Oduu Haaraya

KITAABA MAQAA #BEEKAN GULUMMAATIIN MAXXANFAME GUBUUN SIRRII MITI.

 

(Saphaloo Kadiir irraa)

Dura irratti barruun kun seera if danda’ee fi akeekkachiisa qaba. Osoo dubbiftee hin xumurre barruu kana irratti yaada kennachuuniis tahee, yaada dogoggoraa kennuun dhoorkaa dha. Kana jechuun kiyya dogoggora barruu tana keessa jiru akkaan sirreessu natti himuun dhoorkaadha jechuu kiyyaa miti. Garuu eega dubbiftee raaftee baaftee booda yaada bilchaataa ragaan mirkanaawe kennuun anaas tahee siis waan fayyaduuf mata duree dubbiftee masluufummaan xumuruu hifattee cal’iftee yaada kennachuun dhoorkaa tahuun dubbachaa jira. Gurbaan akka gurbaatti taajjabbii dadhabbii eegalee jattees nan komatin. Waaniin taajjabe osoo hin tahiin waaniin mirkaneeffadheen barreesse waan taheef hadhaa’ullee akkuma qorichi (kiniin) osoo hadhaa’uu dawaa tahu barruun kuniis sammui keetiif dawaa tahuu mala waan taheef cinninnadhuutuma liqimsi. Eekaa waan rabbiin dawaa namaa godhu hin beekan ja’amaa mitiree? Hundaafuu hanga maayyiitti dubbisi. Dubbisa gaarii.

“Abbaa jibbaniis haqa hin jibban” ja’a Oromoon. Namoota kitaaba maqaa Beekan Gulummaatiin barreffamee fi maxxanfame gubu miidiyaa hawaasaa kana irratti arkeen gadde. Dhugatti gariin namaa sadarkaa gad fagoo irra jiraachuu hubadheen ifitti qaanfadhe. Nama tokko yaada fi hojii isaa kan arraatiin jibbuu malla. Kana jechuun ammoo namni san waan gaarii hin hojjanne jechuun hin danda’amu. Osoo sammuun hin micciiramin dura hojii gaarii hojjachuu mala. Tokko tokko ammoo kalee balleessee arra tolchuu mala. Faallaa kanaatiin ammaas ilmi namaa jijjiiramaa dha waan taheef kalee tolchee arra balleessuu mala. Kalee gaarii yaadee arra hamtuu yaaduu mala. Nama gariis ammoo haala dhiibbaa gariitiin waan badduu keessa seenuus mala. Kana jechuun yaaddoon sammuu namaa micciiramuu fi jijjiiramuu malti jechuu dha. Akkuma nni kalee fayyaa waan gaarii osoo hojjatuu tasa maraatee waan hojjate hunda if jalaa balleessu sani jechuu dha. Garuu kitaabni tokko eega barreeffamee booda irra deebi’amee hanga hin maxxanfamnetti qabiyyeen isaa sammuu abbicha barreessee san jala hin micciiramu. Yaadni kitaabichaa kan kalee san waan arra sammuun micciiramte balleessitu kana hin balleessu.

Kitaabni gaariin hiriyaa gaariidha. Kanaaf hojii namni tokko kalee hojjate tan nutilleen bu’a qabeessummaa isii ragaa bahaa turre balleessuun nutiis nama sammuun micciiramte saniin addummaa hin qabnu. Kanaaf kitaaba gaafa sammuun nagaya jirtu barreesse gubuun dhaloota dhufu doofummaaf laachuudha, amala hojii diinaatiis. Gama biraatiin, kitaabni gaariin Oromoodhaaf ni barbaachisa. Kitaaba tokko mormuus tahee deeggaruun jaalalaafi jibba abbicha barreessee saniin osoo hin taane qabiyyee kitaabichaatiin madaalama. Barreessitoota tokko tokkoo fiinxi arraabaa isaa fi fiinxi qalama isaa faallaa tahuu ni mala. Arrabni isaa faaydaaf mimicciiramuu mala, qalama isaa yoo dhugaarraa micciire ammoo eeboo tahee boru sammuu isaa waraanuun waan hin oolle. Sababniis wanti arrabni isaa dubbate tarii ni dagatama taha. Gowwaa fi qalamni garuu waan qaban gad hin dhiisan waan taheef qalama mudhii qabee yoo finxan cubbuu, kijiba barreessellee gubuun nurra hin jiraatu.

Kitaabni maqaa Beekan Gulummaatiin maxxandamees tahee kitaaboota namni biraa barreessees hanga ergaa gaarii qabutti, hanga waan aadaa, waan seenaa, afaanii fi sirna saba tokkoo qabutti kitaaba sabaati malee kan nama dhunfaa sanii miti. Abbicha hojii baleessaa arra inni hojjateef ammoo kitaaba qabeenyi sabaa keessatti kuufame gubuun saba kana doofummaa keessatti golguuf yaaduudha. Yoo kitaabni san dogoggora qabaate ammoo gubuu osoo hin taane bakka dogoggora qabu san himanii sirreessisuuf yaaluu dha. Yoo abbichi sirreessuu dide ammoo ragaa qabatamaan deeggartee yaada kitaaba isaa kana kuffisuu dandeessa. Oromoon osoo kitaaba kalee warri nafxanyootaa maqa xureessaanii fi sobaan seena bu’ura hin qabne kan irratti barreeffame mara gubee arra miidhaa fi shira kaleessa nafxanyaan nurratti hojjachaa turte dhaloonni kun hin baru ture. Furmaanni kitaabicha ciruu osoo hin tahin yaada yaadaan kuffisuu danda’uu waan taheef wabii godhattee bakki kun sirrii miti jattee mormuu dandeessa. Waan arra nama tokkotti aarteef hojii bareedduu inni kaleessa waan sabaaf fayyadu gumaache gubuun ilaalcha dhaloota qubee irraa eegamuu miti.

Nama dubbisuu hin beekne doofaatu kitaaba guba. Waan dubbisuu hin dandeenyeef yookaa dubbisuus waan isaaf hin galleef gubuu filata. Fakkeenyaaf dhiheenya kana kitaaba wayyaaneen tartiiba qubee jijjiiruun baafte eenyulleen hin gubne. Sababniis yaada sammuu nama kitaaba san barreesse keessa jiru gubuudha malee kitaabicha gubuu miti furmaanni. Kanaaf yaada yaadaan dura dhaabbachuu danda’uun qarooma guddaa waan taheef kitaaba gaariis tahee hamaa danda’amu yaada yaadaan cabsuu, dadhabamu ammoo seenaaf olkaa’uu dha malee gubuun hin barbaachisu ja’een hubadha.

Gama biraatiin kitaaboonni Beekan Gulummaa kan sammuu isaa qofa keessaa barreeffamee miti. Kana hoggaan ja’u ammoo cubbuuf osoo hin taane dhugaa ragaa danuun deeggaramee fi sirritti namoota adda addaa irraa arkadhe irra dhaabbadheen waaniin beekurraa dubbadhe waan taheef roga biraatti hin fudhatinaa. Beekan Barsiisaa Afaan Oromoo Univarsiitii waan tureef xalayaa qorannoo (Reaserch Paper), kitaaboota namni biraa barreesse isiiniifin gulaala jechuun maqaa kitaabaa jijjiiree kan maxxansees jira. Yaada bu’uraa (idea) kitaaboota namaa keessaa fudhatee uunkaa, maqaalee, yoomessaa fi walduraa duuba kitaabaa jijjiiree maqaa isaatiin maxxansees hedduutu jira. Kana jechuun kiyya Beekan matagale barressuu hin danda’u jechuu kiyya osoo hin tahin barreeffamni isaa dhandhama qabaachuu baatuuf barreessaa fakkaachuuf barreeffama bushaawaa tokko ittanee barreessuu isaa golguu hin barbaadu. Kanaaf kitaaboota danuu san keessaa yoo tahees hanguma tokkootu kan isaati malee hojii inni maqaa itti arkate hedduun kan nama biraa tahuu hanga tokko ragaa qabatamaan waan beekuu dha. Kana malees joollee hedduu kitaabaan isinii gulaala ja’ee maallaqa irraa nyaate, warra kitaabaan isinii maxxansiisa ja’ee maallaqa guddaa irraa fuudhee kitaaba muraasa maxxanseefi maallaqa harka caalu nyaatees jiraachuun dhugaa tahuu mirkaneeffadheen ni jira. Sababa dabaa fi shira isaa kanaan joolleen onneen gubattee, sammuun wareertee kitaaba barressuu dhiisii waa’ee kitaaballee dubbachuu jibbaniis hedduu dha. Maqaa tuquun hin barbaachisu malee Beekan barreessitoota lafaa dhufu kan silaa ibiddi hogbarruu meeqa keessaa shidamu keessatti dhaamsee daareeysee jira.

Kanaaf, gabaabumatti dhara irra kaayee maqaa xureessuuf osoo hin tahin wanniin kana kaaseef kitaaboonni waan isatti aartaniif qofa arra gubaa jirtan kun hojii isaa qofa osoo hin tahin hojii sammuu qaroon biraa hojjatte kan maqaa isaatiin maxxanfame waan taheef gubuun gonkuma sirrii miti jechuu barbaadeeti. Ani waaniin badii isaa ragaa qabatamaa waliin dubbadhe Oromotti saaxile qofaaf soba sammuun isaa galgaluu itti waraanamtu hedduu uumee narratti haasawe, garuu ani na aarsuu caalaa namoota biraa dubbiin san gubde ture. Ani cubbuu uumee narra kaayuus, dhugaan ani qabu dubbatuus san ana, isaafi rabbi qofaatu beeka waan taheef na aarsuu caalaa na gammachiifte. Sababniis, namni hedduun bakka dhugaan jiru baruuf gama hedduun qoratee baruu danda’ee jira. Deebisaan ani namaaf kennu irra waan abbichi qoratee irra gahuytu deebisaa quubsaa kenna waan taheef sababa inni waa’ee kiyya dubbateen namoota jajjaboo danuu akkaan hiriyoomfadhu na taasise. Haa galatoomu. Inni garuu sababoota soba uumee fuula miidiyaa hawaasaa irratti odeessuu kana irraa dhaabbadhu waan ja’anii itti himaniif hiriyaa hedduu if dhoorke kun isaaf kufaatii dha. Kana hoggaan ja’u ammoo inni sirritti jira jechuu kiyyaa miti. Sirritti hin jirtu ja’ees cubbuu irra hin kaayu.

Xumura irratti ani akka kiyyatti yaadniin furmaata ni taha ja’ee yaadu kitaaboota kanneen gubuu osoo hin tahin furmaata biraatu jira ja’een yaada. Inniis:-
1) Kitaaboonni hedduun kan maqaa isaatiin maxxanfame tahullee cunfaa kalaqa sammuu namni biraa cimimfatee dahe waan taheef, Beekan kitaaboota hedduuf abbaa gudeedaa osoo hin tahin abbaa biddeenaa akka tahe mirkaneeffadheen jira. Kanaaf warri aara isatti qabdan irraa kaatanii kitaaboota inni abbaa bideenaa taheef kanneen gubaa jirtan badii inni baleessaa jiru caalaa badii laaqqachaa jiraachuu keessan hubattanii akka irraa dhaabbattan jechuun barbaada. Warri ilmaan isaa gubnee garaa isa bobeeysina jattanii akka nafxanyoonni dur odeeffannoo aadaaf seenaa Oromoo gubetti kitaaboota gubutti bobbaatan kun osoo irraa dhaabbattanii gaarii dha.

2) Ilmoo nama biraa tan guddifatan takka, osoo isiin badii hin qabne waan abbaan bideennaa balleessee fi aara isanitti qaban qofaaf ajjeessuun gatii hin qabu. Ilmoon inni guddifate badii isaatiin gubattees dilas garaan ni aara jechuu hin danda’amu. Kanaaf garaa isa gubuuf kitaaba kana gubuun furmaata akka hin tahin beeknee gubuu irra abboottii kitaaboota kana barreessan ragaa qabatamaan funaannee mana murtii dhimma kalaqa sammuu itti himannuus waan hin qabneef Oromoo sagalee irratti kenninee maqaa abnicha ganama barreesseen akka deebi’ee maxxanfamu godhuuf yaaluu dha.

3) Kitaaba kana gubuu irra yaada micciiramaa sammuu isaa keessa jiru jijjiiruuf, diriirsuuf yaaluun gaarii dha. Inniis nama yaada namaa fudhatuu miti waan taheef yoo kana dadhabne ammoo inni haa qaaqaa ooluu nuti hojii teenyatti haa xiyyeeffannuu. Waan inni xibaaruuf deebisaa barbaaduu osoo hin tahin waan inni hojjatu samkuu qaroomteen jalaa haa jijjiirru. Kana godhuu akka dandeenyu ragaan ammoo tartiiba qubee dhiheenya kana jijjiiramuu keessatti isaafi fakkaatoonni isaa harka keessaa qaban ja’ame hojiirra oolma isaa hambisuu danda’uu keenya. Kanaaf waan inni faaydaa dhunfaaf dubbaturra hojii saba miitu tan isaafi warroonni akka isaa hojjatan fashaleessuun garaagarummaa Goobana Dacee fi Bakar Waaree Oromoo biratti qaban isaaniis horachaa jiraachuu qofa yaadachuun gahaa dha.

4) Beekan Gulummaa hojii amma namni hedduun irraa jibbe kana qofaa isaa osoo hin tahin garee jaamtuu duubarraa isa dhiibaa jirtu sirritti addaan baruu fi isa qofa osoo hin tahin garee duubbee isaatii Oromoo irratti isa bobbaasaa jirtu tanaas walumaan jibbanii tufuun waan isaanii hojii godhachuu fi sammuun if wareersuu dhiisuun gaarii dha. Gama biraatiin citaa tokkoof lamaaf manni hin dhimmisu waan taheef akka waan isaan qabsoo Oromoo gufachiisuu danda’aniitti guddifnee laaluun baaraguun nurra hin jiraatu.

5) Warri dhimma kana waliin wal qabatee yaadoota shoorarkaawoo miidiyaa hawaasaa irratti mul’atu laaltanii akka waan namoonni yaada micciramaa gufuu qabsoo Oromoo tahu qabu hedduu taheetti bareeydan tooftaa jaraa beekuuf yaalaa. Mee aniis tooftaa jarri miidiyaa hawaasaa irratti nama shoorarkeessuun keessaa tokko kaniin qorannaan irratti bare isinitti himuu? Gareen Beekan Gulummaa duubaa ibiddatti isa oofaa jirtu tun nama kudhan hin caalan. Isaan hundi dhunfatti facebook 30 ol qaban. Komputera tokko irratti ‘Browser’ kudhan buufatanii, namni tokko yeroo tokkotti facebook kudhan fayyadama, facebook 30 guyyaa tokkotti jijjiiree fayyadama jechuu dha. Namni kudhan Facebook 30 sa’aa diigdamii afuritti hoggaa fayyadame nama meeqa taha? 10×30=300. Barruun dhimma bu’aa Oromoo irratti barreeffamu ‘like’ fi ‘share’ 30 qofa qabaachaa, barruun diigmaya Oromoo irratti barreeffamu nama 300 hoggaa qabaatte dhugatti kan diigmaya Oromoo fedhu waan irra baayy’ate fakkaattee nama shoorarkeessuu malti. Garuu dhugaan jiru kana waan taheef namuma 10’n san qofa tahuu hubachuun dilas mara akka waan deemsa qabsoo Oromoo gufachiisuu danda’aniitti wareeruun nurra hin jiraatu.

6) Gariin keessan eega Beekan G duuba gareen biraa jiraattee kan isaanuu cal’isan maaliif inni qofti hidhatee diigmaya kanarratti qabatamaan bobba’ee mul’ata jechuun keessan hin hafu. Deebiin gahaan sababa lama irratti hundaa’a. Isaaniis akkana.

(a) Beekan G nama dhiheenyatti biyyarraa garas bahe waan taheef xaxama garee baqqattuu Oromoo keessa jiru dilas gad fageessee osoo hin hubatin itti fayyadamuuf dhidhiiban. Namoonni baayyeen waan isa Beekaniif salphumatti isa amanuu danda’an ja’anii waan yaadaniif gurra inni hin qabne itti godhanii onnee itti horanii gootummaan hin qabne itti horanii itti bobbaasan.
(b) Beekan G nama gar malee rakkatee guddate tahuu seenaa jireenya isaa harkuma isaatiin barreessee fi afaanuma isaarraa dhageenye irra hubachuu ni dandeenya. Dhugatti haala saniin if barsiisuun isaa cimina guddaa dha. Hiyyummaaniis hanga tokko namaan komachuus hin taatu garuu nama hiyyummaa kiishaa fi sammuu walirratti qabuuf xiin-sammuu dhiibba jalloo fi hamtu qabaatti. Namni hiyyummaan guddate hiyyoomuu isaaf akka waan namni marti harka qabuu itti fakkaata ja’a warri saaykooloojii. Mucaan kuniis gaafa duraa fira isaarra maallaqa xiqqaa arkatuutu isa gargaaraa ture waan taheef saba guddaaf dhiisii maatii isaarrallee akka maallaqni caaluuf saahiboota waliin guddatan irraa dhagayeen jira. Kanaaf Beekan G wanti as bahee lallabuuf dhugaa fi sabaaf dhimma qabaatee osoo hin tahin maallaqaan dallaalamee akka tahe tooftaa biraan qulqulleeffadheen jira. Mee isiniis dhimma kana qoradhaa yoon ani kijibees narratti karsheeysaa. Hundumaafuu Beekan G nama maqaa isaa fi dhimma sabaaf dhiphatu osoo hin taane maallaqa arkannaan nama haadha isaatu gurguru waan taheef jibbi namni isaaf horate kun hiyyummaa ittiin mudhuraa guddate irra isa gubaa hin jirtu waan taheef, akkuma kaleessa maallaqa barbaada sammuu qaroo meeqaa guusee fi masheense arraas qabsoo Oromoo irratti kijiba afuufaa jira.

Kanaafuu, warri isatti aartanii sammuu if wareersitan yoo akka inni jara duubaa isa dhiibu sanitti akka garagalu feetan maallaqa waan isaan kennaniif caalaa kennaafi waan feetan itti himadha. Isatti waa himuuf gatiin doolarri kudhan taajjabbii tokko barreessa. Akkuma nama mana murtii duraa iyyanaa (Raphoola) barreessuu jechuudha. Silaa dhugattuu hojiin isaan malte san ture. Ammaas garuu barbaadee hojii isa fakkaattu arkate waan taheef ani gama kiyyaan itti aaruu irra baga gammadde jedhaan.

7) Falli xumuraa xukuraa warreen akkanaa mara rabbi haa fayyisu ja’aa du’a’ii godhaaf. Sababniis namoonni yeroo mara faallaa adeemsa dhugaa deeman irra hedduu kan maraateen arke. Warreen yaada qajeelaa mara micciiranii laalan sammuun garagaluu jalqabuun hubadhe waan taheef Beekanii fi warra akka isaa mara sammuun isaanii fiinxeerra jiraachuun shakke. Mee laalaa isinuu, maraataan waswaasa baayy’ata, waan namni ja’uun fudhachuurra waan ifiif hojjatutti mirqaanaa. Waan namni arku caalaa waan jinniin isaa itti garsiiftutti kofla. Waan qabatamaan lafa hin jirre, tan ragaas hin qabneetti eegee guduunfee morma, kan kadhatee nyaatu ani dureessa siin ja’a. Qilleensaa waliin qabsoo wal qabee ifumaaf kufee akkaan itti kuffise gartee ja’a. Osoo haasawallee tartiibaan hin beekne ani beekaadha ifiin ja’a, ammaas waanuma irraa maraatan qofa haasawan. Gama biraatiin ammaas sababni maraatuu ijoon biraa hinaaffaa goggooyduu, ofitti amantummaa dhabuu, dhiphachuu fi kkf irraa jalqaba ja’an ogeessoonni fayyaa samkuu Namni ifitti hin amanne samnuu namaatin deemuu baayyisa, kanaaf dogoggoroota irraa hin baratu, yoo namni sammuu liqeeyseef san sirraa deebise malee sirraa hin deebi’u fi kkf hedduu kaasuu dandeenya. Beekanii fi garee isaarratti amaloonni akkanaa waan baayyee mul’atuuf daandii maraatuu irra ani gama kiyyaan rabbiin haa fayyisu ja’een jira. Warri gara galma maraatuu imalaa jiraachuu jara kanaatti aartanii waan hunda balleessitan ammoo yoo isaan irra fooyyee tahuu keessan kan ifitti amantan taate kitaaba afaan Oromoon barreeffame kan seenaa fi aadaa Oromoo qabu gubaa jirtan kun xiqqo obsaa isaanuu kafana darbuu gahanii jiranii.

8) Rakkoon akka isaan uumaa jiranii kun oggummaa fi dandeettii ifiitin ala waan hin beekneefi isaaniin hin malletti hiixachuu irraa kan dhufu tahuu isaa hubachuun gaarii dha. Itti aaruu caalaa dandeettii isaanii as keessatti sirritti madaaluu danda’uun ogummaadha. “Ni beekta ni beektan jennaan jaartiin sheekaa kitaaba dhiiyxee, jaartii damiinaa mooyyee qoraafte” jechuun maakmaaksa jiru. Namni kamuu dandeettii karaa lamaan argachuu danda’a. Karaan tokko uumama yoo tahu, karaan biraa barnoota. Barnoota hoggaa jannu ammaas muuxannoo jireenyaa irraa kan baratamuu fi kitaaba irraa kan baratamuu dha. Kana hundaaf ammoo bu’urri dhugaa uumama tahuu wal naman gaafachiisu. Kanaafuu Beekanii fi gareen isaas hir’inni guddaan qaban daandii isaaniif hayyamamerraa maqanii jiraachuu namatti mul’isa. Konkolaataan daandii isaaf hayyamame irraa maqee deemu konkoolaataa hedduun walitti bu’a.

Hundumaafuu, wanti hubachuu qabdan ani dhimma isaanii irraa haasawuu fedhee osoo hin taane sababoota isiniif dhiheesse. Feetan amana feetan dhiisaa. Wanti irratti waliigalluu ammoo akkuma Oromoon “abbaa jibbanillee haqa hin jibban” jattu san anaas tahee abbaa barbaaddan hojii dabaa hojjate taanaan jibbaa, garuu yoo abbaa jibbitanillee haqa hin jibbinaa. Kitaabni kun eenyullee haa barreeffamu abbicha barreesse osoo hin tahin qabiyyee irratti barreeffame hubachuu danda’uu dha. Kitaabni barreeffamu kamuu kan sabaa tahuu olitti ibseen jira. Kitaabni barreeffamu kamuu maqaa abbaatiin osoo hin taane maqaa sabaatiin yaamamuun isaa kitaabni kan sabaa tahuu mul’isa. Fknf, Asoosama afaan Oromoo, sheekkoo Oromoo, seenaa Oromoo… Eegaa aniis akka nama tokkittii waan natti dhaga’ame barreessuun qaba. Kanaafuu kitaabni gubaa jirtan kan Oromooti malee kan Beekan Gulummaa ykn kan barreessaa miti. Hanga wanti Oromoo miidhamutti aniis, atiis, isaaniis….. sabniis ni miidhama. Akkasiitii yaa ambayyoo warri osoo hin beekiniis tahe beektaniis kitaaba gubaa jirtan dogoggortanii jirtan ja’een dhaamsa koo goolaba.

#Saphaloo_Kadiir | Abdulbasit
Waxabajjii, 2017

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!!Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Dr. MACCA’S PERSPECTIVE ON THE CURRENT DISPUTED ‘PLOT’ AGAINST OROMO LANGUAGE, CHILDREN & PEOPLE

Darajjee Makkoo Boorans Dr. MACCA’S PERSPECTIVE ON THE CURRENT DISPUTED ‘PLOT’ AGAINST OROMO LANGUAGE, CHILDREN …

Yaada kanaaf deebisaa kenni