Oduu Haaraya

Yaa hojii OPDO!

 Jawar Mohammed
Amma ammoo wixineen kun qaama dhimmi ilaallatutti dhihaatee osoo hin ragaasifamin qaamni hawaasaa adda adda irratti mari’ata jedhan.

1. Qaamni dhimmi ilaalu jedhanii duuchuun maaf barbaachise? Innoo beekamaadha. Paarlaamaa federaalaati.

2. Qaamota hawaasaa adda yeroo jedhan eenyu baanan?
Dura gooftolii isaanii sodaatanii waan marqamaa akkasii gadi baasan. Amma ammoo ummata sobuuf battisaa jiran.
Mariin jedhame kun dhugaa kan tahu yoo taate;

1. Wixineen sun saffisaan hardcopy fi softy copy isaa haa faca’u.

2) Yunivarsitiilee hundatti barattoonnifi hayyonni marii banaa miidiyaanis dabru haa godhan.

3) Ummanni Oromiyaa guutu sadarkaa hundatti ifatti dhiibbaa takka malee marii haa godhu. Marii kana hayyoonni Oromoo, miseensota Caffee Oromiyaa fi miseensonni paarlaamaa federaalaa Oromiyaa bakka bu’anii jiran waliin haa geggeessan. Mariin kunis censorship tokko malee miidiyaan haa dabru

4) Caffeen Oromiyaa marii kanatti aansee walgahii isaa irratti falmaa ( debate) godhee wixinee san keessaa waan hin taaneef darbee kan ta’uuf dabalee raggaasisee federaalaaf haa ergu. Mariin kunis kallattiin TVOn haa dabru.

5) Paarlaamaa biyyattiitti falmiin banaadhaan irratti wl haa mormi. Mormiin kunis kallattiidhaan EBC fi TVOn haa tamsaafamu.
Kuni guutamnaan dhuguma ‘qaamni dhimmi ilaallatu’ irratti mari’ate jenna. Sanii achi tapha.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …