Oduu Haaraya

“SIYAASAA CAAMSAA (የግንቦት ፖለቲካ)”

SIYAASAA CAAMSAA (የ ግ ን ቦ ት ፖ ለ ቲ ካ)
Barreessaan: Gadaa Gebra’ab ( ተስፋዬ ገብረአብ)
Kan hiike: Saphaloo Kadiir (Abdulbasit)

Barreeffama Tasfaayee (Gadaa) Gebra’ab amaariffaan mata duree “የግንቦት ፖለቲካ” jedhu tokko fuula marsariitii isaa irratti argeen yoon irra deddeebi’ee dudubbisu dhaamsichi natti tole. Eegan dubbisee xumure booda garuu amaariffaan kun ijoollee Oromoof adanyoo (alergic) tahuu hubadheen ‘hangaan danda’utti afaan Oromootti yoon jijjiireef hoo?’ yaanni jedhu tokko natti dhufe. Yoon jijjiiruu jalqabu garuu akka yaadaatti salphaa hin taane. Xiqqo yoon keessa gad siqu konkolaataa darree tima (dhoqqee) seene taheen siquu dadhabe. Hundaafu barreeffamicha afaan amaariffaan barraa’e kan ‘Gadaa Gabra’ab’ barreesse san itti ittaneetumaan isiniif jijjiire. Barreeffama dheeraa torbaan tokkotti dubbisee xumure, afaan Oromootti jijjiiruuf ji’a tokko guutuu natti fudhate. “Dhiirti waan jalqabde karatti hin dhiiftu galmumaan geessi” tan jettuutu na xumursiise malee silaa waan xumuru ture. Afaan chaayinaa jijjiiruutu irra salphata natti fakkaate inumaa. (Kkkkkkk)

Dhuguma kiyya! Akkuma ijoollee Oromoo hedduutti amaariffi kun naafiis qeeyra. Duriis dabaree amaariffaa taa’ee barachuu hin jaaladhu ture. Akkuma afaan keenyaan ukkaamsa turan san gaafaan baradhu aniis hafuura natti hanqisa ture. Yeroo mara yoo barsiisaan amaariffaa seenu mugaatii na qaba. Kanaaf yeroo baayyee kutaatti hin argamu. Gaafaan qoruumsa biyyooleessaa fudhadhuus nyaara itti guuraan osoon hin dubbisin gurraachomsee waliin gahe. Balfaafi jibbaan ani isaaf qabu kanatti dallanee Finfinnee irraa osoo gad hin deebi’in achumaan gara Goondar hidhii tuulaa kutuu isaa xalayaa ragaa (certificate) kiyya irraa dhabuuniin hubadhe. Yoon laalu akka gosa barnoota biraa qubeeleen fuula dura jiru amariffi hin jiru. Walumaanuu maqaafi qubees hin agarre. Mallattoo ‘_ _’ akkanaa qofaatu jira. Barcumni isaa banaa tahuu agarraan, wanti alagaa tanuma alagaa tahuu hubadheen “Atuu firraa beekte” jedhee cal’ise. Haatahuu garuu eegas booda kitaaboota hogbarruu kan afaan Oromoo akka fedhiitti argachuun ulfaataa waan tureef kanneen amaariffaa dubbisuuf dirqameen guututtillee tahuu baatu xiqqo araarfadhe. Waa barreessuuf kan na kakaase sababni guddaan tokkoos kana ture. Yeroo sanitti fedhiin waa dubbisuu keessa kiyyaaf dharraa tahuu irraa kan ka’ee kitaaboota afaan Oromootiin barreeffaman dhabuun kiyya gaaffii qofa osoo hin taane kulkaas natti taate. Niin yaadadha, yeroo san barbaada jabaan kitaaboota asoosamaa lama kan afaan Oromoon barreeffaman ‘Godaannisaa fi Kabiir Waadoo Gadaa’ jedhu qofaan argadhe ture. Sanuu sa’atiif naaf kenname ture. Akkasittiin….

Oohh Dhiifama! Waan biraatiif baheen waan biraatti kute. Barruun amaariffaa afaan Oromootti yoo jijjiiran ni bitaachooyti. Hundaafu akkuma isiniif galutti dubbisuuf yaalaa. Barreeffamichi dheeraadha. Odeeffannoo bareedaa qaba waan taheef obsaan dubbisaa. Achumaanuu dandeettii amaariffaa hiikuu kiyyaas naaf hubadhaa (Ksksksksks…) Dubbisa gaarii!

SIYAASAA CAAMSAA (የግንቦት ፖለቲካ)”

Ji’a Caamsaa kana keessa odeeffannoolee gurra nama dhaaban (qalbii nama hatan) hedduu dhaga’uun keenya hin oolle. Fincilli Oromiyaa magaaloota baadiyyaa keessatti itti fufuun, Buufata xayyaara Boolee maqaa jijjiiruuf yaadamuun, Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa Dr. Tewodroos Adanoom hojii barbaaduuf iyyannaa galfachuun, Waaheloonni mana hojii TPLF nageenyaa keessoo dhabuun if bir’achaa jiraachuun, deeggartoonniifi maatiin sirnichaa (wayyaanee) baayyeen tasgabbii dhabuun dheefa imala jalqabuun, Jaarmayoonni siyaasa Oromoo waliigalanii barcuma aangoo Itoophiyaa fudhachuuf dhiibbaan taasifamaa jiraachuun fi kanneen biraas odeeffannoowwan hangafoota ji’a Caamsaa kana gurra nu bu’an keessaa muraasa. Kanneen keessaa dhimmoota ijoo tahan garii moggaanillee taatu dhifanii laaluun barbaachisaa dha.

Dhugumattuu waan kana gurra isin buusuuf barreessuuf komputera banuu kiyya dura fincilli Oromiyaa keessatti itti fufuu isaa dhagaa’aati. Shawaa lixaa Gincitti, Wallaggaa Bahaa Kiiramutti, Horroo Guduruu Kombolchatti, Ambootti, Haroomayaatti, Awwaarotti, Harargee Lixaafi bakkeewwan biroottiis wal dha’iinsa humna waraana wayyaaneetiifi qeerroolee Oromiyaa jiddutti uumamuun gaga’amni lubbuu itti fufee jira. Ummanni du’a tuffate boodarra akka injifatu wayyaaneen muuxannoo fincila isaanii irraa ni beekan. Dubbiin dhimma aangoo waan taateef garuu umrii dheereeffachuuf jecha ukkaamsaafi ajjeechaa gaafattoota mirgaa itti fufee jira.

Waan jaarsi Dambi Doolloo kaniin waggoota muraasa dura Naayroobitti wal qunnameen tokko na taphachiisee niin yaadadha.
ABO’n gorsa hin dhaga’u; Wayyaaneen immoo ballaa dha!” naan jedhe (Jaarsi)
“Maal jechuu dha aabboo?”
“Maal jechuudha.seeta? ABO’n ajjeefamaa, hidhamaallee silaa mootummaa Wayyaanee keessa dhibaa’uu qaba ture. Deeggarsa ummataa waan qabuuf wayyaanee kan girgireeysuu (rooraasuu) danda’u caasaa mootummaa keessa yoo turee dha. Wayyaaneen akka tasgabbiin biyya hin bulchine godhuu danda’a ture. ABO’n garuu bosona ummataa bal’aa dhiisee bosona mukaa filate. Obbo Leencoo qunnamee itti dubbadheen ture. Na dhaga’uu dide. Kunoo nutiis ABO faana biyyaa baane (baqanne) ‘Wayyaaneen ballaa (jaamaa) dha’ jechuun kiyya immoo maal jechuu dha seeta? Osoo OPDO’n ABO’dhaan guutamtee jirtuu; Booranaa Soloolotti, Baale Beeltuutti Harargee Booketti, Wallagga Gidaamitti ABO barbaada wiliga (ifaaja).”

! Saba-himaalee tamsaasa oduu wayyaanootaatiin ABO’n rafuu, diddiigamuu irra dabree du’ee awwaalamuu isaa irra deddeebi’iin nutti himamaa ture. Seennaa ji’a Caamsaa dabre irratti ABO dabalatee jaarmayni humnoota siyaasaa Oromoo afur waliigaltee godhuun isaanii odeessa qalbii nama fuudhu tahee ture. Kaayyoo Abboomaa Mitikkuu’faan itti qaxara qooran (caphan) san galmaan ga’uuf warreen itti gaafatama fudhatan yeroo dheeraaf waliin ooduun isaanii deeggartoota mufachiisuu hin oolle. Sababa xiqqaa uumame irraa ka’uun gaggeessitoonni dhaabbiilee siyaasaatiifi hayyu duroonni qaawa garaagarummaa bal’isaa deemuu isaanii hawaasni dursee hubachuun baruumsa kennaafii ture. Waliigalteen kun dhiibbaa hawaasaatiin kan godhame tahuun isaa ifa. A B C D’n (jalqabni) gaggeessoota siyaasaa ummata dhageeffachuu tahuu akka qabu waan dubbachaa turree dha.

Tahullee bu’urri waliigaltee jaarmayoota afranii gad fageenyaan (bal’inaan) hin ibsamne. Warreen humnoonni siyaasaa Oromoo akka Itoophiyaa gaggeessu (hogganu) hawwan jalqabbii kana mil’uu halaalaa (mul’ata fagoo) jechuun dhaadheessanii jiru. Waliigaltee jaarmayoota kana keessatti hirmaannaan warra dhihaa hangam akka tahe ifatti (qabatamaan) wanti dubbatame hin jiru. Waliigalteen jaarmayoota siyaasaa Oromoo kun gochaniis (hojiiniis) yoo kan mirkanaa’u tahe sababni humna jabaa naannawaa tahuu hin dandeenyeef hin jiru. Qabatamaan adeemsoota dhokatoo akkanaa keessa ajandaan iccitaawaan jiraachuu danda’a. Tahullee garuu furmaanni bayyanootaan to’achuu (eegu) malee tokkummaa gugachuu (diduu) tahuu hin qabu. Jaarmayoonni siyaasaa Oromoo yeroo murteessaa kanatti sadarkaa Itoophiyaafi Afrikkaatti dhageeytii argachuu kan danda’an yoo rakkoo keessoo isaanii hir’isanii qalbii takkaan deeman akka tahe kan akeeku barreeffamoonni ‘darzana’ caalu dubbisaaf dhihaatanii jiran. Milkaa’innaafi laata? Moo boru ammaas “Ni taati jannee harree qallee – hin taatu jennaan harree galle” jechuuf jiraatan?

Gorsittoonni hojjattoota Imbaasiilee biyyoota dhihaa kan Finfinnee jiruu yookaa gorsitoonni dippilomaasootaa baayyeen hayyootaa saba Amhaaraa irraa akka tahan beekkamaa dha. Sanadoonni (ragaaleen) dhiheenya kana arge akka ibsutti eega fincilli Oromiyaa keessatti dhoo’e booda galmeeleen yaada gorsitootaa hedduun “gorsa yeroon itti dabarte” jedhamuun man-kuusa (harshim) itti ergamanii jiraan. Gorsitoonni waa’ee Itoophiyummaa fi dadhabina (hir’ina) sirna federaalawaa ilaalchisee ragaaleen isaan dhiheessaa turan gaaffii ummata Oromoo waliin kan wal hin simanne tahe. Odeeffannoowwan gorsitoonni ykn akeektoonni fidan kun man-kuusaatti ergamuun dura “Ragaa qabatamni haala biyya keessa jiru keessatti hin hammatamin, kan fedhii keessoo isaanii qofa calaqqisu” jedhamee ture. Eegas warri Awrooppaanootaa ragaalee kallattiin ummata Oromoo irraa argachuuf yaalanii jiran. Oromoota waardiyummaafi hojii kunuunsa biqiltuu hojjatan irraa jalqabii hanga beektootaatti, abbootii gadaa, qaalluu, haawwaniifi jaarsooliitti qorattoota erganii qorannoo gabaabduun taasisan dhugaa jiru akka isaan hubachiifte gabasni isaanii ni addeessa. Kana jechuun mormii ‘master planiifi ajandaa Itoophiyummaa irra dabree gaaffiifi fedhii ummata Oromoo beekuu danda’anii jiran. Bu’aan ragaalee kanaa guddaan fedhiifi gaaffiin dargaggoota Oromoo kan qalbii nama harkisu, kan xiyyeeffannoo argachuu danda’e tahuu isaati. Kun kan tahuu danda’eef gaaffiin qeerroo Oromoo waytiin dammaquun, ijaaramuu danda’uun, saba guddaa baayyinaan hunda caalu tahuu waliin Itoophiyaa guututti dhunfatanii gaggeessuuf akka yaadan, Itoophiyummaa akka eenyummaatti simachuuf waan godhuu qaban irratti akka mari’ataniif kan isaan dirqisiisee dha.

Gabaasni warra Awroppaanootaa magaalaan Finfinnee sadarkaa sirraa’uun hin danda’amnetti baduu isii ibsa. Aarri gaarii (makinoota) dullooman irraa bahu qilleensa magaalattii garmalee faaluun daa’imman dhalatan dhukkuba asmiitiif saaxilamaa jiraachuus itti dabalee ibsa. Ijoon dubbii gabaasa kanaa aangoo irra turuuf sirni wayyaanee humna dhabee jiraachuu isaas ni ibsa. Waliigalteen jaarmayaalee siyaasaa Oromoo gamaaggama warra dhihaa kanaan wal qabachuu isaa ragaa akeekuu hin qabu. Qeerroo Oromoo murannoon kaate kanaaf humna filannoo tahuun Itoophiyaa dimokraatooyte akka fudhataniif (dhaalaniif) xurree saaquuf akka qaban gabaasni kun addatti jala harriiqee jira. Dabalataan gabaasichi tuffii gaggeessitoonni wayyaanee (tplf) hayyoota warra amhaaraaf qaban akeeka. Sabni amhaaraa sabummaaniis tahee Itoophiyummaaniis jabaatanii ijaaramuu dadhabuu; hegerellee ijaaramuu danda’uun isaanii shakkisiisaa tahuu; kan hojiirra jiraniis tuffii hogganoonni wayyaanee isaaniif qaban qaama godhatanii (itti maqadanii) jiraachuus barreeffamichi ni ibsa. Haala tuffii kana ilaalchisee kanaa ol wanti balballoomse hin jiru. Akeekni haqaarame kun xiyyeeffannoo kiyya waan buteef aggaammii “Amhaara tuffachuu” kana irraatti waa dabaluun barbaade.

Sirba amhaariffaa kan dhiheenya kana kilippiin hojjatame tokko yoon laalu, sirbicha keessatti bo’oolee; “Qeerrensa ijji dhukkubde – adurreen siin gaggeessa jetteen” walaloo jettu tan dhaamsa gaabbii qabdu takka dhaga’eetiin ajaa’ibe. Qeerrensi ijji dhibamte fakkeenya amhaaraa yoo tahu, kan adurretti fakkeeffame immoo wayyaanee fakkaata. Gaggeessitoonni siyaasaa yaada akka wellisaa kanaa qaban dhugaa dirree taa’u qabatamaan hubachuun dirqama natti fakkaata. Dhugaa jiru kana hubatanii; wal qixxummaafi dimokraasiif yoo kan hin qabsooyne tahe adurreen qeerrensa ijji dhukkubdu kana qilee keessa buusuuf carraa argatti. Dhugumatti wayyaaneen akka ‘adurree’ ykn ‘re’ee’ fakkeeffamtee qeerreensa dursitu tan welliftoota amhaaraan sirbamtu tun ‘qeerrensicha’ akkamitti akka ilaaltu sirritti hubachuun barbaachisaa dha. Gaggeessitoonni wayyaanee waggaa 25’n dabran murna ‘qeerrensa’ ifiin jedhu kana tuffii waliin bulchaa turte. Warri dhihaatiis dhimma kana sirritti ibsanii jiran. Akka moggaasatti warri TPLF “jeeqtoota hayyoota amhaaraa” jettuun kun adeemsan tuffii wayyaaneetti akkamitti akka madaqan kan ibsu ragaa biraa tuquuniis ni danda’ama.

General Asamminaw Tsiggee ‘Gimbot 7’ waliin tahuun wayyaanee mootummaa irraa fonqolchuuf qophii irra osoo jiranii qabamee hidhamuun isaa ni yaadatama. Eega hidhan booda “Amhaara fincaanee” jechuun arrabsaa dumucaan deddeebisaanii akka tumaa turan dubbatamee jira. Televziyoonni ESAT’tiis kana gabaasee ture. Ragaan kun TV ESAT’tiin yoo dabru ummanni amhaaraa aaree dachii samii lolaan walitti garagalcha jedhamee eegamee ture. Wayta sanitti gaazaxeessituun ‘Bizuu Wandimaagany’ bakka namoonni hedduun argametti ‘paltalk’ irratti afeeramtee “Wayyaaneen kana ol maal nuun haa jettu? Hanga akkam nu godhan eegna? Nu salphisan! Nu tuffatan! Dhiira ija diimtuu isaan garsiiftu hin qabnu jechuudha?” Jechuun hudhaanhudhamtee dubbattuus dallansuu uumuu hin dandeenye.

Dhimma kana irratti wayta san yoo haasooynu qaphxiin irratti waliif galle humni wayyaanee mormu tokko sirnaan ijaaramuu dhabuu akka tahee dha. Qabatamaaniis ummanni hin ijaaramin jechaan arrabfamuu qofa osoo hin tahin akkuma Aster Awwaqe “ቢጭኑት አህያ – ቢለጉሙት ፈረስ ነው” jette wellifte sani (Yoo fe’an harree – cancalan farda) akka jechuuti. (Akka ani afaan Oromootti hiikuuf yaaletti immoo ‘Wadala ba’aa duuyda irra kaay’anii – jirma duubaan irra kaayan’ ykn ‘kan fe’amuus hin kabajamne harree dha’ akka jechuuti natti fakkaata.) Wayyaaneen akka barbaaddetti amhaara irratti akka qoostu kan isii taasise sirnaan ijaaramuu isii waan ofitti amantuufi. Jaarmayni humna. Yoo hin ijaaramne baayyi lakkoofsa ummataa hangam walitti kuufamuus, humni barate ardii guutee irraa hafuus, dureeyyonni bayyatuus humaa gatiin qabu. Gama biraatiin daaballii (kuufama) namootaa qofa tahuu keeti. Somayyoo alaa shankooraati. Eenyulleen dhufee si shalabuu (muruu) danda’a. Fincilli Oromiyaa ji’ootaaf itti fufuu kan danda’e hoggansa ijaaramaa waan argateefi.

Fincilichi qeerroon hogganamuu ykn Jawar Mahammadiin hogganamuu miti dhimmi ijoon. Dargaggoonni Oromoo wiirtuu takka jalatti ijaaramanii hogganamaa jiraachuun isaanii garuu dhugaa dha. Wayyaaneen yeroo warraaqsa qabsoo keessa jirtu san magaalaa Maqalee seentee mana hidhaa dargii keessaa hidhamtoota 1500 baasuun fudhaachuu kan dandeesse humna cimaa sirnaan ijaarame waan taateef ture. Jaarmaya maqaa tokkummaatiin ijaarame wiirtuun deeggartoota isaanii magaalaa Finfinnee tahuu himaa, akkamitti Andargachoo Tsiggee ykn Iskandar Naggaa mana hidhaa keessaa futtaasuuf osoo hin yaalin hafan? Burtukaan Miidhagsaa mana dukkanaa keessatti hidhanii yoo miidhan deeggartoonni isii miliyoonni akkamitti cal’isanii ta’an? Akka wayyaaneen jettutti onnee dhabuu ykn sodaa natti hin fakkaatu. Ummanni gamtaan sodaataa ykn goota jedhamu hin jiru. Rakkoon ijaaramuu dhabuufi gaggeessaa dhabuu dha. Guddatoota ol fiilu jirmaan mataa dhawanii ajjeeruun ‘humna tokkummaa’ jechuun if moggaasuun siyaasaa keessatti aadeeffamee jira. Warri akka Andergachoo, Iskendar, Andu’aalam faan akka tiksite Muusseetti saba isaanii hogganuuf ka’an. Wayyaaneen karatti eeggattee ukkaamsitee butte. Deeggartoonni isaanii hiidhii xuuxxachuu ala wanti godhan yoo kan hin jirre tahe, carraan gaggeessaa horachuu dhiphachaa (xiqqaachaa) kan deemu akka tahe hubatamuu qaba. Manzeen dur yoo makmaaku “Kan duraa maaliin awwaalte” jedha ture.

Mata duree kiyyatti yoon deebi’u, wayyaaneen gaafa warraaqsa qabsootti jirtu qabsaa’oota isii sirba tigraffaa “ተጋዳላይ ትግራይ – ዓሻ አምሃራይ” (Tirgeen qabsaa’oota – amhaarri gowwoota) jedhuun onnachisaa (kakaasaa) turte. Dabbaloonni qonnaan bultootaa kanneen sirba kanaan kakaafamaa gaafa Finfinnee dhunfatan, piroppogaandaa ittiin ijaaraman san akka dhugaatti amananii fudhachuun itti fufan.. Onnachiiftuu waraana irratti itti fayyadamaa turan “Amhaarri gowwaafi sodaataa dha” jedhu san gaggeessitoota dhaabichaa dabalatee dhimma piroppogaadaatiif itti fayyadamaa turuu dagatanii qabatamaan yoo calaqqisan ni mul’atan. Jechama kanaaf General Samooraan fakkeenya guddaa tahuu danda’an.

Yeroo tokko murni waraana wayyaanee ‘Sangadee’ jedhamu ABO waliin waraana walitti banuun injifatame. Gaggeessaan murna waraana sanii miseensa koree giddugala ‘Ihadeg’ kan tahe Tafarraa Kaasaa (Amhaara) ture. Wayta san humni waraanaa sirnaan caaseeffame hin ijaaramne ture. ‘Sangadeen’ eega ABO’n murruq taatee diigamte booda General Samooraan waraana hambaa lubbuun eewalamaniifi hoggansa isaanii gamagamaaf walitti qabe. Salphinni kun akkamitti akka uumamuu danda’e qorannaa bal’aan eega gaggeeffamee booda Saamoraan hedduu aaree “Kufaatiin kun waan Tafarraa Kaasaa sodaataa taheef uumame. Rakkoon kana” jechuun goolaba. Loltoonni kutaa waraana ‘Sangadee’ hogganaan isaanii sodaataa jedhamuuf guutuun gururi’an. Gunguummiin “Akkamitti akkana jetta?” jettu fakkaattu itti fufaa deemte. Walgahicha irra dabballoonni wayyaaneetiis waan turaniif Samooraan haasawicha akka sirreessu gaafatan. Samooraan garuu daranuma itti hammaate. Akkana jechuun itti fufe.

“Yoo dhugaa feetan ittiin dabala! Kutaan waraana ‘Sangadee’ guututti sodaattuu dha” yoo jedhu galmi guutuun iyyaansaan sossoo’e. Harki hurgufamu mul’achuu jalqabe. Samooraa sagalee jabduun morman. Dabbaloonni wayyaanees Samooraan akka waraana dhiifama gaafatu dhiibba taasisan. Samooraan dhiibbaafi mormii san hunda sesseeqaa eega dhageeffateen booda ammaas ‘mic’ qabate. Dhiifama gaafata jedhanii yoo eegan inni immoo “Wantiin dubbadhe dhugaadha. Isiniif dabaluus niin danda’a. Amaarri mataan isaa uumamaan sodaattuu dha!!” jechuun yoo dubbatu galmi guutuun kofla itti baqeeyse. Tokkolleen namni lolehin turre.

Samooraan eega ijoollummaan TPLF’tti makamee jalqabee roga kanaan ijaaramaa ture waan taheef ilaalcha kana salphatti gad dhiisuu hin dandeenye. Warri “Itoophiyaan yoo amhaaraan hin hogganamne biyya hin taatu” jedhuu roga faallaatiin akkuma Saamooraa kanneen piropagaandaa siyaasaa sobaatiin ijaaramanii dha. Garaagarummaa hin qaban. Ijaarsi akkanaa baruumsaanillee jijjiiramuun ulfaataa dha. Mangistuu Haylamaaram gaafa aangoo qabatu warri silaa barate jedhaman bifaan gurraachomuufi hidhii fufurdachuu isaa qofaaf akka waan Itoophiyaan kufteetti yaaduun isaanii waytii san kan mul’ateefi kan taajjabamee dha. Mangistuun hogganaa isaanii tahee osoo jiruu; warroonni ilaalcha sirna kufeetiin faalaman dubbiftoota oduu TV’tiifi keessummeessitootaaf shamarran diddiimtuu filaa turan. Ulaagaan filannoo akkanaa kun ifatti xalayaa irra kaayamee kan jiru yoo tahu; “Fakkii bareedina Itoophiyaa calaqqisuuf” moggaasa jedhu laataniif.

Wayyaaneen dhugaatti wayta qabsotti jirtu san amhaara akka sodaattuutti bocuun qonnaan bultoota humna waraana isii waliin wal barsiisuun loltoota isii onnachiisuuf itti dhimma bahuuf fayyaduu danda’a. Dargiiniis gama isaatiin wayyaaneen uumaa sodaachiftuu tan gurra tokko akka itillee afattee gurra tokko akka bullukkoo uffattee raftu fakkeessee ummataan wal barsiisuuf yaalee ture. Eega wal waraansi goolabame booda gurri loltoota wayyaaneetiis gurruma ilma namatiin wal fakkaachuun isaa barame. Gaggeessoonni wayyaaneen garuu gama isiitiin eega waraanni goolabame boodaas onnachiiftuu “amhaarri sodaattuu – amhaarri doofaa” jedhu san dhugoomfatanii itti fufuun waan nama kofalchiisu. Sibhaat G/Egzaber “Habashaafi sareen yoo dura rifachiifte si dhiiysen” jedhee ture. Wayyaaneen amhaara irra deddeebi’iin arrabsuun tuffii qabaniif tanatti madaqan, sodaattummaa isaanii amananii akka fudhatan taasise. Garuu hin hubanne malee waraana loltee moohatte tokko “sodaattuufi doofaa turte” jettee salphisuun ifuma arrabsuu dha. Sababniis gamabiraatiin “sodaattuufi gowwaa injifachuufiin waggaa 17 qabsaawe” akka jechuuti.

Kunoo gaa! Ji’a Caamsaa keessa odeeffata gurra nama dhaaban dhaga’uun baratamee jira.
Bufanni Xayyaara Boolee ayyaana injifannoo Caamsaa 20mi waliin wal qabatee maqaa jijjiiruuf kan yaadame tahuu dhaga’uun ji’uma Caamsaa kana keessa. Osoo Abbooy Sibhaat yaadicha fudhatama dhabsiisuu baatee (kuffisuu dhabee) tarii hangafoota oduu bara kanaa tahuu hin oolu ture. Dubbiin kallattii gara “Melas Foundation” kanaa kaate jedhama. Buufanni Xiyyaara Maqalee Raas Aluulaa Abbaa Naggaatiif, Buufanni Xiyyaara Goondar Axee Tewdiroosiif waan kennameef; kan Finfinneetiis akkasumatti nama Itoophiyaa gocha guddaa raawwate tokkoof kennamuun sirrii waan taheef; ayyaanni waggaa 25ffaa Caamsaa 20 (ግንቦት 20) wayta kabajamutti yoo raawwatame kan jedhu ture.

Namni odeeffannoo tana naaf erge akka natti himetti hama “Buufanni Xayyaaraa kun kallattiin Mallas Zeenawiif kenname” jettu jalaa eewalamuuf koreen dhaabbattee Waalaleny Makonniniifi Xaayituu Bixul Mallas waliin dorgommiif ni dhiyaatu. Koreen seenaa namoota sadeenuu qorachuun akka dhiheessan ajajamu. Itiigee Xaayituun bu’ureessituu Finfinnee, injifannoo Adawwaatiif wareegama tan kafalte hanga ammaa yaadannoo gocha isii guddaa kanaan walgitu waan hin argatiniif Buufanni xayyaara Boolee isiin mala barruun jedhu dhiyaate. Waalaliny Mokonniniis deeggarsa jabaa argate. Yaada keeyyata sabaafi sablammoonni mirga hiree mataa isaanii murteeffachuu hanga fottoquutti jedhu kaasuun barattoota jijjiiramaaf kan dammaqse; dabalataan ammaas buufata xayyaara Booleetti haala hamaan xayyaa keessatti kan ajjeefame waan taheef buufanni xayyaaraa maqaa isaatiin moggaafamuu qaba jedhame. Gama Mallasiiniis haaluma kanaan barruun bal’aan dhihaatee ture. Wareegama Mallas eega boqote booda himamaafi ture marti cunfamanii dhihaatan.

Burqisiiftoota yaada kanaa bira dabruun dhimmichi Sibhaat Naggaa bira yoo gahu garuu yaadicha gabaabumatti goolaban jedhama. Akkaan dhaga’etti Abooy Sibhaat “Maqaa Buufata xayyaara Boolee jijjiiruuf yoo kan yaadamu tahe Elemoo Qilxuutiin yoo moggafame isiniif irra wayya” jechuun dubbatee dhimmicha cufe. Jechi isaa kun Abooy Sibhaat seenaafi xiinsammuu saba Oromoo sirritti beekuu ni mirkaneessaaf. Hundumaafuu Boolee Mallaas badhaasuun siyaasa biyyattii aaraa jiru irratti boba’aa (benziina) firfirsuuf yoo kan yaadamu tahe gaarii dha.

Ji’a Caamsaa kana oduun gurra nama dhaabu hin dhabamu.
Naannoo ganfa Afrikkaatti ji’a Caamsaa waliin wal qabatee seenaa injifannoo fi kufaatii muraasatu jira. Warri wayyaanee Caamsaan naannawee yoo dhufu “Kan Sirnii Dargii itti barbaadaa’e” jechuun haala addaan kabaju. “Humnoota Tokkummaa” jedhamuun warri beekkamu gama isaaniitiin “Ginbot 7” guyyaa jedhamu ‘Guyyaa Dimokraasii’ jechuun yaaman. Sababniis filannoo 1997 kan wayyaaneen itti duwwaan baate gaafa Caamsaa 7 waan taheefi. Deeggartoota wayyaanee immoo Caamsaan 7 dhukkubbii mataati. Dabalataan rakkiftoonni Andergachaw Tsiggee fi Birhaanuu Naggaa jedhaman maqaa guyyaa wayyaaneen hin barbaannee kanaan dhaaba siyaasaa hundeessan. Seenaa siyaasaa Itoophiyaa keessatti Caamsaan 8 yaadannoo biraati qaba. Ajajoonni waraanaa Mar’iid Nuguseefi Faantaa Balaay jedhaman Generaaloonni lama dargii irratti fonqolcha mootummaa raawwachuuf yaalii godhanii osoo fiinxa hin bahiniif hafe gaafa Caamsaa 8 kana..

Ji’uma Caamsaa kana keessa ture warri Eertiraa biyya isaanii kan itti walaba baafatan. Kabaja guyyaa yaadannoo ayyaanicha bara kanaa irrattiis keessummaa kabajaa tahuun kan afeeraman keessaa H/D ABO obbo Daawid Ibsaafi Hogganaa ONLF Admiiral Mahammed Umar faa dha. Hogganaan paartii ‘ Arbanyoch Ginbot 7′ Birhaanuu Naggaa ayyaanicha irratti argamuu hin oolu jechuun eegeen ture. Eega hojii dhaabaatiif gara biyya Ameerikaa imale deebi’uu dhabuu isaa eegasiin hubadhe. Ayyaanicha irratti argamuu dhabuun dhugumattuu isaaf carraa gaarii uumeef. Silaa ayyaanicha irratti hirmaate tahee deeggartoonnifi diddiigtoonni marti kasha ittiin waaran argatan ture.

Wayyaaneen gama isiitiin waggaa 25ffaa ayyaana Caamsaa 20 yoo kabajattu dargaggoota mootummaan Dargii sababa goolii Diimaatiin galaafate yaadachuudhaan ture. Kana godhuun isii garuu maaliifi? Dargaggoota sababa fincila Oromiyaa keessaatiin galaafataman kan goolii diimaa waliin madaaluun “Wayyaanee yeey! Dargaggoonni ati fincila Oromoo irratti galaafatte kan goolii diimaan ajjeefamanii gadi, kanaafuu jabaadhu ifitti hin qaanfatinii’ jennee akka jajjabeessinuuf barbaadeetii? Moo goolii diimaa yaadachuun “Arraas haala kanasn dabalamuu ni danda’a” jechuun dargaggoota yeroo tanaa onnee fuudhuufi sodaachisuufi?” Kaayyoon isaa hin beekkamne.

Dhiheenya kana akkuma carraatti dhalattoota Tigraay kan Finfinnee jiraatan waliin wal qunnameen ture. Deeggartoota sirna bulchiinsa wayyaaner yoo tahanillee Tigraay keessatti ukkaamsi Finfinnee irra kan hammaate tahuu na taphachiisanii jiran. Deeggartoonni TPLF kan Finfinnee keessa jiraatan bara hegere fuul duratti shakkuun qabeenyaafi maallaqa isaanii gara doolaaraatti jijjiirrachaa kan jiran tahuus natti himanii jiru. Haaluma wal fakkaataan odeessa kana qaama biraa irraa mirkaneeffachuu danda’een jira. Aanga’oota, deeggartootaafi maatiin geengoo Ihadeg keessa jiran gara biyyoota Afrikkaa kanneen akka Ruwaandaa, Ugaandaa, Botoswaanaafi Keeniyaa faatti imalanii meeshaa bitachuun miila tokko biyyarraa baafatanii jiran. Dureeyyoonni sirni malaammaltummaawaan horate kanneen nama doolaarii kuma dhibba tokko dhiheesseef doolaara tokko gatii birrii 30’tiin shalaguun sharafatan.

Deeggartoonni sirna wayyaanee fi maatiileen isaanii Imbaasiiwwaan warra dhihaa ‘visa’ gaafachuuf dhiphisaa jiraachuun dhimma qalbii harkisu kan biraati. Biyyoonni miseensoota gamtaa Awrooppaa dabaluu dhufuu gaafattoota ‘visa’ biyyoota isaaniif kan gabaasan yoo tahu; sababniis tasgabbii dhabuu siyaasaan biyyattii yeroo ammaa qunnameen wal qabatee namoonni baayyeen maatii isaanii irraa fagaachuuf fedhii qaban irraa kan madde akka tahees ibsamee jira.

Tasgabbii dhabuun siyaasaa biyyattii qunname kun fincila ummata Oromootiin kan wal qabatee dha. Sirnichi filannoo 2015 sagalee guutuun filatamuu isaa wayta labsu miseensoota miliyoona 6 qabaachuus dubbatee ture. Miseensoonni kun maatii isaanii waliin miliyoona 30’tti akka dhihaatan warra dhihaa amansiisanii turan. Fincilli Oromiyaa wayta dhoo’u immoo ragaa isaanii kan dharoomsee fi burjaaja’uu filannootiis kan mirkaneessee tahuu danda’ee jira. Bakka bu’oonni sagalee guutuun filataman jedhamuun dhaadheeffamaa turan hojii irraa ari’uun Oromiyaan humna waraanaatiin akka bultu taasifamuun kun dandeettii itti fufiinsa sirnichaa koomaa keessa kan galchee dha. Wayta wayyaaneen fiigicha isii xumurtu eenyu akka aangoo irraa fudhatu raaguun ulfaataa tahuus; araar-qaboon warra dhihaa akka uumamuu malu yaaduun ni danda’ama.

Akkuma fedhees haa tahuuti raagni rog-danuu itti fufee jira. Itoophiyaan carraa akka biyyaatti itti fufuu akka hin qabne warri ibsuus jira. Duguuggaan sanyii mudaachuu mala jechuun warri shakkuus jira. Gaafa jala bultii kufaatii sirnootaatti raagawwan akkanaa dhaga’amuun baramaa dha. Gaafa kufaatii mootummaa dargii tilmaamoota akkanaa dhaga’amaa ture. Garuu akka tilmaamame san hin taane. Mootiin moototaa Haylasillaaseen yoo du’e goolabbii Itoophiyaa akka tahu raagni dubbatamaa turees sheekkoo tahee hafe. Raagni kanaan duraa marti waan hin milkaa’iniif shakkiin ammaa kuniis akkuma kanaan duraa kan dhaadheeffame jedhanii yaaduun garuu sirrii miti. Dhimma boruu hubannoon yaaduun gaarii dha.

Gadaa Ghebreab
Maddi: “የቅዳሜማስታወሻ”
Website: http://www.tgindex.blogspot.com
ttgebreab@gmail.com

Kan hiike: Saphaloo Kadiir | Abdulbasit

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …