Oduu Haaraya

OROMOO…./Oromoo…./OROMOO.

=
Utuu dhugaatti namoonni biyya hambaa kana keessa jiraannu kun Oromummaaf, saba cunqurfamaaf, haadha hiyyeessaa du’aa jirtuuf, hayyuu dukkana keessatti Wayyaaneen dhidhiitamaa jiruuf, qotee bulaa keenyaa harka qullaa dhumaa jiruuf, lafa keenyaa fudhatamaa jiruuf, eenyummaa keenyaa dhabamaa jiruuf….dhukkubsanna/qabsoofna/dubbannaaf/dhaabbannaaf ta’eeti:

1. Miidiyaaleen Oromoo biyya ambaa kana keessaatti akka warshaa wal hin horu (Silaa caasaa tokko jalatti ijaaramee, iftoomina qabaatee, sabaafi waliif amanamee, uummataan filatamee ijaaramee ‘satilaayitii sa’a 24 qofa bitachuudhaan achirratti qophiiwwan garaagaraa kumaa ol torbanitti hojjechuun dheebuu sabaa baasuun hindanda’ama….qabeenyiifi humni biraan miidiyaalee biro ijaaruutti dhumu humna siyaasaafi loltuu jabaa Oromoon ittiin diinasaa faccifatu tokko ittiin tumsuufi ijaaruun danda’ama ture.

2. Walgahiin gurguddaan kaan GGO kaan ammoo OLC jechuudhaan (Minesotaafi DC) tti nuwaamuudhaan humna, maallaqa, beekumsaafi yeroo Oromoon qabu mara qisaasessuun anatu caalaa jechuudhaan hindorgomamuuyyuu ture;…walitti dhufameetu mana/utubaa tokko jalatti ijaarameetu walduraafi duubaan waldhagahee iddoo walii kennuun humna qisaasa’uufi maallaqa qisaasa’u sana mara dhimmoota Oromoo jajjabdudhaf oolfamee bilisummaan sabaa dafee saffisuun sabni bara dheeraaf dhiitame kun ifa arga ture,

3. Jaarmiyaaleen siyaasaa amma maqaa ‘’O’’ jedhu ofitti maxa’etee iddoo kudhanitti wal horee, ganda/naannoo, amantiifi ilaalchaan walqoqqoodee utuu hinbaa’yatiin mana/dawoo tokko jalatti ijaaramee ooggansa amanamaafi humna guddaa qabu tokko ijaaree waliin socho’uun hawaasa addunyaa duratti dhageettii qabaatee uummata Oromoo qabsoo cinaa hiriiruu barbaadu marallee of jalatti dabalatee silaa humna tokkoon tulluu garbummaa kana saffisaan iddoodhaa kaasa ture,…gargaarsa dabalaataafis mana habashootaatti galuunuu hinbarbaachisus ture.

ammamee kan dhalataan biyya keessaa garaasaa qooqqifatee utuu falamtuu soora allaattiifi rirmaa ta’aa jiru kun gara tokkummaatti nama hinfinne ergamaa/maleekaa maaliitu waaqaa bu’ee saba keenyaa kana humna tokkummaatti deebisee fuulduratti nama deemsisa laata? Oromoo taanee dhalachuu keenyaan hammuma boonaa turre, gargarba’uu kana arguun garuu……

yaa uumaa yookaan tokko nugodhi/yookaan hunda kenyaa fixi!!

Check Also

alaabaa

Bulchiinsa gabrummaa diddaaf wal’aansoon godhaamaa turte tan ifatti mul’atte, bara 1962.

Abbaa Urjii tiin: Hawaasa Oromoo kanneen bulchiinsa gabrummaa Minilik jalatti buluu diddaaf lolanii injifataman keeysaa …