Oduu Haaraya

Addi Bilisummaa Oromoo ni jiras hin jirus!

********************************************************************
Hub: Osoo dubbiftee hin fixin hin mufatin!

Akka jiruuf- ana, sih fi onnee uummata Oromoo keessa jira. Akka hin jirreefii-lafarra hin jiru. Waa hojjetaa hin jiru, akka jaarmiyaatti hin jiru, waraanaan hin jiru, siyaasaan hin jiru.

ABOn waan sadiin jira~kaayyoon jira, alaabaan jira, yaadaan jira. ABOn waa sadiin hin jiru-waraanaan hin jiru, hogganaan hin jiru, jaarmayaa/miseensaan hin jiru. Deebi’ee jiraachuuf waan sadan kana deebifachuu qaba.

Waan kana irratti bara 2004 kora sobaa 3ffaa dura maqaa ‘’Galmee Waahimaa’’ jedhuun qabsiisa koree qopheessituu koraaf yaada bal’aa barreessee ABO net karaa jettuun facaasaan ture. Akkan amanutti namoota miseensa jaarmayaa biyya alaa muraasa qofatu dubbisuuf carraa argatee ture. Ani gaafasuma dubbiin naaf galtee miseensummaa ABO of irraa mulqee namtokkummaan sossohuu eegale. ABOn afuura DNA kiyyaa ti. Namni naaf hin kennu, na hin dhorkus. Kunoo har’a gaheera. Alhamdilillah!

“Addi Bilisumaa Oromoo hin du’us hin mo’us, dhukkuba kanseriin qabamee jira.’’ jedheen barreessaa ture. Rakkoolee jajjabduu dirree irraa egalanii hanga biyya alaatti nu duukaa furga’anii hanga har’aatti ‘kaansera’ nutti tahanii fayyuu dadhabnetu jiru. “Boombii of harkaa qaban yoo yeroon dhukaasan ykn fashalsan malee lubbuu qusachuus tahe balleessuu hin dandahu.’’ Yoo yeroon diinatti darbite ittiin ajjeefta, kan diinni sitti darbe ammoo yoo saffisaan fashalsite lubbuukee oolfatta. Kana garas yoo baate -adios’, fixatte-ciiftee urjii lakkaawuudha.

ABOn sababi hin duuneef waan yaadaa fi qalbii uummata Oromoo keessa jiruuf, waan hin mooneef ammoo tuqaalee 20 tarreesseen lafa naqe. ‘Achi abbaashee!’ jedheen bara sana hobbaafadhe. Baddaa fi gammoojjiin rakkoo jiru waliin mari’atee furuu irra ana nama homaa tokkotti hin galle irratti duula bane. Odaa Xasee yoo galmee keessaa qabaate deebise post gochuu dandaha. Mee naaf gaafadhaa.

Rakkoo yeroo sana tarreesse keessaa martinuu har’a illee dhugooma qabu: Rakkoon 1ffaa hanga 5ffaa inbox kiyya keessaa waan delete tahee citee badeef yaada isaa waraqaa duraan qabu irraa ilaaleen akkasitti tarreesse: 6ffaa-20ffaa inbox keessaan itti dabale.

**********************************************************************************************************************************************
RAKKOO 1FFAA: ABOn dhaaba diktaatora: Osoo hin dubbisin hin mufatin. Oromoon aadaa dimokraatawaa qaba. Seenaa qabsoo waggoota darban keessatti yeroo mootummaacehumsaa seenamee kaasee hanga ammaatti murtii mariin sirnaan irratti geggeeffamee murtaawe tokko argee hin beeku. Caasaa jaarmiyaa sirnaan diriiree murtiin ittiin dabru hin turre. Hogganni dhaaba riphee lolaa gaara keessa tahee caasaa isaa biyya ormaa keessa diriirsuun muudee buusuu fi abbaa fedhu akka fedhutti ajajuu hanqatuun rakkoo cimtuu turte.

RAKKOO 2FFAA: Waldiddaa miseensota dhiheenya biyya irraa bahanii fi kanneen ala turan gidduu jiru: Miseensota dhaabaa Keeniyaa irraa kolugaltummaan biyya ormaa keessa qubatanii fi kanneen duraan ala turan gidduu walrigdaa hedduutu deemaa ture. ‘’Waa’ee qabsoo ana malee ati hin beekuun” heddummatee lolli wal gidduu eegale.

RAKKOO 3FFAA: Guddisanii of ilaaluu (megalomania and organizational cult.): Diina tuffachuu fi humna ofii hanga inni gahu tilmaamuu dhabuun abdii hin taane uumeetu injifatamuu fide. Abdii akkasii irraan kan ka’euummanni ABO tuffachuu eegale. Oromoo marti abdii kanaan rarraga bilisummaa dhandhamuuf ariifachuu qofa tahe. Kun ammoo osoo injifannoo hin gonfatin of-tuulummaa (chauvinism) nu keessatti uumuu dandaheera. Injifannoo dura fakkaruun haa hafu.

RAKKOO 4FFAA: Rakkoo gandummaa: WBO keessatti 1992 waanan xiinxale tokko waraana ganda tokkoo keessa iyyuu gandummaatu ture. Namoota meeqatu sababa akkasiin dhiibamee diinatti gale. “Jaalle ennyu ijoollee eessaa ijaara?!, jaalle eenyu ammoo ijoollee eessaa ijaara!?’’ jennee wal gaafataa turre. Sabboonummaan Oromummaa hafee, sabboonummaa gandummaa ijaaruutti deebi’ame (“micro nationalism” -jedha Waahimaa).

RAKKOO 5FFAA: Rakkoo barnoota/muuxannoo fi dandeettii dhabuu (dhukkuba “ni beeknaa!”)-Kana jechuun miseensi dhaabichaa gameessi ykn hogganni muuxannoo ykn barnoota baraa gahaa dhabuudha. Barnoota akadamii qabaachuu ni malan, kun ammoo leenjii gara garaa fi toftaa hogganaaa haarawaa horachuun ni feesisa. Haalli bara Gullallee fi Taashaa ture waggoota 15 booda hin hojjetu. Kan ABOn baruu hin dandeenye dhukkuba “ni beekna’’ jedhu sana beekuu baruu hanqatuu isaa ti.

RAKKOO 6FFAA:- Wal-diddaa miseensota waranaa keessa ture:- Kun miseensota jaarmiyaa gara garaa gidduutti kan calaqqisaa turee dha. Humna waraanaa kufiinsa mootummaa Dargii booda dhaabichatti dabalamee fi miseensa waraanaa kan duraan gaara ture gidduutti wal-diddaa uumameen gaaga’amni hedduun dhaqqabeera, basaasni diinaa hulluuqee dhaaba keessa seene. Olola diigaa fi kan waraana haamilee buusu tahee gaaga’ama adda adddaa dhaqqabsiiseera. Dabree amma illee mul’ataa jira.

RAKKOO 7FFAA:-Dadhabiinsa caasaa jaarmiyaa irraa calaqqisaa ture:-Kun jechuun sadarkaa nam-tokkee irraa eegalee hanga gubbeetti dirqama miseensaa ifaan kaa’uu dhabuu fi waaltina caasaa jaarmiyaa eeguu dhiisuu irraan kan madde ajaja gadii fi olii saffisaan wal-ciniinsisuu hanqisee ture,ammas jira. Ajaja dabarsuu irratti dadhabiinsa uumee waan tureef gara sirna- dhabiinsaatti(anarchy) adeemamaa ture.

RAKKOO 8FFAA:-Garaa garummaa(wal-qoodinsa) qondaalotaa fi miseensa nam-tokkee gidduutti uumamee ture:- Miseensi uleen akka inni gartuudhaan of ijaaruuf karaa baneera. Fkf Gartuu gantuu, gartuu dabballee, gartuu abbaa galaa, gartuu qaruuxee, fi kkf. Amanamummaan dhaabaa hafee gartuulee kanneeniif amanamuun ni turte. Kun ammoo akka wal beekaniin quunnamtii diriirfachuu fi wal-dura dhaabbachuutti deebi’ame jechuu dha.

RAKKOO 9FFAA:- Dhibdee hanqina jaarmiyaa intelijensii:- Qabsoon bilisummaa kam iyyuu jaarmiyaa jabaa akkanaa malee bakka yaade gahuu hin dandahu. ABOn ammoo jabina karaa kanaa irratti waan hedduu hojjete hin qabu. Waan iccitii eeggachuu irratti aadaa keessaa kan maddee fi haala rincicummaa qabnu irraan kan madde jaarmiyaa dhibdee akkanaa furu irratti daran hojjechuu feesisa.

RAKKOO 10FFAA:- Dhabiinsa hoggana ititaa:- Seenaa qabsoo oromoo irraa akka hubanutti wareegama qondaalota jajjaboo fkf Magarsaa Barii, Baaroo Tumsaa, Elemoo Qilxuu Abboomaa Mitikkuu, Nadhii Gammadaa, Guutamaa Hawaaz fi kkf kan ka’e rakkoon hogganummaa mudatuu maleera.

RAKKOO 11FFAA:- Haala rincicummaa(rigidity) dhaabichaa:- dhaabni qabsoo bilisummaa geggeessu warraaqaa fi haala duukaa tarkaanfataa(flexible) tahuu qaba. ABO garuu haala kana irraa fagoo jira. Yeroo yerootti of gamaggamee haala keessaa(internal dynamics of development) fi alaa xiinxalee kamtu dhiibbaa cimaa qabaa fi hin qabu isa jedhu secca’ee ittiin tarkaanfatuu hin dandeenye. Kun ammoo akka ABO hullufa(faction) gara garaa of keessatti biqilchu isa taasise. Keessa taahanii akka of ijaaraniif karaa bana. Kun gartuun of ijaaruuf(group formation) karaa bane jechuu dha. QCn akkasiin hullufe.

RAKKOO12FFAA:- Fedha aangoo:- akkan amanutti kan aangahuun malu akkaataa dandeettii fi gahee qabsicha keessatti qabaataniin tahuu mala ture. Mee fkf miseensi tokko yeroo dheeraa biyya alaa turee -miseensa k.gidduutti na fudhatuu didan jedhee Awuroppaa kana keessaa deemee akka wadala harree lafa dhiita. Kana jechuun eessaan aangootti ol-bahuu malee -qabsichaaf maal gumaachu kan jedhu hin turre, ammas ni calaqqisa. Miseensi hedduun karaa ittiin gabaasaa sobaa sassaabbatee hogganatti ol-dhihaatu tolfata malee karaa itti qabsoo dandammachiisu irratti hojjetee hin beeku. Ragaa tuquu yoo feesise ni dandahama.

RAKKOO 13FFAA:- Wal-kaadhimmachuu:- Siree fi saree of duukaa fuudhanii lola hin dhaqamu. Kana jechuun kaadhimaa of duukaa yoo fudhatamee deemame, osoo ho’ifatanii ciisanii diinni dursee nama weerara. Kun siree ilaala. Sareen ammoo dutteetu diina namatti damaqsiti jechuu dha. Dhaabni kun wal kaadhimmachuu eyyamnaan shamarran babbareedoo qondaalli filatee qabatee fixe. Miseensi uleen hinaaffaa irraan kan ka’e qawwee fudhatee kute. Kaan ammoo walitti dhukaasuutti gara gale. Ragaa yoo feesise kurna tokko tuquun ni dandahama. Shamarran hedduutu garmalee gandatti hafe. Lola gubbaatti qondaala reeffa kaadhimaa isaa irra dhaabbatee booyu argeen jira.

RAKKOO 14FFAA:- Sab-quunnamtii(SBO):- dhaabni tokko meeshaa sab-quunnamtii qabaachuun hedduu dansaa dha. Falmaa hin qabu. Bu’aan qabsoof qabus hagas gaarii dha. SBO bu’aan inni bilisummaaf qabu hedduu abdatamaa dha. Yoo sirnaan itti hin fayyadamin ammoo iccitii fi qabeenya qisaasuu dha. Yeroo mara sagantaa isaa hordofeen of gaafachuutti ka’e. Maali nama qindeessu hin qabu moo maaliif akkas taha, kan jedhuun of gaafadha. Waa’ee qabsoo keenyaa ilaalchisee haala biyya keessaa irratti diinni yoo iccitii keenya baruu fedhe SBO irraa argachuu mala. Sochii barattootaa, WMT, gargaarsa qonnaan bulaa fi kkf oduun qilleensarra oolu hedduu iccitii qisaasee balaa fiduu mala. Sagantaleen dabran haala yeroo duukaa xiinxalamanii akka miiltolee qabsoo horachiisuu malutti tahuutu irra jira. Kana yeroo biraan itti deebi’a.

RAKKOO 15FFAA:-Si’aayina/saffisa dhabuu:-
“Kun rakkoo dhiiga keenya keessaa maddemoo kan adeemsa keessa nutti dhufe?” jedheen yeroo baay’ee yaadee dadhabe. Yeroo mara of ittisuu(defensive) malee tarkaanfii haleellaa(offencive) fudhatnee hin beeknu. Odeeffatnoo qabnu irratti illee hundoofnee kana hin goonu. Fkf humna muraasa tokkoon bakka tokko qubannee yoo jiraanne diinni saglii tokkoon dhufee nu facaafti. Kun maal irraa madde jedheen yaadaa ture. Waraana keenya bifa waraana mootummaa(conventional)n leenjifne. Diinni ammoo toftaa riphee lolaatti fayyadamti.Nuti osoo hin bilisoomin mootummaa taane.’MEGALOMANIA’ inni jedhan isa kana.Kanaan wal qabsiisee waanan xiinxale ‘qiyyaafannoo’ dha.waraana leenjifnu keessatti harka meeqatu qiyyaafate rukuta isa jedhu irratti qondaalotni waraanaa deebii itti haa kennan.

RAKKOO 16FFAA:- Dirmannaa dhabuu :- ABO karaa humna nama baratee fi humna waraanaa dirmannaa feesisu argateera jechuun tasumaa hin dandahamu. Humna namaa leenjisanii bobbaasuuf dirmannaa yeroon feesisa. Kun kan keessaa yeroo tahu, karaa alaas ammoo miltolee qabsoo dhabuudhaan kan ka’e rakkoolee hedduun mudatuu malaniiru.

RAKKOO 17FFAA:- Dadhabiinsa karaa qabsoo dippiloomasii:- Dadhabiinsa karaa gama kanaan akka ”the quick brown…..” nurratti raawwatu taheera.

RAKKOO 18FFAa:- Akkaataa murtiin itti dabru:-(decision making process):- Wal gahii dhaabichaa yeroo hedduu keessatti barruun gabaa qabamee murtiin hin dabru, sirnaan hojii irra hin oolu.Yoo ragaa feesise osoo gama biraa hin deemin koreeleen biyya alaa yaada kennuu ni dandeessan. Akkuma waldaa afooshaa walitti wacamee gargar deemuu taate. Aadaan akkasii kun jirriiramuun gaarii tahuu mala.

RAKKOO 19FFAA:- Yeroof kabajaa dhabuu:- Rakkoon sa’atii kabajuu dhabuu kun yeroo mara calaqqisa. Lola keessatti sekoondii tokko boodatti hafuun hagam akkanni gaaga’ama fidu murtii keessaniifan dhiisa.

20 FFAA:- XUMURA GALMEE WAAHIMAA
Xumurri Galmee Waahimaa gabaabduu dha. Hanga har’aatti wal-irratti malee diina irratti hin hojjetin jirra. Ammaan booda garuu guddisanii of-ilaaluun (MEGALOMANIA) haa hafu. Yeroo duukaa of jijjiiruun miiltolee yaa horannu (tactical and strategic alliance). Uummata biyya keessaa akka iccitii tiksu barsiifnee(closed society) haa ijaarru, dippiloomaasii haleellaa (offensive) haa hordofnu, dhuunfata WBO haa babal’ifnu. Waliif haa gallu, wal haa kabajnu, wal haa amannu, waliif haa ajajamnu,diina dursinee haa sossoonu!

Afaan Ingilizian cufa:- ‘My case is hunger for JUSTICE. Sometimes JUSTICE takes more than a life time…..the case of life time, but that seems impossible to win……’ Adios! Fixadhe!” jedha ture. Sat: 10/23/2004, 10:13 PM
**********************************************************************************************************************************************
ABO bara 1992 yeroo qophii tokko malee mooraa fi Mootummaa Cehumsaa keessaa bahe waraanni isaa gaaratti deebi’e akkam ture isa jedhu qorannoof dhiifnee “hogganni isaa maal fakkaata ture” isa jedhu ilaalla.
Hogganni ABO yerosii gosa sadii irraa ijaarame. Hoggana dirree bahaa irraa dhufe, hoggana dirree dhihaa irraa dhufee fi kanneen mana hidhaa dargii turanii bahan. Kun walrigdaa (friction) sadii keessa isaan galche. Waggaa tokko mootummaa cehumsaa keessa turame keessatti walitratti hojjechuu malee waliin hojjechuun hin turre. Ni bahame, achii booda akkam tahan?

Hogganni murannoo qaban dirreetti bahan. (Galaasaan dirree bahaatti; Nadhii fi Guutamaan dirree kibba bahaatti; Milkeessaa, Daud, Nagaasaa, Abbaa Caalaa, Waaggaarii, Booruu, Abbayee fi Dibaabaan dirree dhihaatti bahan. Leencoo Lataa yeroo murtaaweef (June-October) Finfinneetti hafu, kanneen biroo marti xayyaaraan biyyaa bahan.

Lolli itti fufee humni WBO bultiidhaan haphataa dhufe. SBOn cufamtee hamileen jabee waraanni faca’e. Hogganni karaa dhihaa ture haalli itti jabaatee wareegamni itti hammatee (Milkeessaa, Abbayee, Nagaasaa, Waaggaarii, Booruu, fi Dibaabaan ni wareegaman) Daud fi Abbaan Caalaa lubbuun bahanii 1992 keessa Suudaan seenan. Karaa Bahaa fi Kibba Bahaa humni hangi jirtu of jireessuun sossohaa turee bara 1994 keessa hangi wareegame wareegamee kan hafe hogganni biyya irraa dheesse. WBOn faffacaatee of jireessuutti deebite. Humni WBO sagalii fi muraasaan walitti deebitee golba Solooloo keessatti wal ijaarte. Baddaa Gujii fi Booranaa keessa bifa sagliin sossohuun egalame. Ani 1996 saglii Bulee Horaa fi Galaana Abbayaa keessa turte waliin sossohaa ture kanaaf ragaan baha.

Bara 1995 eegalee waraannii fi hogganni quba wal hin qabu. Oduu sobaa qopheessuun gara gaazexaa Urjii fi Seyfe Nebelbalitti erguudhaan oduu dirree irraa ergamte fakkeessanii facaasuun eegalamte. Gorsi keenya yerosii ‘’dubbiin kun bubbultee isin galaafatti’’ jenne hin fudhatamne, booda garuu ibiddi ishee isaanuma waxaluu eegalte.
Hogganni biyya irraa baqatee biyyoota ollaa 2n Suudaanii fi Keeniyaa keessa riphee walii isaa riguutti ka’e. Gartuu Diimaa, gartuu Daud, gartuu Galasaa . . .tiin osoo xaph wal gochaa jiranii, Wayyaaneen mootummaa Keeniyaa mattaatee akka achirraa arihaman taasifte. Diimaanfaa Awurooppaatti, Daud Amerikaatti, Leencoon Kanaadaatti, Abbaan Caalaa Yamanitti dheessan.

Osoo kanaan jiranii 1998 Daud qondaalota waraana facaaftee biyyaa baate walitti qabatee Somalee keessatti kora hatattamaa taa’e. Galaasaa galaglchee ofii itti dabre. (gocha kana keessaa nuti illee harka qabna. Nama biraa qofa yakkuu osoo hin taane ofiis itti gaafatamna.). Itti gammadnee, “egaa amma Daud jijjiirama saffisaa fidee, hoggana ititaa ijaara” jennee abdannee turre. Abdiin keenya dhadhaa ibidda buute tahuu eegalte.
Waanan kana hundumaa tarreesseef ABOn 1995 irraa eegalee miseensota dirree irraa gananii biyya alaa irra faca’anii jiraatan malee miseensa sirnaan ijaaramee sochii waraanaa fi siyaasaa geggeessaa ture biyya keessaa hin qabu. WBOn faca’e sagaliin facaatee of jiraachisuu irra ture Booranaa fi Gujii, akkasumas karaa bahaa, karaa dhihaa ammoo kan Laggaasaa Wagii ala jira jedhanii dubbachuun hin dandahamu.

1998 irraa eegalee lola Wayyaanee fi Shaabiyaaf haa tolu malee ABOn bakka itti hirkatu argate. Carraan silaa hoggana ititaa deebisanii itti ijaaran argamee osoo jiruu carraa kanatti fayyadamuu irra walitti galagaluun wal jifatanii ABO 2001 keessa 2tti baqaqe. Dhukkuba tokkoffaa.

Murni Ertiraatti hafe silaa 2004 keessa kora sabaa waamanii sirreessuun osoo dandahamuu korri sabaa kora sobaa taatee raffujiin Kanaadaa fi Amerikaa walitti yaatee dhukkuba 2ttaa itti dabaltee galte. Akkanaan waggaa 4 guutuu dhukkubaan gadadaa turee 2008 keessa silaa ammas kora waamanii hoggana tolchuun osoo dandahamuu dhukkuba irratti dhukkuba dabalachuun daran dhukkubsatee afaan du’aa gahe.

Ergasii as waan deemaa jiru- walirratti ololuu, wal saaxiluu, diinaaf dabarsanii wal kennuu fi komputera duuba dhokatanii wal balaaleffachuun itti fufee kunoo fullaanee bara 2017n baane. Bara kana bara OPDOn illee akka bofaa biyyoo arraabdee fayyuuf carraaqxu kanatti, murni ABO tokko ‘’jira’’ ofiin jechuuf saanduqa reeffaa keessaa rurrukutaa jira.

Kanaaf ABOn maqaa fi afuuraan jira, qaamaan erga du’ee bubbuleera. ‘’Vegetative stage’’ isa jedhan keessa jira. ABOn Jira-kan jiru ammoo caccabee roga gandaa keessa, onnee uummataa, anaa fi si keessa jira.
Cabaa qaama ABO tokko qofa fudhatanii akka ABOtti balaaleffachuun sirrii miti. Adda baafadhu.

Bilisummaa uummataa cabaa jaarmayaa tokkoo irraa eeguunis sirrii miti.

Bilisummaan cabaa jaarmayaa tokkittii miseensota waraanaa nama dhibbaafi shantamaa fi jaarolee ciimmaa ijaa iyyuu haqachuu dadhabde 10n biyya ollaa riphxee ciiftuun hin dhufu, abadan.

Bilisummaan Oromoo kan mirkanaawu jaarmayoota Oromoo mara, uummata Oromoo fi firoota uummata Oromootiin.

Kanaaf bilisummaan kan dhufu uummata Oromoo (jaarmiyaalee siyaasaa mara, amantaa, dinagdee, aadaa, dargaggoo, qotee bulaa, barsiiftota, shamarran, . . .) fi fira oromoon tahuu wal hubachiisuun gaariidha.

Sitti himeeraa bar! Dubbiin Oromummaa kun yoo dhiisanis nama hin dhiiftu.
Sana ammoo kan nutti qabsiise ABO dha.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!!Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

KS ABO 4ffaan Akkam Ture?

  Kora Sabaa 4ffaa ABOn gaggeeffadhe jedhu dhuguma kora dimokraatawaa fi seerawa turee? Korri kun …

Yaada kanaaf deebisaa kenni