Oduu Haaraya

ITOOPHIYAATU BILISOOME MALEE OROMO FI OROMIYAAN HIN BILISOOMNE


Berhanu Hundee

Dhugaa haa dubbannu yoo jenne, biyyattii Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti jijjiiramni godhamee jira ykn godhamaa jira. Jijjiiramni kun immoo wareegama eenyuutiin akka dhufe waan Addunyaan beektuu dha. Haa ta’u malee, jijjiirama kanarraa caalaatti eenyu bu’aa akka argate fi argachaas jiru garuu gaafii biraa ti. Oromoon bilisoome jedhamee yeroo baay’ee ni dubbatama. Bilisummaan akka itti laalamuu fi hiikni kennamuufii dha. Haala kaleessa olaantummaa Wayyaanotaa keessa ture wajjin walbira qabnee yoo laalle, har’a bilisoomne jechuun ni danda’ama ta’a. Kun akkuma jirutti ta’ee; Oromoon bilisoome yoo jedhamu garuu ulaagaa kamiin laalamee ti?

Eeyyen, biyyattii tana keessatti namni har’a waan tokko dubbateef ykn barreesseef; miseensa ykn deeggaraa dhaaba/jaarmayaa siyaasaa tokko ta’eef; walgahii godhateef; hiriira baheef,… hin reebamu, hin hidhamu, hin ajjeefamu ta’a. Kun akka jijjiiramaatti ni laalama. Oromoo fi Oromiyaa yoo laalle garuu, har’allee hir’inoota baay’eetu jiru. Uummatni keenya nagaa argatee jiraachuu hin dandeenye. Gaafiileen deebii hin argatin hedduu dha. Gaafiilee kana keessaa innii cimaa fi hangafa ta’e tokko dhimma Finfinnee ti. Karaa seeraa fi heeraatiinis ta’ee, karaa seenaatiin jaalatamus jibbamus, fudhatamus dhiifamus Finfinneen qabeenya Oromoo fi Oromiyaa ti. Gaafiin Finfinnee gaafii faayidaa addaa osoo hin taane gaafii Abbaabiyyummaa ti.

Kun ta’ee osoo jiruu, har’allee jijjiirama wareegama ilmaan Oromootiin argama kana keessatti Oromoon akka alagaatti laalamee handhuura biyya isaa Finfinnee keessaa akka dhiibamu yookaanis immoo gara magaalaa tanaa akka hin dhufne irratti hojjetamaa jira. Yeroo haalli akkanaa ifaa ifatti mul’achaa jirutti bilisoomne jennaa ree?? Jijjiirama dhiiga fi lafee ilmaan Oromootiin argame kanatti caalaatti fayyadamaa kan jiran warra sirnoota durii leellisanii dha. Warra Oromummaa, Sabboonummaa Oromoo fi dabrees Oromiyaa dhabamsiisuu barbaadanii dha. Humnootni kun MM Dr Abiyyi dabalatee Oromooto taayitaarra jiraniin kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan deeggarmaa fi jajjabeessamaa jiru. Wanti dhara hin taane Dr Abiyyi humoota kana wajjin Mootota durii faarsaa ture ammas jira. Kanaafuu, jara kanaaf bilisummaan argame jechuun ni danda’ama.

Humnootni sirna Federaalisimi amma jiru kanaayyuu diiguuf halkanii fi guyyaa hojjechaa jiran heddoomaa jiru. Karaa danda’amu fi bakkee danda’amu hundatti sirriitti ciminaan of ijaaraas jiru. Humna horachuuf tattaaffii guddaa godhaa jiru. Kanaaf immoo ragaalee fi mallattoolee baay’ee kaasuu ni danda’ama. Walumaagalatti humnootni farra-Oromummaa fi farra-Sabboonummaa Oromoo ta’an kun bilisummaa argatanii jiru. Isa kanattis fayyadamanii waa baay’ee hojjechaa jiru. Filmaata dhufuuf jiruufillee sirriitt ofqopheessaa waan jiran fakkaata.

Kan keenyaa yoo laalle, ammallee waraan walirratti godhaa wal balleessuuf hojjechaa jiru. Jaaramyootni Oromoo ammallee tokko ta’anii ykn waan waloo tokk lafa kaawwatanii wajjin hojjechaa hin jirani. Uummatni keenya nagaan bahee nagaan galuu hin dandeenye. Namootni keenya ajjeefamaa jiru. Lafti Oromoo ammallee karaa adda addaatiin saamamaa jira; uummatni keenya qayee fi qabeenyarraa dhiibamaa jira. Itoophiyaan Wayyaaneerraa bilisoomtee jirti. Itoophiyummaan araada ta’ee jira. Humnootni Itoophiyummaa faarsan cimaa jiru; lafa qabachaas jiru. Oromoo garuu, gaafiileen isaa ciccimoo ta’aniiyyuu deebii hin arganne.

EGAA BILISOOMNE JECHUUN EESSA REE????

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …