Oduu Haaraya

Reefki barataa Ibrahim Usma’i maati isaatiif kennamuu didame

‪#‎OromoProtests‬ Guyyaa kaleessaa (Feb 4, 2016) reeffi barataa Ibrahim Usma’il, barataa keemistirii waggaa 1ffaa University Dillaa, gara iddoo dhaloota isaa Harargee Bahaa Aaanaa Midhaaga Tolatti geeffamee jira. Reeffi isaa kun konkolaataa Yunivarsiitii Dillaatiin fe’amee yommuu fidamu konkolaatota waraana mootummaatiin marfamee ture. Eegasii gara waajjira ganda Leencaatti geeffame.

Itti gaafatamaan bulchiinsa nageenyaa Harargee bahaa maatii barataa Ibraahimitti ilmi isaanii akka du’a uumamaa tahe du’e dubbate. Hogguu maatii fii firri akkasumas jaarsoliin biyyaa reeffa nuuf kennaa gandi keenya ganda Fachaasii qe’etti galanneetiin awwaalannaa jedhanii gaafatan garuu reeffi isaanif kennamuu dide.

Eegasii yoo xinnaate salaata janaaza irratti salaannaa nuuf kennaa jechuun gaafatan. Sanis yunivarsiitii keessatti sirni janaazaa isaa raawwatamee jira jechuun eeyyamuufii diduun ammuma asitti awwaalamu qaba jedhan. Dubbii osoo akkasitti jirtu milishaan gandaa iddoo awwaalaa dhihoo bulchiinsa magaalatti argamutti akka awwalamu murteessan. Maatiinis taaziyaa moonaa bulchiinsa gandaa keessatti malee akka mana isaanitti galanii hin teenye godhan. Yommuu kuni hundi tahu milishaan gandaa fii humni agaazii sochii ummatni naannoo sanatti taasisu danqutti turan. Moonaan bulchiinsa gandaa fii iddoon awwaala ammas eeggumsa cimaa keessa jira.

*Hubachiisa:- Ibraahim Usmaa’il barattoota yunivarsiitii Dillaa to’annaa jala oolan keessaa isa tokko ture. Hiriyyootni isaa manuma hidhaa keessa jira jechuun yaadaa turan. Yoo xinnaate maatiin isaa du’aan isa dhabuu beekanii jiran. Garuu maatiiwwan oromiyaa kumaatamatti laakkawaman ijoolleenii fii firootni isaanii kan humna mootummaatiin to’annaa jala galan lubbuun jirani moo du’anii maal irra akka jiran takkaayyuu quba hin qaban.

( Gabaasa kana Afaan Oromotti kan hiike Ramu Na naa galateeffadhaa)

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …