Oduu Haaraya

# Oromoprotests Dhaamsa_Ariifachiisaa Bakka Hundatti Waliif Dabarsaa!!

# Oromoprotests # Akka_Qeerroo_Bi lisummaa_Oromoo Yeroon kun Yeroo yoom iyyuu Caalaatti uummata Oromoof murteessaa ta’ee fi injifannoolee gurguddaa waareegama qaalii baasuun gonfachaa jirruu fi guutummaatti
Bilisummaa saba keenyaa fi Walabummaa biyya keenyaa gonfachuuf itti jirruu waan ta’eef ; qabxiilee itti aanaan kana irratti xiyyeeffannoo kennuun qabsoo finiinsaa Wayyaaneefi ergamtuu wayyaanee OPDO tti
Xummura haa goonu!!

1. Uummatni Oromoo Golee Oromiyaa Cufa keessatti Duulaa daandii konkolaataa sadarkaa gantoota Baadiyaa, Magaaloota xixxiqqoo Baadiyaa, Magaaloota gurguddaa fi daandiin gurguddaa qaxxammura biyyaa hundii bakka hundatti mukkeen gurguddaa, dhagaa fi waan naannoo keenyatti argamu hundaan guutummaatti cufuu qabna!!

2. Mootummaan Wayyaanee karaa ergamtuu isaa OPDO uummata Oromoo lafarraa duguugaa tureefi jiruu warraaqsa FXG uummatni Oromoo waliigalatti gaggeesseen jigee jira . Yeroo amma kanas Oromiyaan Humna Waraanaan Zoonii 8 jalatti qoodamtee eegamaa jirti. Haala kana jalatti OPDOn kufuu ishee amantee Oromiyaa irraa
shira bulchiinsa kijibaa ishee dhaabuu hin dandeenye waraanaa addaatti qabachuun kuftee kaatee haalaa mijeeffachuuf carraaqaa jirtii kanaan boodaa kaabinootaa maqaa mootummaa wayyaanee fi ergamtuu
OPDOttiin nuti biyya bulchaa jirra jechuun socho’an Oromiyaa keessaa qabeenyaa isaanii waliin dhabamsiisuun Aangoo bulchiinsaa sadarkaa sadarkaan jiruu dhuunfachaa Adeemuu!!

3. Qabeenyaan gurguddaa Aangawoota wayyaanee Oromiyaa keessatti argamuu bakka jiruu hundaatti, barbadeessuu, barbadeessuuf bakka mijaawuu dideetti akka hin sochooneef Daandiin konkolaataa guyyuu
cufamuu qaba!!

4. Mootummaan shororkeessaan wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOn guutummaatti aangoo gadi lakkisuun yakka
duguuginsa sanyii uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo irratti rawwataniif seeraatti dhiyaachuun gaafatamuu qabu malee uummata afaan qawween reebaa, mana hidhaa keessatti Ibiddaa fi rasasaan fixaa aangoorratti bakka wal jijjiiruun uummata tuffachuu fi yakka yakka caaluu Uummatarratti rawwachuu waan ta’eef uummatni Oromoo fi sabootni cunqurfamoo biyyatti Sochii Warraaqsaa FXG daran jabeessuun itti fufuun abbaa irreetti xummura gochuuf yeroon isaa Amma!!

Injifannoon Uummata Oromoof!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …