Oduu Haaraya

“The Rise and Failure of Everything rests on Leadership”

Waan ABO Keenyaa
Hawi Anole ~ Hag/2017
————————
Uummanni Oromoo Uummatoota Afrikaa keessatti garmalee cunqurfaman keessaa Adda durummaadhaan kan eeramuudha. Mootummoonni yeroo garagaraatti biyya Itiyoophiyaa bulchan hamma humniifi aangon isaanii hayyameef hundaan Uummata keenya gabroomsanii qabeenya isaa saamuu danda’aniiru. Afaan keenya, aadan keenya akkasumas eenyummaan keenya akka lammata lafaa ol hin kaanetti awwaalamee akka hafuuf, dhalootni eenyummaa ofii beekee, sirriiti hubatee ittiin of ibsu akka hin jiraannef shirri isaan hin hojjatin takkalleen hin jirtu. Yeroo Ibiddaa sana ture ilmaan Oromoo qaqqaalin eddoo jiranii wal kakaasanii, wal dhagayanii, wal kabajanii cunqursa hamaa uummata keenyarra gahaa jiru sanarratti mari’atanii kallattii qabsoo Oromoo bifa qindaa’en kan bu’uuressan. Yeroo sana ture bifa qindaayen tarsiimoofi galma qabsoo Oromoo irratti mari’atanii Jaarmaya rakkoolefi gufuulee hedduu bira dabree har’arra gaye, ABO kana kan ijaaran.

Addi Bilisummaa Oromoo dhaaba akka laayyotti eenyumaanuu abaaramu, arrabsamuufi tuffatamuun maluu miti. Tasuma, dhaaba namni dhugaadhaan Oromumammaa ishee qulqulluu sana dhiiga ofii keessaa qabu quba itti qaba jedhamee yaadamus miti. Dhaabni kuni dhaaba galma Oromoo bifa taliila akka bishaan qulqulluutitti addeessee lafa ol kaaye. ABOn dhaaba ilmaan Oromoo hunduu dhiiga isaanii keessatti akka DNAtti ofkeessatti qabaatanii waliin dhalatan hamma jechuuf nama dandeessisu tokkotti dhaaba Uummata Oromoo biratti jaalalaafi kabaja addaa ( special respect) qabuudha.

Haata’u malee waggoota muraasaa as dhaaba kana, ABO, namoonni/qaamonni hedduun bifa garagaraatiin qeeqa walitti fufiinsa qabu irratti dhiyeessaa jiru. Osoo keessi isaanii isaan mararu abaarsaafi arraba itti guuraa jiru. Dhaaba onneerraa jaalannu yeroo ofbiraa dhabuu hin qabnetti of biraa dhabne, gaachana keenya jennee osoo abdannu irkoo malee hafne, nu bilisoomsa jennee osoo akka gaaddiduu keenyaa ofitti kaleessinee ilaallu nu jalaa dhabame jechuudhan gamaaf gamanaa himachaa jiru. Kanneen obsi keenya dhumeera, dhaaba kana ammaan achi abdachuun yeroo ofii balleessudha jedhan immoo hamma ilaalcha siyaasaa isaanii jijjiiranii dhaaba haaraa ijaarachuuti cee’anii jiru. Gaaga’ama kana hundaa danda’anii kanneen obsan immoo yoomiyyuu kaayyof galma keenyarraa hin sossoonu jechuudhaan dhaaba isaanii ganamaa akkuma qabataniiti jiru.

Akkuma hundi keenya dhageenyetti torban kana ABO kora sabaa gaggeessee hoggansa isaas filatee waadaa isaa cimsatee qabsoo Uummata Oromoo akka finiinsu labsee jira. Filmaata kanaan koree hoji raawwachiistuu keessatti namoonni haaraan filamanis Adda dureen dhaabichaa hoggansaan akka itti fufan murtaa’eera. Murteen kuni Uummata Oromoo biratti bifa garagaraatiin ilaalamaa jira. Kanneen qabsoon ABO gaggeessaa jiru rakkoo guddaa qaba jedhan hoggansi yoo jijjiirame tarii dhaabichi of jijjiiree jijjiiramaaf onnatuu isaa mallattoodha jedhaa eegaa kanneen turaniif murteen kun kan naatoo ture. Kanneen adeemsi dhaabichaa bifa barbaadaniin adeemaafii jiru immoo gammachuudhaan murtee dhaabichaa simataniiru.

Kanarraa ka’uudhaan mee ABO kallattii garagaraa shaniin ( five basic points of evaluation) haa ilaallu;

1. Kaayyoo Dhaabichaa Galmaan Ga’uu Irratti
Dhaabni Kamiyyuu kan madaalamu kaayyoo lafa olkaawwateeni. Addi Bilisummaa Oromoo erga hundeeffamee waggoota hedduu lakkoofsiseera. Dhaabbileen yeroo ABOn hundeeffamu hundeeffaman qabatamaan uummata isaanii bilisummaa gonfachiisaniiru. Kanaaf immoo fagoo osoo hin adeemin Ertraa ( EPLF, PFDJ) fi Tigraayin ( TPLF) akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama. Inumayyuu ABO jabaachaa, cimaa, damee isaa bal’ifachaa kaayyoo isaatti ofdura tarkaanfachuurra yeroo irraa gara yerootti dadhabaa, laaffachaa, galma lafa olkaawwate irraa fagaachaa adeeme. Kuni kufaatii guddaafii Isa jalqabaati!

Tarii namoonni tasuma kaayyon ABO hin kufne, inumayyuu ofdura tarkaanfachaa jira jedhan jiraachuun ni malu. Kuni akkuma dhuunfaa kootittuu fedhii kooti. Wantin jireenya koo keessatti hawwu guddaan osoo jiraatee kaayyon sabaa galma gahuu isaati. Waan ijaan arguu hin dandeenye tokko immoo argeera jedhee dubbachuun waan ulfaataadha. Osoo wanti haasa’amu hundi dhugaadhas ta’ee wantin daa’imummaa koorraa hamma ammaatti gama Raadiyoo ABOtiin dhaga’u qaata Oromoof Oromiyaa bilisoomuushee qabatamaan natti agarsiisa ture. Waraanni ABO irra deddeebidhaan tarkaanfii akka fudhatetti Uummatatti himamu Finfinneeyyuu ni qabata ture. Kanaaf namni hedduun osoo keessi isaanii ABO tuquu hin feene sammuunsaanii gaafii kana akka ifatti bahanii gaafatu isaan dirqisiise – Meerre ABOn? Meerre Injifannoon Cululuqaan? Meerre Tarkaanfin Zoonii Kibbaa? jedhee Uummanni kan gaafatuuf ABOtti qoosuf miti – gurra isaa waggoota hedduuf abdiidhaan dhageeffachaa tureef booqonnaa laachuf malee.

2. Hoggansa Jijjiiramaa ( Transformational Leadership) Uumuu irratti
Akka hayyuun hoggansa John Maxwell jedhutti ‘ The Rise and Failure of Everything rests on Leadership’. Kana jechuun immoo kufaatis ta’ee guddinni waan tokkoo hoggansa isaa irratti hundaa’a. Yoo hogganaan dhaaba tokkoo kufaa ta’e wanti hunduu waliin kufa, yoo cimaa ta’e waliin ka’a. Faffaca’iinsifi addaan diigamni ABOs kanumarraa madde. Hammuma fedhe rakkoon hammaatus, gidiraan baay’atus kufaatidhaaf akka dhiifamaa guddaa ( big excuse) ilaalamuu waan danda’anii miti. Hoggansa jechuun mataansaa dhaaba rakkoo keessa jiru tokko furmaata khalaqaawaa ( innovative solution) fiduudhaan furanii bu’aa kanaan dura hin argamin argamsiisudha. Waan lafa jiru tokkorra taa’anii eddoodhuma sanaa akkuma duraaniitti hojjachaa jijjiirama fiduun tasumaa waan danda’amuu miti.

As biratti qabxiin ijoon ka’uu qabu dhimma gandummaafi gantummaati. Gandummaf gantummaan yeroo hunda akka rakkoo ijoo qabsoo Oromootti ilaalama. Kunimmoo namoonni akkuma salphaatti qaama isaaniif dhiyaatutti qalbiin akka goran haala mijeesse. Qoqqoodamiinsi bifa jedhameen fakkaatu akka uumamuuf karra saaqe. Garuu osoo hoggansi lubbuu qabu jiraatee, osoo waadaan galame galma gahamiinsi isaa kan sadarkaa amansiisaa irra kan jiraatu ta’ee, osoo hoggansi cimaan jiraatee wanti suni hundi hin uumamu ture. That is the result of a failed leadership – Leadership is handling an extraordinary challenges in an extraordinary manner. Hoggansa jechuun rakkoolee akkanaa kanneen bifa bilchaataa ta’een furanii irra aananii argamuudha. Lakki kan adeemuu barbaade haa deemu, daandin koola lukkuu haa taatuf jedhanii eebbisuun, kan buqqa’ee ganee adeemaa jiru isa warra kanaati jedhanii maqaa laatunifi xureessun kufaatii hoggansaa isa ol’aanaadha. Hogganaan tokkummaa kaayyoo bu’aa irratti hundaaye fiduu hin dandeenye dandeettin hoggansa isaa gaafii guddaa keessa kan galuudha. Akkuma warri gatee adeeme itti gaafatamu, kan harka dhayee gaggeesses sanumaan qixa itti gaafatama. Kuni boru gaafa bilisummaan hawwinu argame waan uummata duratti deebiin irratti barbaadamuudha.

3. Haala Yeroo Waliin Tarkaanfachuu Irratti
Har’arratti Adduunyaan eddoo kaleechaa hin jirtu. Erga ABOn hundeeffamee as waggoota hammana hin jedhamnetu dabre. Carraan ABOn aangoo mootummaa uummata ofii argatee, uummata ofiif mirga itti gonfachiisee kabaja uummata isaa itti eegsisuu danda’u hedduun miliqeera. Dhaabbileen siyaasa alagaa kanneen ABO waliin kaleessa bosona turan har’a hunda too’achuudhaaf danda’aniiru. ofirras dabranii dhaloota haaraa isaanii lafaa ol adeemaa jiru, kan humna qabu, kan kaka’umsa qabu, kan dheebuu bilisummaa qabu ofduuba hiriirsisanii jiru. Kunimmoo kaayyon isaan ittiin dhaabbataniif bifa itti fufiinsa qabuun akka raawwatamu haala mijeessaafi jira. Jijjiirama Adduunyaa keessatti muldhatuun waliin akka wal cinaa tarkaanfataniif haala mijeesseefi jira. ABOn gama kanaan eessa jira jennee yoo ilaallu wanti qabatamaan mul’atu hin jiru.

Inumayyuu hayyuuf qabaatan Oromoo, jaarsaf dargaggeessi Oromoo, daa’imaaf dubartiin Oromoo sababuma mirga ofii manaa baatee gaafatteef qofa maqaan ABO kennameefi cubbuun ilma namaa irra ni gaha jedhamee hin yaadamne irra ga’aa jira, yakki ilmoo namaa irratti hojjatama jedhamee hin yaadamne irratti hojjatamaa jira…! Kuni Ilmaan Oromoo lafarraa akka dhumaniif haala kan mijeesse, siyaasni TPLF ( Wayyaanee) bifa gaarii ta’een akka adeemu ( by always excusing Oromo dissents on OLF and crushing them down) carraa guddaa kan kenneedha. Kunimmoo dhalootni yeroo waliin adeemu akka uumamuuf osoo hin ta’in dhalootnumti jiru akka duguugamee dhumuuf kan haala mijeessedha.

4. Amantaa Uummataa Argachuu Irratti
Uummanni Oromoo ABO garaa qulqulluudhaan jaalata, Alaabaa isaatiif du’a. Bilisummaan Oromoo har’as borus harka ABO akka jirtutti amana. Hamma Alaabaan miidhagduun suni lafa Oromiyaarratti mirmirtutti dheebuun bilisummaasaas waan dhugoomu hamma hin fakkaanne tokkotti qalbiinsaa waliin raata’a. Uummata qofa osoo hin ta’in dhaabbilee dhumti siyaasaa ABO irraa fottoqanii ajandaa mataa isaanii bocatanii sosso’an ilaalchi isaan Alaabaa ABOtiif qaban kan jechaan ibsamuu miti. Ta’us garuu suuta suutaan abdiin Uummanni ABO irratti qabu xinnaachaa dhufe, namni ABO abaarufi qeequ, hadheeffatee gaddu heddummaate. Kana hundarras dabree hamma ABOn dhaaba Oromoo guutuu osoo hin ta’in dhaaba kallattii Oromiyaa tokko/lama qofaaf qabsaawuutti hamma lakkaawuutti ga’ame. Kuni waan dhugaadhaan baay’ee tokko garaa nama nyaatu, waan Oromoon qulqulluun osoo lubbuun jiru arguu hin feenedha. Garuu dhugaa osoo ijaan argan bira darbuun wal nama gaafachiisa. Kaayyon hunda keenyatuu wal utubuuf wal ijaaruudha. Wal utubnee cimnee irree tokkoon of dura tarkaanfachuuf garuu haqa walitti himuun rakkoo qabas jedhee hin amanu – Akka Oromoon jedhu, haqa dubbachuun firooma hin kutu.

5. Tokkummaa Dhaabaafi Uummataa Dhugoomsuu Irratti
Tokkummaan dhaabaafi Uummataa gatiin kamiyyuu itti kanfalamee dhugoomuun kaayyoof galma sabaa dhugoomsuuf baay’ee murteessoodha. Dhaabni tokkummaa hin qabne, kan tokkummaa Uummata isaa sadarkaa amansiisaa irraan gahuu hin dandeenye hammam tarkaanfatee alaabaa bilisummaa akka lafatti gadi dhaabu tilmaamun baay’ee ulfaata. Dhaabni bu’uurri isaa jaalala uummata isaa irratti hin hundoofne, kan irkoon isaa uummata tokkoomee wantoota tokkummaa isaa diigan irraa bilisoome yoo hin uumin har’arrattis borurrattis gatii guddaa nama kanfalchiisa.

Qaama Oromoo tokkorratti garmalee rarra’anii qaama Oromoo tokkorratti daran irkatanii ofdura tarkaanfachuun waan baay’ee ulfaatudha. Wantin kana jedhuuf isa dhiibame/ ofiif of dhiibee adeeme deeggaruuf osoo hin taane wal mormiifi morka jidduu kana keessatti adeemun kan miidhamu Uummata keenya bal’aa sana waan ta’eefi. Kan gufatu galma saba keenyaa waan ta’eefi, dhiigni ilmaan teenya qabsoo sabaaf lubbuunsaanii dabree aarsaa faaydaa dhabe ta’ee akka hafuuf karra kan saaqu waan ta’eefi. Morki injifataa hin qabu, dhumni morkaa balbala diinaaf akka malee saaqame ta’a, jidduutti dhumaatiif gaaga’ama saba bal’aati.

Dhuma Dubbii
Kufaatiin dhaaba Oromoo kamiituu kufaatii Uummata keenyaati. Keessattuummoo kufaatiin ABO waan Uummanni Oromoo tasumayyuu dhaga’uus arguus hin barbaanne yoon jedhe dogongora natti hin fakkaatu. ABOn seenaa qabsoo keenyaati, isa kan Oromoo ta’e hundi himatu, isa namni keenya hundi alaabaaf faajjiisaa garmalee jaallatu. Ciminaaf dagaaginsi ABO, jabinaaf irreen WBO abjuu hunda keenyati. Dhaabni yoo karaa sirriirra jiraate ni jaalatama, yommuu karaarraa dabe ni qeeqama. Hundarrammoo dhaabni uummataa, kan bu’uurri isaa, jalqabaaf dhumni isaa uummata ta’e uummata isaa ni dhageeffata, jalaayis ni awwaata. Dhaabni nama dhuunfaatii miti, akka namaa nama dhuunfaa namoota dhuunfaatti/ uummatatti hin morkatu. Yoo itti himan ni awwaata, yoo gaafatame gaafiif deebii ni laata.

Uummanni Oromoo ABO irraa dammaqiinsa malee eddoo jiranitti hafuu ( rigidity) hin fedhu. ABOn hoggansa isaa madaallii bu’aa qabatamaa irratti hundaayeen madaalee akka muudatuuf, hoggansi haaraanis dhiibbaa ( pressure) siyaasa Oromoo keessatti uumamaa jiru kan dhiphisu akka ta’u abdachaa ture. Kuni namoota kana hawwaniif waan milkaa’e hin fakkaatu. Kana jechuun garuu abdii murachuun barbaachisaadha jechuu miti. ABOn dhaaba akka uffata xuraawee ofirraa mulqatanii darban osoo hin ta’in dhaaba hamma dhumaatti aarsaa barbaachisu hunda itti kanfalanii cimsanii, rakkoo isaa furanii akka jabaatee cimee irree uummataa ta’uuf godhuun dhaaba barbaachisuudha. Dhugaa dubbachuudhaaf Uummata Tokkummaa malee jedhee biyya keessatti harka walqabatee falmatuuf hoggansi tokkummaa dhugaa ( isa ijaan mul’atu) fiduu hin dandeenye eessayyuu hin ga’u. Muudamnif barcumaan abbaa barcumaa nama godha ta’a malee hogganaa nama hin godhu. Hoggansi hojiidha, hojiin jijjiirama, jijjiiramni galma gahiinsa kaayyoo ganama lafa kaawwameeti. Kanaafuu, hoggansi amma aangon itti kenname, waan hunda dura bifa kaleessa irraa adda ta’een ( with a transformed mentality) kana hubachuu danda’uu qaba. Hojii qabatamaa haalli yeroofi adduunyaa barbaaddun malee morkaan gaara dhiibanii sochoosun hin danda’amu. Akka nama tokkootti kora gaggeessitan har’uma diigaatoo hoggansa haaraa filadhaa ilaalacha jedhu hin qabuy. Haa ta’u malee hoggansi amma amaanaan sabaa itti kenname al tokko dhaabbatee, waan haqaan irra jiru sirriitti xiinxalee, rakkoolee jiran hundaaf furmaata qabatamaa, kan namni hundi jaallatus jibbus dhugoomina isaa ragaa ba’uuf akka hojiin agarsiisu dhaammachuun barbaada. Karaan nu baasu karaa hojiiti, kan of dura nu tarkaanfachiisu waan qabatamaan mul’atu qofa. Kun hin ta’u taanan, doing old things in an old fashion is the worst of all failures. Har’aaf wantin ani jedhu kanıma, yaadni asii olitti barraa’es ilaalcha dhuunfaa kootiiti. Akkuma kanaan dura irra deddeebi’ee dubbadhe yoon dogongore, yoon haqa dabse, yoomiyyuu taanan dhaabbadhee of ilaalee of sirreessudhaaf qophiidha. Abjuuf hawwiin koo Oromoo tokkoome, kan wal jaalatu, kan waliin falmatee waliin dhandhama bilisummaa argu tahuudha.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Uummanni Oromoo Uummata Ergamtootaa fi Garaaf Bultootaaf Jilbiifatuu Miti!

Baarentuu Gadaa Irraa// Wayyaaneen waggoota 26n darbaniif ummata Oromoo weerartee qabeenya isaa saamaa, kan kun …

Yaada kanaaf deebisaa kenni