Oduu Haaraya

Sirni awwaala goota Oromoo Koloneel Aliyyii Cirrii magaalaa Bodireetti

Qeerransa baddaa baalee
Goota lapheen sibiilaa
Alagaan si’i ilaalee
Gaaddidduu kee argee jiila!
‘Dhoombiriin’ diina dhooftee
Galchite boolla sirrii
Duuti hin ooltuuf duute kaa
#Aliyyii korma #Cirrii!
Waan barri hin dabarsine
Seenaa deesse aayyoon kee
Foon keetu du’e malee
Yoomuu hin du’u kaayyoon kee!

(Walaloon kan Leta Qenanii Agati )

Koloneel Aliyyii Cirrii

Sirni awwaala goota Oromoo Koloneel Aliyyii Cirrii magaalaa Bodireetti guyyaa har’aa bakka angawootni mootummaa fi Ummanni hedduun argamanitti Kabaja ol’aanaadhaan geggeeffamee jira.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!!Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

“TASA”

Ragaa guutuu qabna Waan hojiin godhame Karoora Abbaa irreetin Ittuma yaadamee Qilleensaaf lafoodhaan Namni keenya …

Yaada kanaaf deebisaa kenni