Oduu Haaraya

Lafti Kan Ummataati Moo? Kan Mootummaati?

Xiinxalan Abduljebar Hussien

Abbaan qabeenyaa lafaa magalaa fi baadiyyaa mootummaa fi ummata akka ta’e fi lafti qabeenya waliinii saboota ,sablamoota fi ummatoota itoophiyaa akka ta’e HMFDRI kwt.40 (3) jalatti tumameera. Bu’uura HMFDRI kwt.40 (3) qotee bulaan mirga lafa isaa irraa buqqa’uu dhabuu ni qabu. Bu’uura HMFDRI kwt.40 (6) tiin immoo abbaan qabeenyummaa saboota ,sablamoota fi ummatoota akkuma jirutti ta’ee mootummaan kaffaltii seeraan murtaa’aan mirga lafatti fayyadamuu abbootii qabeenyaa ni kabachiisaafi. Mootummaan faaydaa ummataatiif barbaachisaa jedhe yoo amane dursee beenyaa madaalawaa kaffaluun qabeenya dhuunfaa fudhachuu akka danda’u heeruma kana kwt. 40 (1) fi (8) jalatti tumameera. Bu’uura heera kana kwt. 40 (2 fi 8) tiitiin beenyaan kan kaffalamuu qabu qabeenya bu’uura heericha kwt. 40 (7) tiin horatamee dha. Kun immoo qabiyyee lafaa fudhatamuuf beenyaan kaffalamuu akka hin qabne waan fakkeessuuf falmiiwwan tokko tokkoof ka’uumsa ta’aa tureera.

Ogeessonni tokko tokko eegumsi heeraa kun lafas hammachuu akka qabu akkasitti ibsu “…The constitutional guarantee against dispossession of the use right over the landholding should include the right to claim compensation for taking of such rights for the reason that if land is to be taken without commensurate compensation, such stipulation would be meaningless”. Bu’uura falmii ogeessota kanaatiin eegumsi heerri mirga namni tokko lafa irratti qabuu fi laficharraa akka inni hin buqqaaneef taasisu yeroo mirgi isaa kun irraa mulqame ykn laficharraa buqqa’u beenyaan kan hin kaffalamneef yoo ta’e eegumsi heerichaa hiikkoo hin qabu jechuu dha. Heerri bifa waliigalaatiin kan barreeffamu waan ta’eef tarreeffama kana caalu irraa eeguunis hin barbaachisu. Kanaaf gama kanaan seeronni tarreeffamaa dhimma kana irratti maal akka jedhan ilaaluun barbaachisaa dha. Labsiiwwan bulchiinsaa fi ittifayyadama lafa baadiyyaa kan Federaalaa lakk. 456/97 kwt.7 (2) fi kan Oromiyaa lakk. 130/99 kwt. 6((10) fi (11)) tiin qotee bulaa sababa faaydaa ummataatiif lafa isaa irraa buqqa’eef beenyaan kaffalamuufii akka qabu tumameera. labsii haala faaydaa ummataatiif lafti itti gadilakkiffamuu fi kaffaltii beenyaa murteessuuf bahe lakk. 455/97, fi danbii labsii kana raawwachiisuf bahe lakk. 135/99 kanuma mirkaneessu. Kanaaf ibsi bifa waliigalaatiin heera keessatti ibsame mirga qabiyyee lafaa irratti kaffaltii beenyaa argachuus akka dabalatu seerota tarreeffamaa kanneen irraa ni hubatama.

Bu’uura HMFDRI kwt.40 (8), labsii lakk. 456/97 kwt.7 fi 8, labsii lakk. 130/99 kwt. 6(10, 11 fi 12), labsii lakk. 455/97, fi danbii lakk. 135/99 tiin qotee bulaan tokko lafa isaa irraa yoo buqqa’u beenyaa kan kaffalamu qabeenya lafarra jiruuf (property situated on the land), Fooyya’iinsa dhaabbataa laficharratti taasifamee (Permanent improvements to the land) fi beenyaa lafarraa buqqa’uuti((Displacement Compensation). Har’aaf mee isa sadaffaa haa ilaallu.
Akkaataan beenyaan lafarraa buqqa’uuti((Displacement Compensation) itti herreegamu labsii lakk. 455/97 kwt. 8(1) fi danbii lakk. 135/99 kwt. 16(3) jalatti tumameera. Bu’uura kanaan hangi beenyaa lafarraa buqqa’aa guyyaa lafarraa buqqa’iinsaan dura bu’aawwan jiddugaleessaan waggoota shanaan darbaniif qotee bulaan sun argachaa ture kudhanii baay’isuu dha. Akkasitti ibsuun ni danda’ama “…shall be equivalent to ten times the average annual income he secured during the five years preceding the expropriation of the land.” Kanaaf gaaffiiwwan deebii argachuu qaban:- hangi beenyaa kun gahaa dha? Dhuguma mirgaa fi faaydaa irraa fudhatameen kan walqixxaatuu dha? Maaliif waggaa kudhan ta’e? Bu’aa lafa sanarraa qotee bulaan argachaa ture waggaa shan of duuba deebi’anii fudhachuun sababaawaa dhaa? fi kkf dha,

Dura garuu mirqa qotee bulaan lafarratti qabu ilaaluun barbaachisaa dha. Heera MFDRI jala lafa ilaalchisee mirgootni sadi kaayamaniiru: (1)Mirgi abbaaqabeenyummaa lafaa mootummaa fi ummata. (2)Mirga qabiyyee:- bu’uura kwt. 40(4) fi (5) tiin Q/bulaa fi H/bulaan mirga kana akka qaban tumameera. Mirgi kun lafa gurguruu fi jijjiiruu malee mirgoota abbaaqabeenyummaa hundumaa ni qabata. Bu’uura kanaan mirgi abbaaqabeenyummaa walittiqabaa mirgoota baay’ee abbaan mirgaa qabeenyicha irratti qabu kanneen akka mirga fayyadamu, firii qabeenyichaa sassaabachuu fi namoota birootiif dabarsuu of keessatti kan hammatuu dha. Qotee bulaanis bu’uura kanaan lafa isaa irratti mirga fayyadamuu, kireessuu, kennaan maatiif dabarsuu fi maaatii dhaalchisuu ni hammata (daangaa qabaatus). (3)Mirga itti fayyadamuu: bu’uura kwt.40(3) . tiin mirgi kunis lafatti kallattiin fayyadamuu fi bu’aa lafa sanirraa argamus sassaabachuu kan dabalatuu dha. Lab. Lakk.456/2005 kwt. 7 fi 8, fi Lab. Lakk. 130/99 kwt. 6 fi 9 jalatti qotee bultoonni lafa isaanii irratti mirga itti fayyadamaa akka qaban tumameera.

Amalli mirgichaa ilaalchisee Lab. Lakk.456/2005 kwt. 7(1) fi Lab. Lakk. 130/99 kwt. 6(1) jalatti migi qotee bulaa fi horsiisee bulaan lafa isaa irratti qabu kun daangaa yeroo akka hin qabne(have no time limit/without any time bound) jechuun tumameera. Mirgi kun akkuma mirga abbaaqabeenyummaa fulla’aa (perpetual) dha; itti fayyadamuu dhabuun ykn daangaa yerootiin hafaa hin ta’u. The rural land users have perpetual use rights over their holdings and their right may not be restricted except in case of expropriation of such land for public purposes under the condition of payment of compensation. Hangi beenyaa lafa irraa fudhatameef qotee bulaa fi horsiisee bulaaf kaffalamuu qaba jechuun bu’aa argamaa ture waggaa kudhaniin baayyi’ifamuun kaffalama jedhamee ibsame dheerinna yeroo mirga iitti fayyadamaa isaan qaban (duration of use rights) kana waliin yoo ilaallamu safartuu kamiiniyyuu gahaa miti.

Biyya keenyatti lafi qotee bulaaf lafee duugdaati, madda galiiti, isumaan jiraata, ijoollee jiraachisa, yoo du’es ilmaan isaa kan dhaalchisu lafuma. Kanaaf lafni kun yoo irraa fudhatamu faaydaa jiruu isaa guutuu argatu waan dhabuuf beenyaan kaffalamuu qabu isuma dhabe kana ta’uu qaba. Sana qofaa miti faaydaa maatiin isaa erga inni du’een booda dhaalaan argachuu malus ilaalcha keessa galuu qaba. Qorannoo dhabbanni istaatistiksii bara 2007 tasiseen yeroo sanatti umriin jiddugaleessi dubartoonni jiraachuu danda’an waggaa 64 kan dhiira immoo 61 ture. Amma immoo sanuu akka caalutti tilmaamama. Qotee bulaan jireenya isaa guutuu lafa kanatti fayyadamuun ofii fi maatii isaa jiraachisa yoo jedhame, yeroo irraa fudhatamu umriin isaa fkn soddoma(30) yoo ta’e kan waggaa kudhanii qofti kaffalamee fi umrii isa hafe waggoota soddomii tokko (31)f maaliin jiraata? Beelaa fi gadadoof hin saaxilamuu laata? Qajeeltoo “Beenyaan miidhaa dhaqqabeen walqixxaatuu qaba” jedhu waliin yoo ilaallamu kun beenyaa dha jechuun ni danda’amaa laata? Kanaaf seeronni hanga beenyaa qotee bulaa lafa isaa irraa buqqa’ee ilaallatan kunniin ilaallamuu qaban jechuu dha.

Mootummaan lafa kana liiziidhaan abbootii qabeenyaatiif dabarsee kenna. Qorannoowwan tokko tokko akka mul’isanitti mootummaan waggaatti lafa heektaara tokko qr. 70,000.00-150,000.00 tti liiziidhaan waggoota 40-60 f ni kireessa. Gatiin liizii KM 15,000.00 kun waggoota 40f baay’ifamee akka ilaallameetti qr. 7,200,000 (milliyoona torbaa fi kuma dhibba torba) gahuu danda’u qorannoon magaalaa Dukam irratti gaggeeffame tokko ni mul’isa. Beenyaan qotee bultootaaf kaffalamu yoo herreegamu immoo kan waggaa 10 qofa waan ta’eef qr. 1,800,000.00(milliyoona tokkoo fi kuma dhibba saddeet) ta’e. Qixxee galii mootummaan lafa sanarraa argatuu hin ta’u jechuu dha.

Gama biraatiin herreegni beenyaa kaffalamuu kun maaliif waggaa shanii of duubatti deebi’uun jiddugaleessi isaa akka fudhatamu akka barbaadamu seera baaftuutu beeka. Ifatti kan mul’atu herreegni beenyaa kan bu’uureffatu gatii gabaa yerosii( current market price )oomishaa qoteebulaa yeroo lafarraa inni buqqa;u sanaa osoo hin ta’in giddu galeessa gatii gabaa waggoottan shaman darbaniiti. Kun immoo beenyaa qotee bulaan argatu baay’ee kan xinneessuu dha. Kun qotee bulaan har’aa fi boru oomisha isaa gatii kaleessaatiin akka gurguru dirqisiisuun garaagarummaan qabu in jiru. Kanaaf lafti kan mootummaati moo? kan ummataati? Falli hoo?

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!!Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AKKA HUNQAA OSOO GUBATUU KOFLUUN OROMOO GOOLABAMUU QABA.

  Biyya Oromummaan yakka tahetti ayyaana sabaaf sablammootaa kan heerri mootummaa kijibaan dhaadheessanii fi federaalizimiin …

Yaada kanaaf deebisaa kenni