Oduu Haaraya

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 9FFAA

 

 

DUBBII FI ABBAA DUBBII EESSA JALAA HOFFOLAN?

Abbaan dubbii nu rakkisee maal nuuf eayya? Dhiyaa barii dubbimaan nutti deema. Dubbii isaa dhangaggaayaa sobaa sana kijiba afuufuu hafarsuu hafarsiisuu. Dubbiin nama unkuruu, jeequu!

Sila abbaa dubbii kana biyyuma kamitti jalaa baqanna. Xiyyaara yaabbannee galaanota qaxxaamurree jalaa baanaa, osoo hin ta’iniitii duunee illee dubbii dhiisuu! Dubbii kijibaa isaa haa afuufuu nu homaa hin taanuu!! Eessa? Yoom? Fi Haala kamiin jalaa ceenaa abbaan dubbii ni fooyyaya jennee osoo eegnu fidee!! Afaan faajjii haasayaa oolaa! Kijibaaan dhugaa haguuguuf tattaafataa! Kijibni kuma tokkoo dhugaa takkattii woy ta’aafii? Dhugaa dhoksuuf tattaafata! Odumaaf Kasaaraa! Garuu soba isaa dura dhaabbanna dhugaa qabnuun yoomillee, eessattllee, haala kamiinillee!! Dhugaan hin qallatti malee cittu jedha Oromoon mammaakee!!

“Abbaan dubraa nutti hafee kabbarteen

Warri abbaa qabeennaa nu cunqursuu jalqabdee

Lakkaa abbaa dubraa kana nurraa kaasaa

Afaan birri nutti banaa xaasaa”

Jedhee Oromoon Dhiichisellee Yeroo Ammaa!!

***  

Obsi Namoota Cimoof Qorsa Yoo Tahu; Namoota Laafoof Ammoo Summiidha

 

Obsi  jiruu fi jireenya kamuu keessatti baayyee barbaachisaadha. Obi laafinaa fi jabina amaloota namoota  ibsan keessaa dursa qaba. Obsa qabaachuun buleessa umrii dheeraa si taasisa.  Obsa yoo hin qabaannee kaayyaa keenna dheeraan qabannes tahee gabaabaan galma hin gahu. Obsi furtuu injifannooti. Namoonni gariin waan salphaatti abdii kutatanii jiruu fi jireenya isaanii dukkaneessan kaayyoo isaaniis karatti hambisani. Garuu haga kaayyoon keenna sirrii ta’etti abdii kutachuu hin qabnu. Kallatti galma keenna san ittiin geennu jijijjiiruun barbaachisaadha. 1. 2. 3  itti fufa jechaatuma galma kaane dheeraa geenna. Xiqqoma irraa jalqabnee jabeessaa jabeessaa bakka kaaneef geenna. Obsi muxannoo guddaa siif kenna. Muxannoo keenna kanas sirritti tolchinee yaadachuu qabna. Muxannoon keennaa hardhas borus nu gargaara. Kanaaf obsaan muxannoo horatan suutuma suutaan hojitti hiikuun barbaachisaadha. Obsi hadhooftuudha ima unachuudha dhumarratti garuu baayyee mi’ooftuudha. Namni rakkoo baayyee yoo arge booda obsa bara. Obsi beekumsa, dandeettii fi fedhii namaa gabbisa;beekumsi, dandeettiin akkasumas fedhiin namaa yoo gabbate hojii hojjatan injifannoott I ceesisa.

Mammaaksa Oromoo Obsaan Wal Qabatan:-

  1. Obsaan Aaannan goromsaa dhuga jedha mitii ree!!
  2. Obsaan Worroomanii
  3. Dubbii baruun duratti obsa bari

Kkf.

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …