Oduu Haaraya
galaasaa dilboo2016

“Obboo Galaasa Dilboo maal ta’an, maal barbaadu?

 

An ammumayyu nama kabajaa guddaa Obboo Galaasa Dilbootiif qabu keessaa tokko. Obboo Galaasaan nama jireenyii isaanii bilisummaa Oromootiif jedhe erdarame keessa nama tokko ta’un isaan wol nama hin gaafachiisu, Qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamuu gaafatamaa Ol aanaa H/durumaan barootaa dheeraaf hoogganuun haalaa jajjabaa fi ulfaataa keessaa Qabsichaa qaxaamursuun qabsawotaa biratti beekamuu, ummataa Oromoo birattis galataa fi kabajaa seenaa kanaatiin yaadatamu.

Haata’u malee dubbiin isaan miilana gadiin dhufan kun eessa kaaase eessa isaan geessa jira fakkaata? Kabajaa isaan torbaan lamaan dura Oromoo biraa qabaniif amma qaban madaaluu Oromoodhaf dhiisa. Garuu Obboo Galaasaan ammaan tana maal barbaadu? Dhuguma bilisumma yeroo dargaggummaa isaanii keessa wogaa digdamaa hayyu duree ABO turan Oromoo dhaaf fiduu dadhabani gana kana keessa, sanuu haala wol xaxaa kana keessa waa dabaluuf? Atumaa ta’eyyu haga ammaa, haga dura ta’ummaa ABO irraa ka’anii maal irra turan?

Mee waan bara 2000 dura ta’e ka Obboo Galaasan mataan isaani akka “aangoo wolii galteedhaan” aka dabarsan kennan ka isaanumti himatan isaanumaaf dhiisuudhaan,waan achii as ta’e haa kaafnuu. Akuma hundi keenna beeknuu, Qaamn Ce’umsaa ABO haga bara 2001 Shanee Gumii ABO (SHG ABO) irraa bayyeeti kan obboo Galaasaan hooganaa koree hujii raawaachiftuu Qaama Cehumsaa ABO(QC-ABO) keessa jiruu, dhaabin isaanii kun eessa turee maal irraa ture? Dargaggees hadha gana 25 keessa jiruuf, hardha abbaan biyyaa ABO dha jedhuu kun qaama ce’umsaa jechuun maal akaa ta’eef maal akka ture, eessa ka’ee eessa akka gaye waan beeke himu qaba laati? Biyyaa Ambaa obboo Galaasaa fi itti aanaani isaani ammaa muudatani Obboo Mulugeetaa Moosisaa baqattumaan keessa jiraatanu Awuropaa keessaatti jaarmiyaa fi caasaa hangami takka qabu laati? Isumayyuu Qaama Ce’umsati Dura ta’a kan turee fi maqumaa sanillee jiraachisee asiin kan gahee Obboo Dhugaasaa Bakakkoo fi hooganootaa diree turanii fi maayyii/gara dhuma irraa naanoo biyyootaa ollaa keessatti waa caraaqaa turan akka ta’ee eenuuf iyyuu hubatamaadha jedhee yaada. Isaan sanin alatii murnii Obboo Galaassaa woliin biyyaa ambaa keessa turee waan kana hojjannee jedhanii ykn guyyaa akkasi ummataa Oromootti gadi baanee dubbinnee beenna jedhanii waan himatanu kan qabanu natti hin fakkatu. Akkumaa olitti tuqee yeroo kana keessa Dura ta’a QC kan turan Obboo Dhugaasaa Bakakkoo dabalatee hoogantootaa miseensotaa GS isaa woliin turan haa diqaatuu guddatuu caasaa jarmiyyaa sanis dhunfatanii ifii jalaa qabaatuundhan hogganaa kan turan isaan kana ta’uun dhokkataa miti.

Haa ta’uu maqaa fi gatiin hooganooti buuleeyyiin kun qabatan, Moraa Qabsoo bilisummaa Oromoo bakka lamatii hiramee kana qabatanii socho’anuun dhiibbaa hanganaa jedhamee Qabsoo Oromoo fi tokkumaa sabichaa irratti Qabaata turee hubatuun, akkasumaa woli malee qabsichaa akka hawametti ifi duraa furgaasuu danqaa inni qabuu xiinxaluun yaadaa qaamaa sadaffaa malee murnaa hoogganaa gama lamaanii keessa kaka’insaa mataa isaaniitiin madeenni SHG ABO fi QCn ABO waggoota lamaa oiliif wol giddutti marii araaraa adeemsisaa erga turaniin duubaa woliigaltee irraa gahuun, fuulaa hawwasaa Oromoo fi bakkaa alagaa fi firootan Qabsoo itti argamanitti wolii galteen woliti baqisaa dhaabaa lamaan jilaa GS QC ABO fi SHG ABO lamaan irraa bakka bu’een biyya Germany magaalaa Berlinitti labsame.

Wolii galtee kana irratti kan jilii kun lamaan murteesse labsee keessa Caasaan lamaan oli irraa hanga gaditti wolta baquu, Heeraa fi seerii dhaabotiin lameen ittin bakka lamatii bulaa turan heeraa fi seeroti dhaabaa Bu’uuraa 1998 fi 2004 wol fudhachiifamuun heeraa fi seeraa dhaabaa tokko taasisuu, Maqaan SHG fi QC jedhamuu murtii woligaltee Kanaan haqamee, Koree hujii raawachiftuu ABOtiin bakka buufamuu fi hooganooti koree hujii dhaabaa lamanuu koree hujii raawachiiftuu fi gumin saba lamanuu akkumaa jirutti akka gaafatama qabuun woltaa baqee korii sabaa yaamamuuf murtawee irratti filmaat hangaa godhamuti hogana dhaabichaa ta’an akka itti fufamuu murtawe. Akka Kanaan namooti akka barbadanii fi waan barbaadaniin nama yaamuu filatani waan barbaadan haa jedhanuu malee maqaan SHG fi QC murtii seeraa Kanaan kaafamee jira.
Kanumaa woliin garaa garummaa woldhabii tureef murnii lamaanuu kan itti wol himatanu yoo qabaataniyyuu jaarmiyaa lamaan giduutti abbaa badii ykn yakkaa dabree qulqulleessuu hanqatuuf isaa darbee seenaaf dhiisanii badiin akkasii deebi’ee kan isaan gidduutti hin dhalannee ta’uu waadaa seenanii turan. Yeroo Jaarmiyaa kana lamaan gidduutti wolii galteen araaraa kun barootaaf adeemaa turetti obboo Galaasaa fi Mulugeetanis obboo Dhugaasaa woliin koree hujii raawachiiftuu fi miseensotaa Gumii sabaa QC wolumaan turanii murtii woligaltee woltibaqiisaa kana irraa gahan. Haalaa kanaan Obboo Dawudi Ibsaa Hayyuu Duree ABO SHG turan akka Hayyuu dureeti, Obboo Dhugaasaa Bakakoo Hayyuu duree QC ABO turan Akka itti aanaa Hayyuu duree 1ffaa ABO fi Obboo Bultumi Biyyoo itti aanaa Hayyu duree 2ffaa ABO hanga Koraa saba itti aanutti ramadamanii ykn dirqamaa fudhatanii akka hojjatamuu qaamaa murtii woltaa baqinsaa kana keessa isa tokko ture. Akkumaa olitti ibsuu yaalee Koree hujii raawachiiftuu fi miseensoti Gumi sabaa gama lamaanituu akkumaa jiranutti koree hujii raawachiftuu fi gumi saba ABO ta’ani Akka wolta baqanu murtawee labsame.

Waan hunduu dhumee, woliigalteen godhamee, erga wolitta baqamee casaan haaressi diriirfamee ramaddiin godhamee Obboo Galaasaa Dilboo qaamaa ol aanaa Koree hujii raawachiiftuu gumi sabaa ABO keessatii ramadaamanii dirqamii hujii itti kennamee hujiin qabsoo bilisummaa hoganaa qaamaa lamaan wolta baqeetiin boqannaa haaraan jalqabuun ni yaadatama. Akka oduu dhaabaa amma qabutiis obboo Dhugaasaa dabalatanii miseensoni hoogganaa Koree hujii rawachiftuu fi Gumi sabaa duraan Obboo Galaasaa woliin QC turan, har’as ABO keessatti iddoon dirqamaa furtuu ta’an itti kennamee dirqamaa isaani bahaa jirachu dhaga’a jira.
Kun hundi ta’e atoo jiruu eega miilana obboo Galaasaan waan hagana geyaatiin gad bayyuun guddoo na rifaasise, na naasise, na mamsiisee, gaafii hedduus na keessat bulche. Garuu maal argachuuf? Maal godhuuf? Qaamn Ce’umsaa woggoota kudhaa jayaaf gaggaba (in coma) keessa hanga turee kana Obboo Galaasaan eessa turan? Ammaa ammo nama ja’a ta’ani kunoo nuut “ABO” taane dhufne jechuun maqaa Qaama Ce’umsaa jedhu haqaaqan (induce) dhuguma ABO gochuun ni danda’ama? Lafumaa ka’an nutuu ABO dha jechuun maaliif? Dhuguma Obboo Galaasan waan ABO keessa ta’ani hojjachuu dadhaban tokko, me woggoota digdamaaf wayi isaan hooganaa turanille dhiifneeyyu, amma maqaaABO” jedhuun dhaaba “franchised” ta’e tokko abbaa itti ta’anii gad bayuun maal fidhuuf? Moo yo/asoo rakkoon jiraateeyyuu haga korri sabaa yaamamu obsaan eegachuu dadhabani? Maaliif?? Yoma korrii sabaa yamameeyyuu waan dhunfatti barbadanuu kan argachuu danda’u of shakkanii tarkaanfii kana fudhatuutti isaa geese qabu laati ?

Obboo Galaasaan kanarra dabran ammayyuu murnaa bara 1999 gara dhumaa keessa jeequmsa ABO keessati uumee gaafatamaa gadi dhiisuu isaa fi umamuu QCf sababaa guddaa ta’ee, mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo hookkaraan goolaa ergaa tureen duuba xaxatee dhaabaa keessa godaanee woliin yoo deebi’ee maqaan isaan ka’u maaltuu isaanti dhaga’ama? Murnaa SHG fi QC addaan baasuun yeroo duraatiif dhaabichaa bakka lamati cabsee sana boodaa dhaabaa keessa godaanee dhaabaa meeqa/hagami labsataa turee fi bakka hangamiti woluu harcaasee ture woliin tokkumaa umuun isaanii mooraa QBO tasigabeesanii tokkoomsuuf moo mooraa QBO gara badii birati ofuuf? Badii kaleessa darbee irraa baratanii fuulaa duraaf akka sun hin deebinee obsaan woliin hojjatuu irratti woltaanee jedhamee qalamii wolii malateesaniin asoo hin qoorinii fi madaa turee san hin dhinfatin ammas Kanaan asi nutaa bahuun isaanii tufii ummataa Oromootii qabanuuf akka nama tokkootii kabajaa ifiifis dhabuu hin fakkatuu? Obboo Galaasaan nama saboonumaa fi cichoominaan QBOn faarfamanu ta’anii asoo jiranuu gaadidduun murna saboonumaa Oromumaa hin qabnee fi aantumaan wol gurmeessee ititaa fi sabatiinsaa Moraa QBO arguu dhukubee kun isaa duubaa muldhatuun hangam takkaa dhaabaa inni ammaa hooganuuf deemuu Oromoo biratti dhugeefachiisa?
Dhuma irrati Ani “business” falakeessa/fakkeesuudhan (franchised) hojjatamu beeka malee dhaaba bilisummaa ummataatiif Qabsaawuu tokkoo kan inni kuun falakeessa isa kaani hojjatuu takkaa hin garree. Silaa yoo kan maqaa ABO jedhuun Oromoon hunduu hayyuuduree ta’u ta’eyyuu Gadaan Obboo Galaasaa akkaa aadaa baalii sirnaa gadaa Oromoo fi tartiibaa Dimokiraasii baranee ammayaalleetti dhumee jira. ABOn dhaabaa saboonaa aadaa fi safuu ummataa Oromoo eeguuf tikisuu ta’ee asoo jiruu fi hooganii isaa fakkeenaa gaarii dhalootaa hardhaatii fi boruutiif ta’ee sirnaa ittiin boonaa jiruu kanaa hujiin dhaalchisuu asoo qabuu Obboo Galaasaan yeroo yuubomaa fixatanii jaarsaa qululichaa eebaa fi gorsaa callaa nuuf ta’uu turan kanatti deebi’ani ani Hayyu duree ABOtti deebi’ee filamee jira jedhanii asi bahuun aadaa, duudhaa fi safuu ummati keenna dhaalmaan qabuu fi Aadaa , seenaa,seeraa fi gati ykn value ABO ykn jaarmayaa Oromoo kamuu kan diqeesuu fi tufachiisu bira kutee bishaan itti dhangalaasan nati fakkata.

An ammayyuu barreefamaa kiyyaa kanaa keessati ulfinaa fi kabajaa jaalalaa Obboo Galaasaaf qabuu gadi buusee isaa diqeesee qeequuf asoo hin taanee isaafis jaarmayaa keennaa fi ummataa keenaafis waan na yaadesee fi gaaffii nati bulchee kaasutti akkaa naa hubatamu yaadachiisa.

Kaayoo qabnna!
Horaa bulaa, deebanaa!”

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …