloo
20. Badhaasaa Reebaa ——— I/A kantiibaa Mag/Roobee goochun mudee jira.
Ammas Dhaabnii keenya koomii ummata dhageefachuun bakka rakkoon jiru hunda adda baafachun ummataa waliin ta’ee furaa kan deemu ta’a.Hordooftonni keenyaas oddeeffanoo fi barreefamaan nubiraan gahaa ture cimsee itti fufu qaba jenna.

Hordooftota keenya hundaaf galata gudda akka isiin qabnu isaa ammas Coment, Like fi Share oddeffanoowan keenya godhaa akka ummata bal’aa Oromoo biraan geessan haata’u jenna.
Horaa Bulaa!!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …