Oduu Haaraya

Dhimmii cufamuu kuusaa Kosii Sandaafaa kun laayyotti laalamuu hin qabu.

‪#‎OromProtests‬ (via Jawar Mohammed)

Magaalaan Finfinneen erga dhaabbattee kaasee Oromoo lafa isaarraa kaasaa, kan qarqara ishee jiru ammoo callaa isaatin jiraachaa isa ammoo dukkana hiyyummaa keessatti ukkaamsuun as geesse. Karoorri misooma magaalaa Finfinnee takkaatuu dantaafi fedhii ummata keenyaa of keessatti hammatee hin beeku. Jaaramuun Kuusaa Kosii kun ragaa as dhihooti. Qonnaan bulaa keenya osoo hin mari’achiisamin, pirojektiin kun faaydaan haa hafuu miidhaa akkamii ummata kanarraan gahuu mala waan jedhurratti qorannoon tokko osoo hin godhiin jaarame. Hojii eegalee ji’oota torba qofa keessatti xuriin kuusaa kanaa dachee jalatti gadi dhidhimuun kuusaa bishaanii ummanni ofiifi looniif itti fayyadamuun makame. Hanga ammatti namoonni dhibbaatamaan dhukkubaan miidhamani, loon hammana hin jedhamne dhuman. Fincila ummanni keenya godheefi tattaaffii ogeeyyota keenyaatin yeroo akka cufamu godhame.

Haa ta’uu garuu guyyoota lamaan kana Kantiibaan Finfinnee dirribaa Kumaafi geggeessaan waajjirra OPDO Bakar Shaallee qonnaan bultoota naannawa sanii walitti qabuun sobuufi sossobuuf yaalaa jiran. Ummanni balaa xurii kanaatiin qaamni ciccite, kan ijji jaamte, kan qaamni gargaraa hir’ate walgahee isaan eege. Qondaaltonnis akka waan ummataaf nahanii of fakkeessuun ‘asii kaafnee bakka biraa isin qubachiifna, maallaqa isiniif kennina’ jechuun yaalii sossobbiifi doorsisa ofitti makate gochutti seenan. Shira kana kan dhagayan manguddoon biyyaa Adaamaarraa hamma Wallisoofi Amboo fagaatan dirmachuudhaan dhufanii Kuusaan Kosii kun saffisaan akka cufamu ejjannoon itti himan. Ummata kana asirraa kaaftani bakki geessitan hin jiru, aanaaleen ollaa ofiifuu rakkina lafaa qabu, ummanni kun dhufee as hin qubanne, kosiitu ardaa isaa dhufe, kanaafuu kosiin haa ka’u jedhanii jiru. Dirribaafi Bakar kan Agaazii makiinaa kudhaniin eeggamaa dhaqan nama doorsisan waan dhabaniif diddaa ummataa kana gooftolii isaanitti gabaasuuf deebi’aanii jiran. Boruufi iftaan keessaa ammas gara qonnaan bultootaa akka deebi’an eeggama.

Ogeeyyin fayyaafi mahandisoonni pirojekticha beekan, sadarkaan Kuusaan kun ittti jaarame yaraa waan ta’eef balaan isaa yero yeroon dabala malee hin hir’atu, falli jiru tokkichi duuchanii cufuu qofa jedhanii jiru. Dabalataanis Kuusaan kun qaama Maasatar Pilaanii magaalaa Finfinneefi Godina Addaa ture. Waliigalteen sun haqamee waan jiruuf kuusaa kana too’achuuf magaalaan Finfinnee seera isii deeggaru hin qabdu.

Walumaa galatti kuusaan Kosii kun seeraan malee sadarkaa isaa kan hin eegatin, kan mirgaa ummtaa dhiibuu bira dabree lubbuu isaanitiifi gaaga’ama guddaa qabu waan ta’eef akka cufametti akka hafuuf falmaan cimaan godhamuu qaba. Yeroo ammaatti bulchiinsi Finfinneefi warri Oromoo irraa nyaatee deebi’ee irratti haguu barate Kuusaa kana bansiisuuf duula cimaarra jiran. Oromoon biyyaaf ala jiru yaaliin isaanii kun akka fashaluuf sagalee tokkoon falmaa cimsuu qaba. Yoo ammoo Wayyaaneen mormii qonnaan bultootaafi akeekkachiisi ekispoertootaa diddee gara banuu kan deemtu ta’e Finfinneen bakka kosii itti gattu qofa osoo hin taane bishaan dhugdus dhabsiisuudhaaf qophaa’uu nu barbaachisa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …