Oduu Haaraya

Dhaamsa baqattoota Oromoo biyya Keeniyaa jiraniif

Biyya ollaa biyya teenyaa taate biyya Keeniyaa(KENYA) keessa baqattoonni Oromoo hedduun akka jiru namuu ni beeka. Ummanni keenya roorroo mootummaa gabroomsaa Wayyaaneen irra geeyse dheefa lubbuu ifii du’a jalaa baraaruuf dur irraa kaasanii biyya tanatti baqataa jiran. Ummanni Oromoo kan biyyoota faranjii garaa-garaa keessa qubatanis harki irra caalaan erga keeniyaa dhufanii carraa biyya sadaffaa argatanii kan deemaniidha. Ummanni biyya Keeniyaa ummata nagayaa fi kan baqattoota fuula gaariin simataniidha. Haata’u malee namni Keeniyaa keessa taa’ee beeku kan gidiraa poolisiin biyyattii namarraan geeysu argee hin dhandhamin hin jiru. Beellama UNHCR tti deddeebi’uutiin hedduunis hiraaraman. Gaariihis “KUJJA KESHO” beellama adda hin cinne kana obsaan deddeebi’uun carraa argatanii achi tarkaanfatan.
Ummanni Oromoo harki caalaan biyya tana keessatti qubsumaan iddoo tokko jiraatu. Oromoon biyya tanattis akkuma nama biyya jiranitti jaalalaan walitti dhufuun wal gaafatu, kan rakkate wal bira dhaabbatu,kan dhukkubsate wal’aannachuun kan du’es awwaallachaa as gahan. Waa’ee biyya Keeniyaa kanuma keessa taa’eetu beekaa tana tanumaanin bira kuta.
Har’a waa maleef tana hin kaafne; Filannoon biyyooleessa Keeniyaa(Kenya) gaggeeffamuuf guyyaa qubaan lakkaawwamuutu hafe. Torbaan dhufu guyyaa Salaasaa 8/8/2017 tti kan gaggeeffamu yommuu ta’u, Yeroo filannoon biyyattii geeyse hunda ummata biyyattii caalaa kan sodaa keessa galu baqattoota biyya tana keessa jiraniidha. Kunis kan ta’eef poolisiin biyyattii tan baqattoota irraa waa buufachuu mi’eeyfatte filannoo sababeeffachuun baqattoota waan hiraarsaniif jecha. Baqattoota xalayaa eenyummaa qabanii fi kan hin qabnes addaan hin baasanii mala uummatanii hidhuudhaan waa irraa carraaqqatu. Poolisiin biyyattii girgiriin isaaniif shirshiriidha. Tana waan namuu beeku.
Bara kana erga duulli na filadhaa eegale irraa kaasee baqattoonni sodaa keessa galanii jiran. Haata’u malee dilas hunda wanni nama sodaachisu waa hin jiru. Gariihis ifumaaf wal girgireeysa malee tan silaa nama sodaachisuu malte filannoo bara 2007 ture. Sanuu keessuma dabruun as gahan. Baqattoonni amma baqatanii biyya keeniyaa dhufan haala biyya tanaa waan hin beeyneef sodaachuu malu. Ta’us garuu namoonni isaan dura biyya tana turan haala jiru itti himuun jajjabeeysuutu irraa eegama.
Xumuruun dura wannin baqattoota Oromoo biyya Keeniyaa jiraniif dhaamu; akkuma duraanitti mataa walitti qabatuun, sochii xiqqeeysuun, hanga filannoon kun dabrutti of-eeggannoo godhaa. Dhaamsi kiyyas kanumaa Rabbiin filannoo nagayaa godhee biyyaa fi ummata keenyas nagaya haa godhu!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …