Oduu Haaraya
iida magaalaa waashingtoon

Kabaja Ayyaana Iid Aal Faxir Naannoo Waashingitan Diisiitti

Ayyaannii Iid Aal Faxiir harra, Adooleessa 6 akka addunyaatti haala oo’adhan kabajamee oole. As magala guddittii Ameerikaa, Waashingitan Diisitiis hawaasni Oromoo akkasumaas namoonnii biyya adda addaa irraa dhufani biyyana jiraatan salaata ganamaatii baka Rook Kiriik Paark jedhamutti walgahanii waaqa isaanii galateffachuudhan guyyaa isaanii jalqaban.

Sheik Kalid Mohammed Umar, saganticha kadhannaadhan erga bananii booda, hawaasa musliimaa hundaaf hawwii ayyaanaa gaarii dabarsaniiru. Sheik Kalid, gochaa shororkeessuummaa ji’a Ramadaanaa keessa biyyaa adda addaatti lubuu nama bayyee galaafate balaleeffatanii, gochi akkana amantaa islaamaa wajjin gonkumaa hidhata akka hin qabne ibsaniiru. Hawaasa Oromo sirna kabajaa ayyana kana irratti argaman tokko tokko akkataa guyyaa kana itti dabarsaani fi waayee ji’a Ramadaanaa gaafaneerra.

Qophii kabaja ayyaana Iid Aal Faxir magaala Waashingitan Diisiitti godhamee irratti argamnee qindeesine dhageeffadha.

Guutuu Isaa VOA

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …