Oduu Haaraya

WBO MOORAATTI GALCHUU DURA MARII BAL’AA BARBAACHISA


Berhanuu Hundee

Nagaa fi tasgabbii uummata Oromoo eegsisuuf akkasumas Oromiyaa jeequmsa keessaa baasuuf, WBOn bosona keessaa bahee; gara uummata isaatti deebi’ee; humna addaa Oromiyaa akka ta’u warra hawwan keessaa ani tokko dha. Kanaafaan yaalii Guumiin Abbootii Gadaa godhaa turani fi jiran deeggaraa ture. Kuni immoo uummatni keenya jeequmsa keessaa bahee; nagaan bahee galuu akka danda’uuf jecha malee, kaayyoon WBOn manaa baheef galii isaa gahe jechuufii miti. Akkuman kanaan duras barreessee ture, jijjiirama dhufe kana keessatti Itoophiyaatu bilisoome malee Oromoo fi Oromiyaan hin bilisoomne. Maaliif yoo jedhame, gaafiileen uummata Oromoo ciccimoo ta’an ammallee  deebii waan hin argatiniifi.

Haa ta’u malee, yaaliin WBO mooraatti galchuu kun waan milkaa’e hin fakkaatu. Wanti hubatamuu qabu, dhimmi kun gonkumaa hin milkaa’u jedhee jala sararuu kiyyaa miti. Karaa sirrii fi haqa ta’een yoo hojjetame, wanti hin milkoofnef hin jiru waan ta’eefi. Akkan amma hubadhutti, yaaliin kun karaa sirrii ta’een waan calqabamenatti hin fakkaatu. Akka yaada fi laalcha kiyyaatitti maal ta’uu qaba ture? Yookaaniis immoo ammas carraan waan jiruuf maala ta’uu qaba? Kanaaf qabxiilee tokko tokko kaasuun barbaada. Qabxiileen kun yaada dhuunfaa kiyyaa ti malee, ABOfis ta’ee, WBOf dubbachuuf akka hin taane hubatamuu qaba.

  1. Dhimma kanarratti dura marii bal’aa hoggantoota, miseensota ABO fi miseensota WBO waliin godhuu; addatti immoo WBO wajjin dursanii mar’achuu
  2. WBOn mooraatti galuun bu’aa-qabeenyi fi bu’aa –dhabeenyi isaa maal akka ta’u beekuuf, uummata bal’aa Oromoo bal’inaan mari’achiisuu fi yaada isaanii beekuu
  3. WBOn mooraatti osoo hin deebi’in dura Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) uummata keessaa bahee, dursee gara mooraatti akka deebi’u godhuu
  4. Nagaa biyyaa eegsisuun sodaachisaa yoo ta’e, yeroo RIB uummata keessaa bahu, bakkee isaanii humna adda fi walaba ta’een bakka buusanii nagaa uummataa eegsisuu
  5. WBOn mooraa isaaf qophaa’etti osoo hin galin dura, ammas marii dabalataa godhuudhaan; egereen Oromoo fi Oromiyaa maal akka ta’u; gaafiileen Oromoo akkamitti deebii akka argatan ABO fi Mootummaa jidduutti marii bal’aa fi murteessaa ta’e godhuu
  6. Erga ABOn karaa nagaatiin haa socha’u jedhamee; rakkoo tokko malee uummata keessa deemee akka uummata ijaaru, barsiisu fi filmaataaf qophaa’u taasisuu
  7. Yoo ABOn rakkoo tokko malee uummata Oromoo bal’aa keessa deemee sochii godhuu danda’e akkasumas miseensotni fi deeggartootni isaa dhiibbaa fi rakkoo malee socha’uu danada’an; yoo uummatnbi keenyas nagaa argate booda WBOn akka mooraatti galu godhuu dha

Akka natti fakkaatutti, haalduree gara motummaatiin barbaadamutu hojiirra oolaa jira. RIB mooraatti kan deebi’u yoo WBOn gutumaa guutuutti mooraatti gale waan jedhu natti fakkaata. RIBn immoo bakkee tokko tokkotti rakkoo uumaa akka jiru himamaa ykn dubbatamaa jira. WBOn mooraatti galuuf murtiirra akka hin geenye kan godhu immoo rakkoolee uumamma jiran kana ta’uu mala jedheen yaada. Kanaafan qabxiilee armaan olii kana akka furmaataatti kaa’e. Dhimmi kun akka salphaatti laalamuu hin qabu. Nagaan bu’uu baatnan rakkoon dhufuuf deemu addatti kan Oromoo fi Oromiyaa akka ta’u hunduu hubachuu qabu. Oromiyaan jeequmsa keessaa bahuu qabdi. Gaafiin uummata Oromoos deebii argachuun dirqama ta’a. Kuni ta’uu baatnan rakkoolee dhuma hin qabne keessa seenna.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …