Oduu Haaraya

Barattootni hunduu qormaati darbeera jettanii barruulee keessan boraafattanii akka hin ciisne

‪#‎OromoProtests‬
Via Beekan Gulummaa Irranaa
Yoosef hambaa Tolaatiin
DUBBISAA WALIIF RAABSAA!
Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa fudhachuuf kaadhimamtanii jirtan hundaaf: Tokkummaan kaanee ilkaan wayyaanotaa waan irraa harcaafneef baga gammadne jechuun fedha. Wayyaaneen akkuma kaleessa dhiiga barattoota keenyaa lafa irra lolaasaa turte karaa qormaata biyyoolessaan immoo ijoollee keenya miidhuuf kan karoorfatte qaaniin lafa ilaaltee haga sabni Oromoo ga’us barteetti. Injifannoo nama boonsuudha. Tarkaanfiin itti aanu maali?
1. Barattootni hunduu qormaati darbeera jettanii barruulee keessan boraafattanii akka hin ciisne. Ijoolle, qabxii bareedaa fidanii darbuunis injifannoo caalu akka ta’e asumaan beekaa. Kanaafuu, ammuma irraa eegaltanii dubbisuudhaan akka of qopheessitan isiniin jedha!

2. Barsiisonni keenya akkuma beektan ijoolleen qabsoo irra waan turaniif barnoota isaanii haalaan hin xumurre. Adaraa dirqama lammummaa fudhaatii bakka hin xumuramne hundaa barattoota keenya xumursiisuu yaalaa. Qaamoleen mootummaa kanaaf ‘budget’ kennuu dhiisuu danda’u, waanuma fedhe yoo ta’e iyyuu isin dirqama lammummaa ba’aa!

3. Barattootni keenya immoo aadaa waliin qayyabachuu, walqayyabachiisuu fi wal gaafatanii wal irraa baruu horadhaa. Muuxannoon qabu irratti hundaa’ee kun baay’ee jabaatee nu biraa hin mul’tu.

4. Qormaata biyyoolessaa bara jalqabaatii ka’ee haga ammaatti jiru barbaadaatii sirriitti irra deddeebi’aa hojjedhaa. Waan isin ajaa’ibu akkan argee darbetti kanneen osoo bifa hin jijjiirratin irra deddeebi’anii dhufan jiraachuu malu.

5. Baatilee biiroon barnoota biyyattii isiniif kenne keessatti adaraa hojii biraa hojjechuu dhiisaatii akkuma nama midhaan daakuu barnoota keessan sirriitti qayyabadhaa bulleessaa.

6. Maatiin barattootaas ijoollee keessaniif baatilee kennamaniif kana keessatti tumsa jabaa godhaafi. Ijoollonni waan ta’ee fi ta’aa jiru hundaa maatii keessan sirriitti hubachiisaa!

7. Kan xumuraa fi kan booree……WALTAANEE KARAA HUNDAA MIRGAAN HAA GALLU! Namoonni yeroo qayyabattan yookaan ‘qormaata baroota darbanii’ osoo hojjettanii kan isinitti cimu yoo jiraate anas ta’e ilmaan Oromoo addunyaa kana irra faca’anii jiran karaa “social media’’ kana gaafachuu hin sodaatinaa! We are ready to help you! Galatoomaa! Injifannoon Saba Bal’aa Oromoof!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …