Oduu Haaraya

Oromiyaa Lixaa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Neqemtee kana fakkaatti

naqamtee2017

Adoolessaa 19/2017 Oromiyaa Lixaa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Neqemtee Keessatti Guyyaa har’aa Sochiin Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Duullii gabaa lagachuu, mormiin gibiraa fi qaraxa adda addaa dhorkachuu itti fufe. Qeerroon dargaggootni Magaalaa Neqemtee fi uummatni Daldaltootni Sabboontootni Oromoo guutummaatti mana daldalaa isaanii
2714manneen nyaataa fi hoteelotni cufamanii tajaajila dhaabaniiru
2714dunkanoonni (Suuqiiwwaan) daldaltootas hojii dhaa uun cufamaniru
2714Uummatni waliigalee qabeenyaa keenya gabaa hin baasnuu jechuun duula gabaa lagachuu itti fufuun mormii sirna abbaa irree wayyaaneef qabu ifatti argisiisuun diddaan daran jabaatee itti fufee jira.
Qeerroon dargaggootni Oromoo fi sabboontootni daldaltootni Oromoo hanga gaaffiin kabajamuu mirga abbaa biyyummaa uummata keenyaa kabajamuutti hacuuccaan kamuu nurraa dhaabachuu waan hin dandeenyeef qabeenyas keenyaafi gibira mootummaa garboomsaa wayyaaneef kanfallee diina of irratti hin goobsinuu jechuun guyyaa har’aa mormii Duula gabaalagachuufi diddaa gibiraafi qaraxa humnaa olii balaaleffachuun oromiyaa keessatti sochii FXG finiinaa jiruuf dirmannaa gochuun motummaa wayyaaneefi ergamtuu wayyaanee boqonnaa dhorkaa jiru.
Injifannoon Uummata Oromoof!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …