Oduu Haaraya

SEENAA BIRRAA 1875 FII 1974

Birraa 05, 2017

 

Abbaa Urjii tiin

 

Galmee seenaa Oromiyaa keessatti, jiini Birraa, kanneen biraa biratti, guyyoota lama kan seena-qabeessa tahan qaba. Isaaniis, Birraa 25, bara 1875 fii Birraa 5, bara 1974-i. Guyyoonni lameen bara sagaltamii fii sagal adda fagaatan kuni, seenaa wal fakkaattuu walitti dhiheeysitu, tan amna qabsoo bilisummaa fii Oromiyaa bilisoomte keessatti yaadatamuun barbaachisu qaban.

 

Seenaan Birraa 25, bara 1875-i tan lola waraana Masrii fii Oromoota Baha Oromiyaa jidduu ti. Haala kana dura, Maammad Ra’uuf Baashaa, ajajaan waraana Masrii, kan ji’a lama dura, Adooleessa keessa, Zeeylaa qabate, “qormaata saaynsii tiif deemnaa,” dahoo godhachuun, Birraa 18, bara 1875, waraana isaa Zeeylaa-rraa karaa Oromiyaa sossoose. Tirannaa guyyaa torbaa booda, Birraa 25, bara 1875, guyyaa Sabtii, ganama Laga Haamaa gaye. Akkuma irkata Laga Haamaa ol qaqqabateen, waraana Afran Qalloo, Murti Guutoo, kanneen Urfoo Jiloo Bikkoo tiin hoogganaman, warra Tulluu Iftuuhaarraa halaalaa daawwachaa turaniin, raaree bal’oo keessatti weerara ifirraa quba hin-qabneen, simatame.

 

Lolli Iftuuhaa kan diiramaan jalqabe, lakkuma aduun oowwituun waliin danfaa deeme. Murti Guutoon diina qawwee fii miya ibidda tufuun deemmatu-tti jihaa hundaan eeboo roobsan. Murni duraa hoggaa kufu kan itti aanu reefka-rraan utaalaa, afaan madaafaa dabooluuf faradoo fii miilaan itti ceehan. Maammad Ra’uuf, tooftaa beeku hundatti dhimma bahee, dirqitti, Khasha Booda, waraana isaa Iftuuhaa keessa hulluuyse. Garuu, akka Kottee Fardaa keessaan Muluqqee dabreen, Murti Guutoon Eegu-tti afaan bahanii, ammaas, akkuma Iftuuhaa-tti, if dura deemuu waakkatan. Guyyaan hanqatee halkan irratti dhiichisaa bulan. Borumtaa, Ra’uuf, caalmaya miya waraanaa kan qabutti gargaaramee, humna hamma Murti Guutoo jalaa lubbuu baasuu dandayeen, Karra Fal’aanaa tiin Biyyoo Adaree seenee, karroota darbii shanan fitti danqare.

 

Ra’uuf Baashaa, yaroo Zeeylaa-rraa karaa Oromiyaa sossoohuuf saganteeffate, humna isa dura dhaabbattuu mitii, tan itti aaggaattulleen akka qunnamuuf jiraattu xiqqollee hin shakkine. Waan Murti Guutoon tahaniis quba-hin-qabu ture. Warra akka isaaniitti loluus takkaa arkee waan hin beeyneef, wanni hedduun raajii itti tahe. Tooftaa Urfoo Jiloo waraana isaa ittin lolchiise akkaan ajaa’ibe. San malees, gamnummaa fii faxinummaa Murti Guutoo haalaan dinqifate. Galmeessaan seenaa tanaa, Bimbashi Muhammad Muktaar, kan Ra’uuf waliin ture, Murti Guutoon, “dangerous warriors, capable of rapid movement.” (loltoota hamoo, dandeeytii sossooha sardaa qabu.) je’ee, seenaaf galmeesse.

 

Lolli Birraa 25, bara 1875 jalqabe, hamma Waxabajjii 15, bara 1885, gaafa Ra’uuf waraana isaa waliin Zeeylatti deebi’utti, waggaa kudhaniif, itti fufe. Bulchiinsa Ra’uuf tan waraana Misraa jalatti buluu diddaaf lola baroota kudhaniif godhan keessatti, Afran Qalloo, lubbuu jeeynota hedduu malees, hoogganoota keessaa hiis, warra akka, Ballaa Buubaa, Ibroo Shaxaa, Caammaa Nuurii fii Kormooso faa dhaban. Haalli kuni, akka Ra’uuf naannoo sanii deemeen, bara lama booda, Amajjii 05, 1887 Calanqotti lola waraana Miniliki waliin godhan irratti injifannoon galuu dhabaaf sababa tahe.  

 

Seenaa Lola Iftuuhaa irraa bara sagaltamii fii sagal yo if dura furgaanee Birraa 05, 1974 dheeyne, Lola Xirroo, kan bara afurtamii sadi dura, guyyaa akka arraa, tahe abuurra. Gaafana waraanni diinaa kan Gooroo Khinteerii qubatee ture, bariisaan midhaan boqqolloo kan hojjaa namaa liqimsuun if dahaa, qarmaammee isaarraa raaree Xirroo-tti bobbahe. Waraana diinaa kan shokomsaa malee ooyroota namaa keessa deemu, gurbaan qabsaawotaaf faxaraan goojjotti deemu tasa arkee gabaaseef. Akkuma Odeeyfannoo arkataniin, qabsaawonni, waraana diinaatti afaan bahanii dhukaasa itti banan.

 

Dhukaasni Qeeyroo waraana diina wareersee, goda dahoof seenan dhoorke. Zarraafii isaanii tiif odoo yaroo hin laatiniif, dachii fii samii itti gara-gaggalche. Lolli waraana diinaatti akkaa fii bakka hin barbaadinitti jalqabame, xiyyitii fii boombii karaa hundaan itti xiiche. Dhukaasni akka jalqabameen, Qeeyroon hafaniis karaa sagaleen qawwee itti dhagayamututti orihan. Waraana diina kan duruu afanfaajjawaa jiru, olii-gadiin fii bitaa-mirgaan, itti dhukaasanii lafaan dhawutti seenan. Waraanni diinaa, ibidda qaban, ija cufatanii karaa arkan haru malee waan godhan wallaalan.

Lolli ganama jalqabe, dafee raawwachuu dhiisee, akkuma kan Iftuuhaatti, lakkumaan, aduu waliin oowwutti seene. Ibiddi gooroo gubbaa itti roobu, baayyina waraana diinaa xiqqeeysaa dhufe. Haalli akka mooraa itti baheef tahuu dhabnaan, ajajaan waraana diinaa, kanneen mooratti hafan dhufanii akka gargaaraniif dirmachuu lallabate. Tanaa-tana jiddu mudaamuddii ol, bakka miilaa fii garaan Elemoo walitti jaajju, xiyyitiin diinaa takka dhuftee seente. Elemo dhawamuu isaa kan hubate yaroo humniti diinaa akkaa-gara dhabdee, dhukaasni gama isaanii tiin itti ol roobu qabbanaawe.

Waraanni mooratti hafan akka iyyannaa dhagayniin, dirmachuuf orihaa dhufanii waaheloota du’aa fii madaawuu irraa hafanitti hafuura lubbuu deebisanii, waliin, qabsaawotatti dhukaasuu jalqaban. Yoona, Elemo, qabsaawonni tokko-tokkoon suuta lola keessaa mimmiliqaa akka lubbuu boruuf baasan ajaje. Haala miliquu isaaniif aanjeeysuuf, ansoolaa deemmatuun irraa fiinxa dhoosee bakka dhiiyni irraa yaa’aa jirutti maree, dhagaa guddaa dahoo godhatee, waraana diinaatti dhukaasa banuuf  jilbiiffate. Qabasaawonni haala isaa kana arkan amrii isaa dura dhaabbachuun, biraa deemuu didan. Elemo garuu, isa caalaa kan arraaf lubbuu baafachuu qabu isaan taachaa itti hime. San malees, “manaa kaniin baheef qabsoo bilisummaa ummata kiyyaa fi. Haala kanaan du’uu caalaa wanni na gammachiisaa hin jiru. Qaanqee qabatte tana akka hin dhaamne godhuun dirqama isinirra jiru. Kanaaf, na dhiisaa deemaa. Ani hamma lubbuun na keeysa jirtu diina isinirraa hiin ittisa.” Jechuun bakka riphiserraa diinatti dhukaasuu jalqabe.

Waraanni Kaasaahuun, gama isaanii tiin, iddoo dhukaasni irraa itti as dhawamutti, xiyyitii malees madaafaa haraa, karaa maraan dooyatti ol yaa’an. Elemo bakka jilbiiffaterraa waaraana diinaa kanneen itti ol yaa’an hamma dandayu odoo lafaan dhawuu, sagaleen kilaash isaa callifte. Waraanni diinaa bakka irraa itti dhukaafamaa ture hoggaa gayan, ibiddi itti roobaa ture qaama adda bittinneessee, haabee nama itti dhukaasaa turee dhaban. Yaroo dilli kuni tahu, dachiin Xirroo maaltu na mudate jette. Samiin naannoo sanii waan jalatti deemaa jiru laaluu jibbite duumeeysa hagooggatte. Aduun kana hunda daawwachaa ooltee, Asrii, Birraa 5, bara 1974-ii, lubbuu Elemoo Qilxuu, jeeyna qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessatti gita hin qabne, umrii soddomii saddeetitti fudhattee, Gaara Bubbee tiin gadi qaarte.

 

Arra, gaafa qabsoon bilisummaa Oromiyaa sadarkaa if duuba hin deebine itti geeyse, gaafa Wayyaaneen kan waraana isii tiin gootu isii hanqatee, warra maqaa Soomaalee tiin gurmeeysiteen lammii Oromiyaa lafarraa buqqisaa, ajjeessaa, araraasaa jirtu, seenaa diddaa gabrummaa fii qabsoo bilisumma tiif godhaman abuuruu fii yaadachuun yoomiyyuu daran barbaachisaa dha.

 

 

Oromiyaan ni bilisoomti!

 

abbaaurjii@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

ONE FOOT IN GRAVE: THE CURRENT STAtE OF THE TPLF-FASCISTS OF FAKE ETHIOPIA

  Truth barometer 13 Part i By Odaa Hora   The article explores the current …

Yaada kanaaf deebisaa kenni