Oduu Haaraya

Tarsimoo TPLFn Isii Kuffisu

 

Galiin barruu kanaa waan TPLF ammaantana umataratti hojjachaa jirtu erga cincileen booda mala ykn yaada toftaa fi tarsimoo isii umri ittin deerefachuf lafa kaayyatee debisani isumaratti dhimma bahun kufaati isii ittin shafisan gumaachu dha.

Hujin motumaan TPLF ammaantana umataratti hojjachaa jirtu galiin (goal) isaa fincila gara garaa itti ka’ee kana dhamsu dha.  Kana taasisuf jacha TPLF hojji adda addaa hojjachaa jirti. Karaaratti nama ajjesuni fi namoota kumaatamin hidhun fincila karaarraa (street protests) dhaabu dadhabnaan labsa yaroo hatattamaa baati jahaf labsun akka hujji amma dhura bifaan ciqqaa (smaller scale) fi dhooysaan hojjachaa turtee amma dirree baatee bifa ykn hala ballaadhan hojjachuf akka anjaa’uf dha. Ka’umsa fincila bara 2015 duraa fi san boodale hamma labsi hatattamaa hin labsamin TPLF namottan hittu lakkofasaan akka labsaan booda hitee ykn hidhaa fi hikaa jirtu hin gahuu.  Namoottan kuma dhibbaan tilmaamaman hidhun ammalee fincila irraa dhaabu waan hin jireef kaneen hitee hikudhaa kaneen biro hidhuun fincila naraa dhaabaa tarsimoo ja’uun dhiheenya kana hidhamtoota kuma 9000 ol gadhisun isii ni yaadatama.  Hojii isii kan tarsimoo kanaratti hundaaween hojjachaa jirtu kana yoo laallee TPLF itti hongaawaa jirti malee ittin hin milkaawaa hin jirtu.

Erga hidhamtoonni gadhisaman booda gaaffin umataa hin jijjiramu.  Hidhamtoonni akki itti hidhaman bifa ragaan malee caluma ja’aan umata walitti gurun waan taheef hidhamtonni kan fincilatti hirmaatan fi kan hin hirmaannee dha. Fincilatti kaneen hirmaatan (Finciltoota) wanni isaan fincilsisee dararaa fi midhaa wagaa dheeraaf motuummaa kanaan saba isaani ratti gageeffamaa jiru waan hubatanif waan taheef hanga dararaa fi midhaan san hin hafinitti sobaa fi oloolli TPLF finciluraa isaan hin deebisu. Finciltootni yoo TPLF mirga haqaa kan akka angoon kan umataa hubatee angoraa bu’uudhaan angoo namoota umatni filateetti kanu yoo taheen malee qabsoo isaani iraa of booda hin deebi’an. Waan TPLF immoo mirga haqaa umataaf hin kanitu taateef murni kun fincila bifa addaatin kaasun isaa waan hin ollee. Finciltooni wanni tokko fincila marsaa kanaraa baratan yoo jiratee karaan ittin fincilanii TPLF firaa kuffisu dandayan karaa heeddu tahu issaati. Bittaa fi gurgurtaa lagachu fi teessuma TPLF humnaan nama walitti qabduratti dubachu baachun akka fakeenyaati kan kaayamu.

Murni lameesaa moo erga fincilaraa qooda fudhachu baachun hidhaa fi dararaa kan issaniraa hin olchinee tahee yoo fincilatti dabalaman irra wayaa jachu murteefachun isaanii hin olu. Murni kun bifa qabsoo fi dadhabbi motumaa kan duraan hin beeynee hidhaan booda hidhamtoota birootiraa waan baruf jacha caraan fi hamileen saba saanitif seenaa dalaguu isaani heeddu ni ida’aa. Itti anun kan jiru barnoota TPLF hidhamtootaaf keenti dha.

Barnotni ykn leenjiin TPLF hidhamtootaaf keenitee bu’aan isaa fincila hin dhaabu. Yaroo ammaantanaa umatni biyasani cufaatu media TPLF dhisee Dish dhima bahudhaan oloola Wayaanee akka hifatee waan mulisaa jirufi manarra deemani Dish namaraa guraa turan.  Kun wani mulisu umatni biya sani waan TPLF jattu hundumaa akka sobaa ololaa fi afanfaajif jattu waan hubateefi tahu isaati. Kanaafu barnootni hidhamtootaf kennamee kan TPLF soba dhugaa fakkeesitee ykn dhugumaahu yoo taheelee hidhamtoota biratti fudhatam qabaachu hin dandayu. Soba TPLFn kan wagaa 25 booda sobamaa jiru yoo jiraatee Wayaanee kan umatni soba kiya amanaa jattee yaaduun of sobdu malee umataa miti. Kana ragaa kan tahu Wayaaneen ammallee waan akka dabbaloota isii media isittif dhiheessun akka sobani fi “badi hidhamtoonni baleessanif dhifama gaafatani gadhisaman” jachun soba itti fufaa jiraachu isiti.  Hidhamtoonni akka soba isii irraa hin fudhanee kan garsisu photon hidhamtootni T-shirt isiin qoopheessitee itti kanitee kan silaa “Irra Hin Deebi’amu!” ja’uu jijjirun akka “Irra Deebi’ama!” ja’uu tasisun uffachu isaani Facebook ratti jira. Kanatti annun immoo hidhamtoota sodaachisu dha.

Bishaan mataa ga’ee miila hin hanqatu” jatti Oromoon.  The Near Miss Theory kessatti warri qormaata sammuu akka ibsanitti yaroo ilmi namaa tokko waan sodaatu tookkoo yoo isaratt gayee fi akka duraan sodaatee sanitti kan hin midhamnee tahu gaafa baratee sodaan ciqaachaa deema ykn ni dhabama ja’uu. Kanaafu yaroon ammaantana yaroo hidhaa fi dararaan ummata gabrumaa badhachu dadhabee ja’ee ka’ee of booda deebsu waan hin taaneef tarsimoon hidhamtoota sodaachisuf TPLF fudhatee akka warra hidhaa baqachaa turan fulduraa hin baqanee sodaa iraa kaasa malee fincila hin lafisu.  Hidhamtoonni yaroo hidhaa galannillee akka gootaatti waan hawaasa kessatti kabajaan simatamutti jiranif hidhaa sodaan hafee sabaaf hidhamun waan ittin boonamu tahati dhufaa. Kanaafu tarsimoon TPLF kan namoota hedduminaan hidhu dhaan leenjisuu ja’uu fincila dhaamssurra fulduraaf akka babalatu tasisa.

“Ififu ni duti maaf of hutii” Oromoon jatu hubachudhan hogganotni qabsoo tersimoo TPLFn kufinsa isii waan armaan gadittin shafisun ni dandayan.

  • Karaa hidhamtoota gadhifamanin caasaa qabsoo harayaa jaarun fincila marsaa biraa qindeesu
  • Karaa hidhamtoota gadhifamanin akkaataa mana hidhaa keessatti itti turan erga baran booda nama leengisani bifa mana hidhaa kessatti hidhamtootni fulduraatin caasaan qabsoo ittin jaaramu mala basu. Kun wanni tahuf hidhamtoonni mana hidhaa kessatti leenjii fi dararaan booda yaroo dheeraa waan qabani fi bakka tokko kessatti waan nama heeddu tahani galanif caasaa jaaruf ni anjaawa. Yoo kana hunda keessa bassaasota kan keessu tahee basaasootni mana hidhaan alli jiran waan ciqaatanif qabsoon biyya keesaa finciluf ni anjaawa.
  • Karaa hidhamtoota gadhifamaniin caasaa motumaa kan man leenjii waraan erga baran booda akka manni waraanaa san ittin barbadaa’u ykn midhaan irratti tahu sagantaa baafachu.
  • Marsaa kana miseensoonni OPDO fi hojjattonni TPLF heddun waan hidhamanif qabsoo Oromoof jacha karaa isaanitin miseensoota OPDO fi kaneen ammaantana motumaa walin hojjachaa jiranin caasaa dirirfachudhaan akka harka lafa jalaatin kufinsa TPLF shafisan taasisu.
  • Namoota kumaatama mana leenjii waraanaatti hidhu dhaan economy ykn dinagdee biyya osoo hin minee waan yaroo dheeraaf biyya hogaanun hin dandayamneef baajatni TPLF fi economy ykn dinagdeen isii midhamaa waan deemuf karaa midhaan dinagdeen isiiratt jabaatu bafachu.

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …