Oduu Haaraya

TUMSAA ADDA BILISUMMAA OROMOO (ABO) fi TOKKUMMAA HUMNOOTA BILISUMMAA OROMIYAA (THBO)

LABSA WALHUBANNOO

 

Labsi kun Tumsa ABO fi THBO utubamuu ilaalchisee waliigaltee dhaabota lamaan giddutti mallatteffame ibsuuf

kenname

Kaayyoo fi galiin qabsoo Oromoo mootummaa walaba dirmokraatawa repablika Oromiyaa ijaaruu ta’u irra deebibinee

mirkaneessuudhaan,

Kaayyoon waloodhaan qabnu sirna bittaa kolonii jaarraa tokko oliif Oromiyaa cunqursaa jiru diiguu fi bilisummaa mijuu

argamsiissu ta’u jabeesinee beekuudhaan;

Tokkuummaan saboontotaa, qabsoo finiinsuuf, bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa shaffisuuf murteessaa ta’u

hubatuudhaan;

Oromiyaa walaba taasisuuf kutannoo qabnuu fi fedhii sabni Oromoo biliisa of baasuuf qabuu fi qabsoo geggeessaa jiru

waliin madaaluudhaan;

Mootummaan Wayyaanee shororkaa fi haala suukanneessaa saba Oromoo irrattii deemsisaa jiru xiinxaluun;

Qabsoo bilisummaa dirree Oromiyaa keessattii deebifne dagaagsuuf murannoo dhaabni keenya lamaan qaban irratti wal-
tumsudhaan hojjechuuf fedhii jiru hubatuun;

Wareegama sabni Oromoo baasaa jiru fi injifannoolee hanga ammaa argaman kabajaa qabnu irraa ka’udhaan;

Dhaabbileen Oromoo waliif tumsu fi waliigalteedhaan hojjechuun kufaatii diina biyya keenya saamaa jiru shaffisuu fi ummata

Oromoo dandamachisuuf bu’a guddaa akka qabu beekuudhaan;

Tumsa THBO fi ABO gama tokkuummaa dhaaba tokkootti tarkaanfachisuuf hawwii guddaa gama hundaan jiru hubachuun;

Yeroo ammaa kana qindoomina gara tokkuummaa dhaabattii geessu irratti waloodhaan hojjechuuf walhubannaa jiru irratti

hundawdhaan:

• Labsa Walhubannoo kanaan har’a irraa eegalee Tumsa ABO fi THBO labsina;

Koree Qindeesituu Tumsa THBO fi ABO kan hojii Tumsi kun hojjetu mara sadarkaa hundaatti hogganu utubamuu

hubachiisuudhaaf

• Hojii qabsoo bilisummaa Oromiyaa finiinsuu asuma irraa eegaluun shafisaa fi qindoominaan waliin hojjoomsuu

jalqabne;

• Waloodhaan hojjetaa gara caasaa dhaaba tokko diriirfatuu irratti akka haallii hayyameen yeroo gabaabduu

keessatti xumuruuf;

• Gurmuu Oromoo humneessuuf marii dhaabota Oromoo hafan waliin qabnu sio’minaan xumuruudhaan mooraan

qabsoo Oromoo akka dagaagu dhiibba dachaa gochuuf irratti waliif galle shaffisuuf

Oromiyaan ni bilisomti!

Kan mallatteeffame 10 Fulbaana 2016

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Dura duursoo tajaajiltonni Sararaa bilisumma galatomaa. Itti anse wali Galteen THABO fi ABO dhiheenya khana waliin mallatteeysan irratti waa jachuu barbaadaa. Dhuguma wali Galteen humnota Saba tokkoof qabsaawan jiddu jiraachuun yaroo maraa barbaachisaa dha. Garuu kan ABO fi THABO yeroon inni barbaachisaa fi bu”aa gurguddaa ittiin fiduu dandayu tartee jirti / bara 2000 turte. Murni arra hogganota ABO je”ee if muggaasee kun bara 16 dura, bara seena qabeysa THABO itti hunddeyfafame sun gufuu itti tahudhaan akka hin milkofne godhuu turan. Slogana : Repapliki Oromiya walabomte ijaaruu jedhu khana warri Ethiopia dimokrateysodhaan hagoguudhaan Saba Oromo jaanjeysaa turee ho eenyu? Qabsoon sadarkaa tana bira bira dabertee, hordofaa.