Oduu Haaraya

Waan Obbo Beekan Gulummaa jarreen lamaan DR Solomoon Ungaashee fi Jawaar Mohamad wal bira qabee xiinxalerratti yaada xiqqoo kennadha.

Marga Guutuu

Laali Beekan keenya!

Namni kitaaba sodomaa (30) ol akka barreesetti himatu tokko waa-lama ykn namoota lama

yeroo wal-bira qabee xiinxalu yoo xiqqaate namoota xiinxalu ykn waan xiinxalu san beekuun

irraa eegama . Yoo hin beekne ammo, dura qorannoo gochuun haalaan barbaachisaa akka tahe

nama kitaaba tokkicha ammaan dura barreesse jedhuuf illee ifaa dha je’een amana.

Yeroo dhimma lama ykn namoota lama wal-bira qabanii xiinxalanis maaliirratti akka isaan kana

xiinxalan addaan baasanii hubachuu fi murteessuun akkasuma barbaachisaa dha. Xiinxalli tahu

kun maalirratti xiyyeefata? Waa’ee barnoota isaaniitii? Waa’ee laalcha siyaasaa isaaniitii?

Xiinxala kan akka tolchu kan kakaasee hundeen dhimmichaa maal? Jireenya isaanii waliigalaa

tii? Kkf.. addaan baasanii hubachuu fi dubbiftootaaf ifa gochuun waanuma seerri barruu

tilmaamu.

Waan Obbo Beekan Gulummaa jarreen lamaan DR Solomoon Ungaashee fi Jawaar Mohamad

wal bira qabee xiinxalerratti yaada xiqqoo kennadha.

Fakkeenyaaf: Obbo Beekan , Dr Solomon bara Dargii Dr Haaylee Fidaa waliin mana hidhaa

keessatti oromoof dararamaa turan jedha. Obbo Beekan Dr Haaylee Fidaa fi Dr Solomoon

yeroo bara Dargii mana hidhaa turan san maaliif akka hidhamanillee waan quba qabu natti hin

fakkaatu. Akka barreefamni isaa mul’sutti akkasumas sab-qunnamtii adda addaa irratti yaada

kennurratti jarreen kun lamaan (Dr Haayilee Fidaa fi Dr Solomoon Ungaashee) qabsoo oromoof

jedhanii akka waan hidhamanii akeeka. Bar Dr Haaylee Fidaa fi Dr Solomoon ‘Mellaa Itiophiyaa

Sooshaalist Niqinnaaqee (MESON) (All Ethiopian Socialist Movement)’ turanii . Ati nama

dandeettii qabu akkamitti waan MESON dhaabateef haga ammaa hin hubannee? Kun siif waan

jabaa dhaa?

Yoo warreen MESON Oromoo dhaaf lolaa fi qabsaa’aa turan jettee beekta tahe osoo xiinxala

kana hin tolchin waan qorachuun sirra ture. Dhugaan ture garuu, paartii yeroo san turan

keessaa kan akka MESON qabsoo oromoo bal’eessuurratti bobba’e hin turre. Isaani kan

qabsaawan oromoo ‘xabbaab’ jechuun mana hidhaatti kan guursisan, kan ajjeesisan, kan biyyaa

ariisisan kkf…

Yoo waan MESON dhaabbateef hin beektu tahe, sagantaa isaanii caalaa barruu isaan torbaan

lamatti ykn ji’atti baasaa turan YE sefiiw hizb dimxi lakoobsa tokkoo hamma sodomii wahiitti

kan deemaa ture barbaadii dubbisi, dura qorannoo godhi.

Mee ‘Yesefiw hizb dimx’ lakkoobsi 35 waa’ee maalii ture jedhii Solomoon gaafadhu. Waani ani

keessaa yaadadhu yoon irraa siif tuqe akkas jedha. Tokkummaa Itiophiyaaf yaaddoo guddaa fi

diinni guddaan shororkaa amma EPRP’n deemsisaa jirtu osoo hin taane lola ABO ‘n karaa bahaa

banee jiru tahuu mootummaa Dargiif odeefannoo gumaacha.

Isaan kun (ABO) yeroodhaan baduun murteessaa dha jedha. Yoo yeroodhaan baduu baatan

dhukkuba biyya keenyaa (Itiophiyaa) tahuun waan hafu miti jedha Kanarraa ka’aniiti kan

bakka hundaatti oromoota hidhuu fi ajjeesuun kan eegalan. . Osoo MESON yeroo san Dargiif

meeshaa tahuu bira taree mootummaa dhuunfatee jiraatee, xiyyeeffannaan isaanii inni

guddaan qabsoo oromoo dura barbadeessuu ture, dhiheenya kana garuu, akka waan MESON

qabsoo oromoof dhaabbatee tureetti afrsaa jiraachuun keessan maaliif akka tahe ifaa miti.

Har’a Dr Solomon Ungaashee yoo ani sabboonaa dha, sabni oromoo fi biyyi oromoo dhugaan

miidhamanii jiru jedhee amana tahe homaa rakkoo hin qabu. Namoonni dogogoran deebi’anii if

baruu fi if sirreessuun hamaa hin qabu. Garuu, utuu lubbuun jirruu seenaa haqaaquun gaarii

miti. Yoo ifiif seenaa yeroo dhihoo jal’iftanii nutti himtu tahe kan nafxanyootaa waan

komataniif hin jiru. Waan dabre akkuma turetti himuu fi hubachiisuun gaarii dha.

Obbo Beekan mee Dr Solomoon osoo Ameerikaa hin dhufin dura waan oromoo, waan

oromummaa eessumatti maqaa dhahee beeka nuuf himi. Nama kana waliin teessee haasoftee

beektaa? Isa durii yoo dhiifne har’a ejjennoon Dr Solomon gaaffii oromoo irratti qabu hagam

beekta? Barreefamuma keerraa yeroon laalu ati nama kana waan beektu natti hin fakkaatu.

Bar telefoonaan wal faarsanii waliin taphachuu , waan Facebook gubbaatti dadarbatmu laalanii

eenyummaa walii ciccululuqsuu fi dhugaan eenyummaa namaa adda.

Mee osoo Dr Solomoon fi Dr Haayileen mana hidhaa taa’anii qubee nuuf tolchan jettee waan

ifiifuu hin beekne nu fudhachiisuu hin yaalin, waan biraan haahafuu, waan oromummaas

haahafuu mee waan Dr Solomoon ture warreen waliin MESON turan gaafadhu. Miseensa

akkamii ture? Eessatti ‘cadre’ ture? Mana hidhaatii haala akkamii garsiisaa ture? Mana hidhaatii

akkamitti bahe? Dr Haayilee Fidaa osoo har’a lubbuun jiraatee haala Dr Solomoon Ungaashee

mana hidhaatti garsiisaa ture akkamitti hubata laata jedhii namoota MESON turan amma kan

lubbuun hedduminaan Ameerikaa fi Awropaa jiran gaafadhu.

Sadarkaadhuma MESON ttillee Dr Haayilee Fidaa har’a osoo lubbuun jiraate Dr Solomoon

waliin yeroo hedduu walbira qabdee maqaa kaasuu keetiif si komachuun isaa hin oolu jedheen

yaada.

Asirratti qooda Dr Haayilee Fidaa qubee afaan oromoo bu’uressuu irratti qabu akka waan galata

dhorkachuuf jedheetti akka hin fudhatamne akka hubatamun fedha, gumaachi inni qubeerratti

kenne ol-aanaa dha. Ejjennoon gaaffii oromoo irratti qabu garuu waan biraa ti.

Jawaar barnoonni isaa saaynsii siyaasaa BA qaba jete, MA isaa garuu saynsii siyaasaa miti jette.

MA isaa maal akka tahe yoo hin beektu tahe maaliif barreesita waa’ee namaa. Barruun kee kun

waan beektu nu-hubachiiftee akka barru nu gochuu mitii? Waan ifiifuu hin beekne maaliif nutti

himuu yaalata. Osoo hin barreesine dura maaliif qorattee nuuf hin himin? Maal ati nama

Harvard baratu/te mitii?

Dr Solomon buddeensaa mootummaa Ameerikaaf hojjetee nyaata……Jawar maallaqa

oromootiin jiraata… Amma rabbi jedhii maal kun? Mootummaa Ameerikaa isa kam? Eessaa?

Namni Ameerikaa keessaa hojjetu hundumtuu mootummaaf hojjeta jettee yaaddaa laata?

‘Mangistiif hojjeta’ jechuu keetii? Jechi kun hagam boodeetti hafaa tahuu hubattaa laata?

Akkan laaluti Obbo Beekan, mee xiqqoo afuura fudhadhuutii waa hubadhu, ati akka jetutti

ijoollee dha waan itti jarjarttulee hin qabdu. Hidhata kees tolfadhu.

Nagaan

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …