Oduu Haaraya

Kan ifni kessanuu akkanaa dukkanti teessan akkamumaa?

Kan ifni kessanuu akkanaa
dukkanti teessan akkamumaa?
Beekaan keessan kunoo kanaa
Barnoonni isaa hangasumaa?
Ifni keessanuu cillimii
Tan dukkanaa waan himanii
Hayyuun himtan kanumaa mii?
Duuba wallaalaan isa kami?
Hayyuuf beekaa hojiit ibsaa
Doktara tahuun faaydaan isaa
Waan dalaguut mirkaneessaa
Tantee tuni maddi eessaa?
Silaa barnootaan digrii tuultee
Yoo hin beeyne waan baratte,
Wallaalumaan faagaa baatee
Duuba maali faydaan tantee?
Digrii ba’achuun sumaaf dantaa
Maqaaf taatee maal nuuf gootaa?
Afaan banan sammuu mul’ataa
Yoo wallaalummaa fagoo jirta!
Mee siinillee hayyuu jennu
Hayyuu maal haa moggaafnu?

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …