Oduu Haaraya

‪#‎Harargee‬-Dammaqaa OBSAAN DUBBISI

Qabsoon hawaasa
muslimaa <koreen
teenya hidhamuu
isaaniitin>
jalqabamee? Barreeysaa: Mahfuuz
(Harargee D irraa) Qabsoon hawaasa
muslimaa qabsoo bara
dheeraati. bara
dheeraaf ibidda
hawaasa muslimaa
keeysatti belbelaa tureetu qabsoo
hawaasa muslimaatif
sababa ta’e. Mormiin baratoota
madrasaa ‪#‎Awaliyaa‬ hulaa ka’umsaa
qabsoo hawaasa
Muslimaa haata’u
malee ka’umsi qaboo
keenyaa rakkoo bara
dheeraati <mirgaa fi haqa> amantii dhabuu
keenya. Cunqurfamnee
walabummaa dhabuu
keenya. Mootummaan
wayaane bosana
keeysaa bahee gara
angootti eega dhufee
booda mirga amantii
dabalatee mirgoota sabaa fi sablamoota,
mirga ummata
baldhaa karaa
dimokraatawaa ta’een
eeguufi biyya bulchhuf
waadaa galuus, ilaalcha bosana isa
walii ture irra adda
bahuu hin dandeenye.
heerri haarawaan
wayaanee mirga
ummata baldhaati fi naamusa biyyattii
eeguuf akka bahee irra
daddeebi’ee lallabuus
heerri mootummaa
haarawaan kun akka
hangaasutti ifee deebi’ee dukkana
ta’eera. Kana
jachuuniis heeraa fi
seerri haaroyni kun
ummata baldhaa ittiin
sobuu fi malee qabatamaan hojii irraa
olchuuf kan yaadamee
miti. Obboleeyyan Islaamaa
seenaa Itoophiyaa
keeysatti
mootiwwaanii fi
Asteewwan kamilleen
haqa muslimaa eeguuf hin dhaabannee. hundi
isaaniitu sadarkaa
sadarkaan amantii
Islaamaa balleeysuu fi
hawaasa muslimaa
dhabamsiisuuf yaalii cimaa goddhaa turan.
muutummaa farra
namummaa fi
adawwiin Islaamaa ‪#‎wayaaneen‬ mootiiwwanii fi
Asteewwan duraanii
irraa kan isa adda
godhu ‪#‎xilaata_gaadidduu_hin_qabnee‬ waan taheefi dha.
Mootoowwanii fi
Asteewwan durii dirre
bahanii Islaama
balleeysuu fi Muslima
dhabamsiisuuf ka’uu isaanii himaa turan.
Dirree bahanii
ajjeeysaa turan.
Wayaaneen ammoo
adawwii gaadidduu
hin qabnee dha. Miidiyaa irratti haqaaf
akka dhaabate lallabaa
lafa jalaan ammoo
haqa awwaalee
hawaasa muslimaa
dhabamsiisuu fi Islaama balleysuuf
mootummoota
darban caalaatti
hojachaa jira. Adeemsi
wayyaanee adeemsa ‪#‎yahuudii‬ Israa’el waan taheef hojiinsaa
dirree bahee namatti
hin mullatu.
dhokhotee sii
ajjeeyseeti abaluun
eeysa badee mee ka’a naa wajji barbaadaa
haabarbaannu siin
ja’a. Karaa lafa
jalaatiin dhukkee
sirraa kaasaa karaa
dirree irratti ammoo sii cinaa hiriira bahee
sii wajjiin morma. Eeyyen #wayaaneen
adawwii gadidduu hin
qabnee dha. Akkataa
sii balleeysu osoo hin
bayne sii balleeysa.
Maaliif jannaan #yahuudii irraa
qara’ee waan dhufeef
badii malee khayrii
tokkolle hin qabu. Adeemsi wayaanee
hardha ifa(dirree)
bahee hundi keenyaa
baynee jirra. Haata’u
ammoo waggaa 23’n
darban guutuu karaa icitii fi karaa
qindoomina qabuun
Islaamaa fi Muslima
irratti duulaa ture. Ka’umsi qabsoo
hawaasa Muslimaatis
sababa koreen teenya
hidhamaniifii miti.
Qabsoon kun koreen
teenya osoo hin filatamiin dura
jalqabame. mormiin
baratoota Awaliyaa
hulaa yookiin bantuu
qabsoo teenyaa
haata’uu malee..ka’umsi qabsoo
keenyaa rakkoo bara
dheeraati. rakkoo
mootummaan
wayaanee nurratti
fe’aa jiru obsa keenyaa ol tahuu isaatni.
Dhaabileen hawaasa
muslimaa(majliisa,
masjiida,madrasaa,
markaza, dhaabilee
gargaarsaa) sadarkaa sadarkaa dhaan
too’anna wayaanee
jalatti buluu bira
dabree mirgi
keenyaalleen
saamamee jira. Amantiin teenya ‪#‎Islaam‬ isanif mijjaawuu dinnaan
amantii haarawaa
Ahbaash fidanii dirqii
dhaan nurratti fee’an.
Hardha “mirga kana
qabna” kan jannu tokkolleen hin jiru.
Badii tokko malee
lubbuun
wareegamtoota(s
hahidoota) hedduu
badee jira. Dhiynii hawaasa muslimaa
dhangala’ee jira. Uleen
caccabee jira. Manni
hidhaa wayaanee
haga afaaniitti
muslima nagayaatiin guuttame jira. Manni
murtiin wayaanee
haqa(justice) miilaan
irra dhaabatee mana
taphaa, mana joollee,
mana kijibaa tahee jira. Ka’umsi qabsoo
keenya hidhaa koree
teenyaan kan ka’ee
miti. Qabsoon
keenyyaa koree
teenyaa fi obboleeyyan keenya
hidhaa irraa bilisa
baasuu dhaan kan
xumuramu miti. Koree teenyaa fi
obboleeyyan keenya
hidhaa irraa bilisa
baasuun qaama
qabsoo isa tokko
tahee haga dirree injifannoo(nasriitti)
kan itti fufu ta’a. Shakkii tokko malee
umriin adawwii
teenya gabaabaa dha.
Guyyaan
walabummaa(nasrii)
teenyaa dhihoo dha. IN SHAA ALLAH!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …