Oduu Haaraya

DUBBISUUN DHOORKADHA

 

1.Gad aantummaan yoo sitti dhaga’ame muka yaabbadhu!.

2.Nama sammuu madooshaa qabutti namni hundinu mismaara fakkaata.

3.Tokko jaallachuun dirqama, lama jaallachuun daldala, sadii jaallachuun garuu kontrobaandiidha.

4.Imaltoonni walitti sissiqaa adaraa Abbayyaan qabnaa.

5.Shamarran herrega yoo baran malee yoo kaffalan agarree hin beeknu.

6.Dubarrii fi lotooriin kan isaan hin barbaanneef malee kan isaan barbaaduuf hin ba’an.

7.Sammuun qulqulluu boraatii gaariidha.

8.Dhagaan ganama si dha’e guyyaa dabalee si dhoofnaan siitu dhagaadha.

9.Mana hiyyeessaatii xiqsii mana sooressaatii xibsiin hin dhabamu.

10.Gadi jette yoo hojjette wanti hundinuu gad jedhee sitti mul’ata.

11.Hojjettee kan hin bashannanne harree qofa.

12.Jireenyii fi taaksiin yoo obsan malee dafee hin guutu.

13.Akka garbichaatti yoo hojjette akka mootiitti jiraatta.

14.Jiraachuun gaariidha, qarshii nu lakkoofsisuu baatus guyyaa nu lakkoofsiseera.

15.Walitti sissiqaa taaksii keessatti walbaree baay’etu wal fuudhee.

16.Jiraachuun kee eenyuunuu yoo hin fayyadne du’uun kee eenyuunuu hin miidhu.

(madda fb bilisummaa irraa)

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …