Oduu Haaraya

Afaan Oromoo Fii OPDO

Waxabajjii 06, 2017

 

Akkuma ummata isaatti afaan Oromoo tiis afaan guddaa dha. Afaan kuni, afaanota alarraa dhufan, jachuun, warra maddi isaanii Afrikaa-rraa ala tahan kan akka afaan Arabaa, ykn afaan achii waliin diqaalawan kan akka Sawaahilii, Amaaraa fii Tigree tii miti. Afaan ummata Afrikaa kan dhaloonni isaa tiis Afrikaa ti. Afaan baroota kumaatama qabu. Afaan guddinaa isaa tii fii baayyina namoota isa dubbatuu tiin afaanota adunyaa keessa jiran keessatti gulantaa oliitti arkama.

Akka hubannoota qormaata hamma yoonaatti, adunyaa keessa afaanota 6912 tu arkama. Afaanota kana keessaa irra hedduun afaanota xixiqqoo fii lammii bicuu if duubaa qabu. 473 afaanota yaroo gabaabduu keessatti du’uuf jiraatanitti eegamu. Ummata adunyaa biliyoona 7 kan arraa keessaa, harki 87 (87%) lammii afaanota 95-ii ti. Harka 76 (76%)-a tu afaanota 50 irratti abba. Afaanota kana keessaa baayyina lammii isa tiin kan durummaa qabu Maandariin Chaaynotaa ti. Afaan kuni, lammii miliyoona 973 if duuba qaba. Isaan malees, warra akka afaan lamadaatti isa beekan miliyoona 257 dhunfatee jira.

Lakkooysa saba Oromoo kan diinni dhawwaaquun odoo hin taane, haala dhugaa fii fakkaatuun yo fudhatame, afaan Oromoo baayyina lammii isa falmatanii tiin afaanota adunyaa keessaa gulantaa 24faa -rratti arkama. Kuni, lammii afaan Oromoo ifatti falmatan, hawaasa Garbaa kanneen Dhidhima Keeniyaa qubatan irraa kaasee, Garrii, Waataa fii Boorana biyya sanii dabalatee, ilmaan Raayyaa kanneen Wayyaaneen afaan isaanii tiin adda baaftee Tigroomsuuf ijibbaataa jirtu walitti herreguun waan mirkanaawaa ti. Kana malees, akkuma Maanadariinitti, afaan Oromoo tiis, firaa fii diina jidduu, nafxanyoota kalee tii fii kan arraa (Tigroorta sharriif barachaa jiran) waliin, warra akka afaan lamadaatti isa beekan, miliyoonota qaba.

Afaanota hunda keessaa afaan jachootaan soorama afaan Ingilizii ti. Afaan kuni, hamma yoonaatti jachoota if dandayan 171, 476 if keessaa qaba ja’ama. Afaan Ingilizii lammii isa falmatan miliyoona 372 fii kanneen akka afaan lamadaatti beekan miliyoona 611 qabu. Durooma isaa kanaaf bu’urri, ergisaa jachootaa kan afaan Laatiin, kan baroota dhibba afur caalaaf afaan isaa gabroomsee fii, afaanota saboota ifii gabroomsee fii itti dhihaaterra fudhate. Sanirraan, biyya dhaloota isaa Ingiliz malees, biyyoota 67 keessatti akka afaan mootummaatti heeraan fudhatamee waan tajaajilli ittiin kennamaa jiruu fi.

Akka Ingiliziillee tahuu baatu, afaan Oromoo tiis afaan dureeysa. Baayyina jachoota isaa himuun ammaaf rakkisaa tahullee, haala qabatamaa isaarraa durummaa isaa ibsuun nama hin dhibu. Lammiin afaan Oromoo, kan lafa baloo Gammoojjii fii Baddaa dhunfatte keessa dhangala’ee, aloola, tiiyfannaa fii qonnaan jireenya isaa baroota kumaatamaaf gaggeeyfachaa as gaye, hoojum isaa, mukaa-citaa fii bineeyyii qabu hundaaf, jachoota qabaaf. Sanirraan, Haroo Xaanaa tan qubsuma Garbaarraa kaasee, hamma Raayyaatti,  Diida Waaleedirraa hamma Matakkalitti yo iyyaafatame, wanni tokko kan jechoota adda-addaa tiin ibsamu heddu. Kuni durooma afaan Oromoo tiif raga. San malees, afoolli afaan Oromoo, mammaaksi qofti, himamee hin dhumu. Kanarratti, ollummaa, hawaasa biraa tiin wal seenuu fii sababaa amantii tiin jachoonni afaan Oromoo fudhatee ittiin if gabbise heddu.

Afaan kuni, bara 1887, gaafa ummanni Oromiyaa, guututti, gabrummaa Minilik jalatti kufanirraa kaasee, akkuma ummata isaatti, afaan hacuuccaa hoonga hin qabne jala seene. Gaafasirraa kaasee, diinni ummata isaan dubbatuun adda baasee, abbaa dhoorkee, ajjeesuuf ijibbaata hin godhin hin-qabu. Hawwii isaa tana hujiirra oolchuuf, aadaa fii hooda bu’ura guddina isaa tahaniin adda baasee, akkuma lammiitti, afaan Gaallaa, afaan Qottuu, afaan Islaamaa jachuun adda qoqqoodee akka meeshaatti maqaa adda addaa moggaaseef. Ittiin barachuu fii bareessuu heeraan dhoorkee, miyoota sab-qunnamtii kanneen akka raadiyoo fii televisiyoona irraa ugguree, hamma ittiin dubbachuun qaanfatamuun gaye. Haala kuna, bara 1887 kaasee, baroota dhibbaaf eega irratti hojjate booda, bara 1984-tti, karaa mootummaa gaafasii, Dargiin, tiin “afaan du’uuf deemu” jachuun jachoota hamma tokko harshif irraa kaayuuf afaan karoorfatamee fi.

“Yaa qacaa! Si ajjeesuuf bineeyyiin sirratti walii galanii,” jannaaniin “marii san keessa Rabbi turee hii?” je’ee gaafate ja’an qocaan. Akkasii tii, akkuma qocaan diina isaarraa dahoo horetti, afaan Oromoo tiis, sab-boonota akka Sheek Bakhrii Saphaloo tii fii wal’aansoo qabsoo bilisummaa Waaqni ergeefii, bayyanachutti seene. Afaan Oromoo du’a jalaa bahee dagaagutti seenuun, Xoophiyaa fii warra isiitti amananiif dhukkuba sammuu tahaa dhufe. Taaboonni diinaa mana qubeen jirtu hin seenu hamma ja’u takka dallane. “Qubeen maal si goote?” jannaaniin, “sheeyxaanaa” je’e ja’an qeesoonni isaaf dubbatan.

Duuba, wanni dhiheenya kana gama xurumbaa Wayyaanee, OPDO, tiin dhawwaaqaa jiru sharrii Taaboonni Wayyaanee hariira jalatti dhooyfatee deemaanii as gaye. OPDO-n meeshaa Wayyaaneen karoora Yohaannis tan Darbuushoonni boquu irraa hallagan bakkaan gayuuf dhaabbatte. Tuuta summii qorkummaa (abbaa-irrummaa) Habashaa hawaasa Oromoo keessa ittiin naquuf tolfatte. Bara 1990, gaafa isiin boojihamtootaa fii warra waraana Dargii keessaa harka itti kennaan haala kanaaf gamaaggamtu, Qubee fii afaan Oromoo qaata wal-fudhatan.

Boojihamtoota, gantoota Dargii tii fii goobanoonni eegas itti dabalamanii Tigreef meeshaa tahaa jiran, kalee fii arraas, dirqamni isaanii ajaja hujiirra oolchuu fii gooftaa gammachiisuuf wixxifachuu qofa. Arra, gooftaan “baroota dhibbaa fiin aangorra tura,” je’ee ifii fii isaaniis abdachiisaa ture, akka somba goflaan seentetti, hafuurri itti ciccitaa, quqqufa’aa, du’aa jira. “Dhukkuba gooftaa tiif maalo anuma koobaa,” jatte ja’an gabrittiin, gooftaa gammachiisuuf. Wanni haala tarrisa qubee afaan Oromoo irratti OPDO bobbaasees, galiin isaa, kanaan addummaa hin qabu.

Miseensoonni dhaaba Wayyaanee, OPDO-n, afaan Oromoo tiif yaaduun hanqatee, warra:

  • Garaa isaanii guutuu malee, dhiiga ilmaan Oromoo kan Tigreen akka galaanaatti yaasaa jirtuuf coraan hin hadoonne,
  • Warra, kumaata ilmaan Oromoo kanneen guyyuma guyyaan ija haadhaa fii abbaa duraa Tigrootaan dhabamsiifamaa jiran, ijji hin agarre,
  • Qottoota kumaatama sababaa xaa’oo tiin ooyrootarraa yaafamanii fii ummata guyyuma-guyyaan lafa handhuraa isaanii irraa Tigrootaan buqqifamaa jiraniif warra garaan hin gubanne.
  • Warra, ilmaan Raayyaa kanneen mana barnoota afaan keenyaa (Oromoo) barbaanna ja’anii iyyaa jiran, gurri isaanii hin dhageenye.

Fedhii gooftaa hujiirra oolchuu malee, tarrisa qubee fii guddina afaan Oromoo keessa wanni OPDO galchu hin jiru. Hin bu’ureessine. Hin dagaagsine. Qubeen ija qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa ti. Goobanootaan tuttuqaa hin taa tu.

 

Oromiyaan ni bilisoomti!

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!!Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

JECHOOTA HOJIIF BARBAACHISOO: Kutaa Tokkoffaa

                                                                            Taammanaa Bitimaa irraa DURADUBBII Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, kunoo mataduree kanaa olitti …

Yaada kanaaf deebisaa kenni