Oduu Haaraya

Haasa’a Obboo Lammaa Magarsaa akka dammaa mi’aawu duuba maaltu jira?

Rakkoolee Uummata Oromoo fi Qormaata DhDUO (OPDO)

 

 

Berhanu Hundeetiin

 

Sochiin Uummata Oromoo (#OromoProtest) kan waggoota lamaa ol deemaa jiru galii barbaadame dafee gahuu baatullee, dhiibbaalee bay’ee fidaa jira. Isaan kana keessaa inni tokko waan OPDO keessatti mul’achaa jiru yoo ta’u; kun yoo xinnaate hoggansa Sabboonummaa Oromoo fi Oromummaa  dubbatu uumaa waan jiru fakkaata. Hoggansa haaraa kana keessatti adda-durummaadhaan kan mul’achaa jiran Presidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ta’an Obboo Lammaa Magarsaa dha. Haasawni Obboo Lammaa Oromoo qofaa osoo hin taane warra Oromoo hin ta’inillee baay’ee qalbii isaanii hawwataa jira. Haa ta’u malee, asirratti anaaf wanti ifa hin taane jira. Waayee kanas armaan gaditti ibsuun yaala. Dhimma kana ibsuuf ka’umsa akka ta’u gaafii tokko kaasuun barbaada.

Hoggansa haaraa DhDUO keessatti, keessumaayuu immoo Obboo Lammaa Magrsaatiif akkanatti haasa’uun kun sababni isaa maali?

Ani asirratti akka sababa ijootti kanan laalu sochii uummata Oromoo jabaachaa dhufe yoo ta’u; hoggantootni haaraan DhDUO jaalataniis ta’ee dirqamanii akkanatti haasa’u natti fakkaata. Asirratti mee dura jechoota “jaalataniis ta’ee dirqamanii” jedhan kana xinnoo gabaabsee ibsuun yaala. 1) DhDUOn akkamitti akka ijaaramee fi maal hojjechaa akka ture bu’ura godhannee yoo laallee, jechi “dirqamanii” jedhu kun kophaa isaatuu karaa lamaan ibsamuu ni danda’a.

Wanti dhara hin taane, DhDUOn erga ijaaramee calaqabee hanga har’aatitti jaarmayaa walaba ykn bilisa ta’ee miti. Isa kanatti dabalatee immoo jaarmayaan kun miseensa jaarmayaa AWDUI ti. Waan kana ta’eef, DhDUOn yeroo inni dhiibbaa alaarraa bilisa ta’ee, murtii mataa isaatiin hojjete waan jiru natti hin fakkaatu. Ergama tokko qabaachaa ture jedheen tilmaama. Egaa, mee gara dirqamanii jedhutti yoo deebinu, gabaabumatti ibsuuf, tilmaama (assumptions) kana haa laallu:

  1. A) Sochiin uummata Oromoo ABUT/AWDUI tti sodaa fi yaaddoo guddaa waan uumeef, gara DhDUOtiin uummata Oromoo tasgabbeessuuf jedhamee; hoggansa haaraa kana keessatti haasawa Sabboonummaatti akka tooftaatti fayyadamuudhaan sochii uummataa kana qabbaneessuuf mala ykn tooftaa siyaasaa godhamuu dha jedheen yaada.
  2. B) Tilmaamni biroo kan dirqamanii ti jedhu ibsu: sochiin uummata Oromoo baay’ee jabaachaa fi cimaa deemee; hanga mootummaa kuffisuutti kan ce’u yoo ta’e, kun DhDUOf baay’ee sodaachisaa waan ta’uuf; ittigaafatama dhufuuf deemuuf (asirratti ittgaafatamni seenaa akkuma jirutti ta’ee jechuu dha), sanumaa asitti rakkoorraa ofbaraaruuf jedhamee; gara uummata ofiitti deebi’anii waan danda’amu godhuuf waan dirqamaniif ta’uu danda’a.  

2) Tilmaamni barbaadanii ti jedhus waanuma sochii uummataa wajjin walqabatuu dha. Seenaarraa kaanee wanti laaluu fi hubachuu qabnu tokko, DhDUOn jabina fi laafina Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irratti akka hundaa’e ykn hundaa’uu dha. Maal jechuu kooti? Osoo DhDUOn hin ijaaramin dura ABOn jaarmayaa cimaa fi sodaachiisaa wan tureef, isa kana laaffisuuf yoo danda’ame immoo dhabamsiisuuf DhDUOn jaarmayaa shiraan ijaaramee dha. Erga ABOn mootummaa ce’umsaa Itoophiyaa sana keessaa dhiibamee bahe booda, humni biraa kan sodaachisu waan hin turreef; DhDUOn karoora ijaarameef hojiirra oolchuuf ykn galmaan gahuuf ergama isaa raawwachaa ture.  

Karaa biraatiin yoo laalamu immoo, wanti dagatamuu hin qabne, jabinni ABO jabina DhDUOs akka ta’u dha. Kun kan ta’u sababalee lamaani. Yoo ABOn jabaate, yookaan isa kana ballleessanii bakkee isaa DhDUO buusuuf yookaan immoo waldorgommii ABO wajjin godhamu keessatti DhDUOn akka cimu taasisuu danda’a jechuu dha. Haa ta’u malee, sababuma kamiinuu ta’u ABOn laaffachaa dhufuun; sochiin uummata Oromoo garuu jabaachaa deemuun carraa biraa tokko uume. Carraa amma uumame kanatti fayyadamuudhaaf, miseensotni DhDUO warri rakkoo fi dararamni uummata Oromoo itti dhagahamu fi isaan quuqu uummata kanaaf hojjechuuf jedhanii waan gadi bahaa jiran fakkaata.  

Egaa, tilmaama adda addaa ergan ibsuu yaale booda, hoggansi haaraan Obboo Lammaa Magarsaatiin durfamu isa kamirratti hundaa’ee akka ka’e beekuun rakkisaa dha. Kan ta’es ta’u, jaalataniis ta’ee dirqamanii, karaa kamiinuu ta’us qormaata cimaa keessaa bahuu hin dandeenye keessa galanii jiru. Gaafiin asitti aanee ka’u: Qormaata kana akkamitti dabruu danda’uu? kan jedhu ta’a.

Qormaatni DhDUO maali?

DhDUOn humnoota lama jidduu galee baay’ee hudhamee jira. Humnootni kunis sochii uummata Oromoo fi ABUT/AWDUI dha. Waan ta’eef, yeroo murtii seena-qabeessa ta’e tokko godhuuf dirqamu keessa jira. Murtiis ta’ee filannoon asirratti godhamu murtii jiruu yookan dhabamuu jaarmayichaa ti. Maal jechuu dha? Gaafii kanaaf deebii kennuuf, qabxiilee armaan olitti 1) A) fi B) jalatti kennamanitti deebi’anii laaluun barbaachisaa dha.

  1. A) Ergama ykn karoora ABUT/ AWDUI hojiirra oolchuuf; sochii uummataa qabaneessuuf kan ta’u yoo ta’e; tokkoffaa, gaafiileen uummataa yoo deebii hin argatin, sochiin kun dhaabbachuus ta’ee qabbanaa’uu hin danda’u (yeroof xinnoo qabbanaa’uu mala garuu waan dhaabbatuu miti jechuu dha). Waan ta’eef, karoora kanaan kan deeman yoo ta’e, yeroo xumuraatiif uummata Oromoorraa adda bahuu ta’a. Lammaffaa, yoo karoorri kun hin milkoofne, murtiin gama ABUT/AWDUI tiin DhDUOrrati godhamu jaarmayichaafis ta’ee hoggansa isaatiif gaaga’ama fiduu akka malu yaaduun barbaachisaa dha. Kanaaf kun qormaata isa tokkoffaa dha.
  2. B) Gama uummata ofiitti deebi’anii, waan danda’an hojjechuuf dirqamanii yoo ta’e garuu  gama ABUT/ AWDUI tiin tarkaanfiin kamillee irratti fudhatamuuf deemu, kana amananii fudhachuudhaan uummata Oromoo bira dhaabbachuu fi qabsoo haqaatti makamuu dha. Murtii kana fudhachuu fi hojiirra oolchuun qormaata isa lammaffaa dha.

2) Sochiin uummta Oromoo dirqisees haa ta’u yookaanis fedhii isaaniitiin haaromsuu jaarmayichaa godhuuf; achumaanis jaarmayaa uummataa kan bilisa ta’e (dhiibbaa alaatii ala) uumuu kan barbaadan yoo ta’e, wareegama kamiiyyuu kan gaafatu yoo ta’e, uummata bira dhaabbachuu fi seera fi heera Federaalaa lafa jirutti fayyadamuudhaan gaafiilen uummataa akka deebii argatan taasisuu dha. Yoo kana hojiidhaan agarsiisan; yoo dhugumatti uummata bira dhaabbatan, uummata Oromootiif humna haaraa tokko ta’anii bahuuf carraa qabu. Kana godhuun qormaata baay’ee ulfaataa ta’ee dha.   

Egaa, waan jedhame hundaa gabaabumatti ibsuuf, qormaatni DhDUO guddaan murtiilee armaan olitti tuttuqaman kana hojiidhaan agarsiisuu fi ejjannoo ifa ta’e mul’isuu dha.

DhDUOn, humna siyaasaa haraa tokko ta’ee as bahuu fi uummata Oromoo biratti fudhatamas ta’ee jaalala argachuuf maal godhuu qaba?

Uummatni Oromoo yeroo ammaa yoomiyyuu caalaa haala baay’ee hamaa fi yaaddessaa ta’e keessa jira. Rakkoolee ciccimoodhaan hudhamee jira. Rakkoolee kana hundumaa asitti kaasuun yoo hin danda’amnellee KAN IJOO TA’ANI FI FURMAATA HATATTAMAA ARGACHUU QABAN tokko tokko kaasuuf:

  • A) Daangaa Oromiyaarratti uummata keenyarratti waraanni banamee; uummatni keenya guyyaarraa gara guyyaatti du’aa fi qayee isaarraa buqqifamaa jira
  • B) Oromiyaa guutuu keessatti uummatni keenya nagaa dhabee unkuramaa jira
  • C) Lammiileen keenya mana hidhaa keessatti dararamaa jiru
  • D) Uummatni keenya qayee fi lafa isaarraa buqqa’ee; jiruu fi jireenyi isaa diigamee; kadhataa ta’ee, karaarratt rakkachaa jira

Egaa, DhDUOn yookaanis miseensotni hoggansa haaraa bakkuma deeman hundatti haasawa akka dammaa mi’aawu godhuu; bakka deeman hundatti uummataaf waadaa seenuu qofaa osoo hin taane; yeroo uummatni keenya nagaa dhabee, dararamaa akkasumsa guyyaa guyyaatti du’aa jiru kanatti waayee warraaqsa diinagdee haasa’uu dhiisanii; rakkoolee ciccimoo fi furmaata hatattamaa argachuu qaban irratti hojechuun dirqama ta’a. Yoo xinnaatee xinnaate, rakkoolee ijoo ta’an kan armaan olitti  A) hanga D) tti tarreeffaman kanaaf tartiibaan furmaata hatattamaa barbaaduun dirqma yeron gaafatuu dha. Yoo kana godhuu dadhaban qormaatas kufuu ta’a jechuu dha. Kan dabre dabree;  kan seenaaf taa’u seenaaf teechisanii, miidhaa, dararama fi madaa uummata Oromoo qooddachuu qabu; yeroon isaas amma; har’a malee boru miti. Yoo kun hin taane, ittigaafatama seenaa jalaa bahuu hin danda’an. Jiruu fi jireenyi jaarmayichaallee gaafii keessa galuu deema. Badii baay’eetu godhamaa ture, amma garuu dhaabachuu qaba.    

 

DhDUO = Dhaabbata Dimookraasummaa Uummata Oromoo

ABUT= Adda Bilisummaa Uummata Tigraay

ADWUI= Adda Warraaqsa Dimookraasummaa Uummata Itoophiyaa

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!!Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AKKA HUNQAA OSOO GUBATUU KOFLUUN OROMOO GOOLABAMUU QABA.

  Biyya Oromummaan yakka tahetti ayyaana sabaaf sablammootaa kan heerri mootummaa kijibaan dhaadheessanii fi federaalizimiin …

Yaada kanaaf deebisaa kenni