Oduu Haaraya

Yaadannoon Jaarraa Abbaa Gadaa (1936-2013) kan Waggaa arfaffaa Sambata dhufu, Bitooteessa 4 bara 2017 Australia Melbourne keessatti akka kabajamu beekameera.

(Oromedia, Melbourne 1 Bitootessa 2017)

Qabsaa’ota bilisummaa Oromoo angafoota keessaa tokko ka ta’anii fi maqaa
JAARRAA ABBAA-GADAA” – jedhamuun ka beekaman – ABDULKARIM IBRAAHIM
HAMIID waggaa afur dura YEMEN keessatti du’aan boqochuu isaanii kan
yaadatamu.
# seenaa_duubbee
Jaarraa Abbaa Gadaa (1936-2013)
Jaarraa Abbaa Gadaa (1936-2013)
Jaarraa Abbaa Gadaa Oromiyaa bahaa, konyaa Gaara Mul’ataa ganda Mudiir
Gooroo keessatti abbaasaa Ibraahim Hamiid fi harmeesaa Moominaa Eeboo irraa
bara 1936 dhalatan. Yeroo umuriin barnootaf ga’us mana barumsaa galanii
barachuu eegalan.
Mana barumsaa sadarkaa olaanaa Harar keessatti yeroo baratan, baratoonni
saboota biroo akka Amaaraa, Hararii fi kkf yeroo ayyaanaa walaloo fi sirba aadaa
sirbanii ummata isaani bashannansiisu ture.

Baratoonni Oromoo garuu, sababa hacuuccaa, dhiibbaa fi jibbiinsa irratti
geggeeffamurraa kan ka’e hirmaannan afaanii fi aadaa ofii guddisuu hinyaaddamu
ture. Kun itti dhaga’ame Jaarraa Abbaa Gadaa, barattoota Oromoo walitti
gurmeessun dhaaba “Waldaa Barattoota Oromoo” jedhamu hundeesse.
Jaarran karaa dhaaba barattootaa kanaatin, ijoollen Oromoo wal akka baran,
hacuuccaa ummata Oromoorratti hojjatamu akka hubatan, afaansaanii fi
aadaasaanii akka guddisan dadammaqasaa ture. Namoota yeroo sana dhaaba
kana keessa turan keessa pirofeesar Mahaammad Hasan, Xahaa Alii Abdii, Jamaal
Alii Abdii faadha. Dhaabni kunis jajjabaatee, bara 1961tti mana siinimaa Hararitti,
agarsiisa aadaa Oromoo geggeesse.
Qabsoo Hidhanoo
Bara 1966 qabsaawota Baalee kan gabrummaa hadhooftuu lolanitti makamuuf
loltoota 12 fudhatee gara Baalee deeme. Baaleettis Fincila Jeneraal Waaqoo
Guutuutiin hogganamu sanitti galee qabsoo jalqabe. Fincila Baalerrattis lola
gurguddaa hedduu keessatti hirmaateera.

Akkuma mootummaan Fincila Baalee too’annoo jala oolcheen, Jaarraan leenjii fi
meeshaa waraanaa gahaa qabaachuun murteessaa ta’uu Isaa waan hubateef
achumaan gara Somaaliyaa deeme. Mootummaan Sumaalee qabsoo Baaletiif
gargaarsa gochaa ture, haaluma kanaan Jaarraas simatan. Boodarra garuu, bara
1969 Mootummaan Ziyaad Baarree kan Somaaliyaa maqaa Oromootin qabsoo
hayyamu dide. Ziyaad Baarreen Oromoonni maqaa Somaaleetiin yoo qabsaa’an
malee gargaarsa akka hinarganne ibsan. Akka Ziyaad Baarree jedhutti Harargee,
Arsii, Baale fi Sidaamoon Somaaleedha, Oromoo miti. Kanaaf Maqaa Somaaleetiin
malee gargaarsa takka qabsoo biraatiif hingodhan.

Jaarraan Abbaa Gadaa yeroo kana gara biyya Arabaatii gargaarsa barbaacha
Yaman deeme. Bara 1970 Yaman Kibbaa magaala Eden gale. Yamanittis, Oromoota
kan biroo kan Elemoo Qilxuu, Huseen Sura fi kkf walarguun waa’ee qabsoo Oromoo
mari’atan; dhaaba Oromoof qabsaa’us hundeessuf murteessan. Mootummaa
Yaman waliin marii kan godhe yoo ta’u mootummaan Yamanis gargaarsa gochuuf
abdii kennaniif. Baruma sana keessa gara Iraaqis deemee qaamoota mootummaa
waliin marii godheera.

Huseen Suraa, Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemoo Qilxuu fi hoggantoonni kan biroo
Kaayiroo, Bagdaad fi Damaasqoo dhaquun marii geggeessan. Mootummaan Iraaqii
fi Sooriyaa meeshaa waraanaa keennuufiif, Filisxeemonni Sooriyaa keessa jiran
leenjii waraanaa kennuuf waadaa galan. Erga qophiin barbaachisu xumuramee
booda, loltoonni 36 biyyatti deebi’anii qabsoo waraana kan eegalan leenjii waggaa
tokkoo fudhatan. Maqaan loltoota kanaas Qeerroo Ganamaa jedhamaee
moggaafame.

Baruma kana Jaarraan Qeerroo Ganamaa hogganuudhaan meeshaa waraanaa
fudhatee gara biyyaa qajeele. Qeerroo Ganamaa 36n hogganuudhaan Jaarraan
doonii yaabbatanii Sumaaleetti wayita bu’an, waraanni Sumaalee isaan marsee
isaan qabe. Bara 1970tti Somaaliyaa keessatti mana hidhaa Mandheeraa
jedhamutti waggaa shan hidhaan dabarsan. Waggaa shan hidhaa keessa turee
achii ba’ee gara Moqaadishoo geeffame. Moqaadishotti Ziyaad Baarree ofumasaatii
Jaarran Adda Bilisumma Sumaalee Dhihaa (maqaa Ingiliffaa Western Somale
Liberation Front – WSLF beekkama) akka makamu gaafatan. Jaarran garuu kana
fudhachuu dide. Bara 1975 hoggaa mana hidhaatii bahe qabsoon biyyatti galauu
akka qabu waan amaneef gara biyyaa seenee qabsoo jalqabe.

Sabboontonni Oromoo Finfinnee jiran, labsii dhaaba Oromoo haarawa hundeessuu,
kan Elemoo Qilxuufaa bara 1973 Finfineetti jalqaban xumuruuf gara Finfinnee akka
dhufu affeerranii Finfinnee deeme. Haa ta’u malee, sabboontonni Oromoo dhaaba
Maarkisisti-Leeninistii Dargii wajjin dhaaburratti waan qabamaniif dhaaba Oromoo
hundeessuu kanarratti xiyyeeffachuu waan hindanda’mneef gara biyyaatti deebi’e.
Qawwee muraasaa fi rasaasaa Elemoon faa awwaalan fudhachuun Waraana
Bilisummaa uumee qabsoo itti fufe. Goolii Diimaa Dargii namoonni hedduun
baqatanis waraana kanatti makaman.

Yeroo muraasa booda waldiddaan sababnii isaa ifa hinta’in waraana Jarraa Abbaa
Gadaa fi qabsaawota Finfinneerraa dhufan gidduutti waan ummameef addaan
ba’an. Waraanni lamaan addaan ba’us lamaanuu maqaaAdda Bilisummaa
Oromoo” jechuun waammama. Bara 1985, Jaaraa Abbaa Gadaa fi hiriyoonni isaanii
waraana kan saanii Adda Islaamummaa Bilisummaa Oromoo (AIBO) jechuun
moggaasan.
AIBOn mootummaa ce’umsaa Itoophiyaa kan bara 1991 ijaarame keessatti
hirmaatee ture. Bara 1992, mootummaa ce’umsaa keessaa ba’uun gara gaarren
Harargeetti deebi’ee qabsoo itti fufe. Bara 2005, maqaa AIBO jedhu gara Adda
Bilisummaa Dimookiraatawaa Oromiyaa jedhutti jijjiirani.
Boqonnaa
Jaarraa Abbaa Gadaa biyya Yaman magaalaa sana’aatti dhukkubsatee yaallamaa
ture gaafa Bitootessa 4, 2013 du’aan darbe. Reeffi Jaarraa Abbaa Gadaa gaafa
Bitootessa 7, 2013 gara biyyaa deebi’e. Gaafa Bitootessa 8, 2013, reefisaa
magaalaa Wataritti awwallame. Jaarraan qabsoo Oromoo keessatti gumaacha
godheen yoomiyyuu yaaddatamaa jiraata.
Jaarraa Abbaa Gadaa nama dhala namaa maraaf mararfannaa fi jaalala guddaa
qaban ta’uu Obboleessi isaanii Dr. Nasraddiin Ibraahiim kanaan dura ibsuun isanii
kan yaadatamu.via N.G.

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …