Oduu Haaraya

‪#‎YAADACHIISA‬:- Gaaziin nama imimmeessu yommuu nutti dhukaafame maal gochuu qabna?

Waraanni wayyaanee ummata mormiif yaa’ee irratti gaazii nama imimmeessu dhukaasu itti fufee jira. Sanbata har’aa Harargee magaalaa Hirnaa irratti ummata hiriira yaa’e irratti gaazii nama imimmeessu dhukaase jira. Yommuu gaaziin kun nutti dhukaafamu maal gochuu qabna.
—————-
Tokkoffaa, Yeroo gaaziin nutti dhukaafamu jalqaba wanti sammuu keenya keessatti dhufu qabu rasaasaan akka dhawamnee hin jirre beekuudhaan naasuun akka nu keessatti hin uumamne gochuu dha. Sodaan guddaan nu keessatti uumamu hin qabu.
—————-
Lammaffaa, Gara Golga gaazii dhukaafamee (canister) aara baasu sana irraa fagaachuuf haa yaallu. Maaliifuu yoo bira turre nu ukkaamsuun isaa hin oolu. Gaaziin dhukaafame ija keenya, funyaan keenyaa fii gara afaan keenyaan akka gara keessatti hin aseenne hir’isuuf shamiza ykn kootii keenya gara keessaatiin fuula keenya irratti ofitti haguuguun harganuuf haa yaallu.
—————
Sadaffaa, Yoo harceen gaazii sun ija keenyaa fii funyaan keessa aseenee jiraate maaloo maaloo gonkumaa harka keenyaan of riguu hin qabnu. Maaliifuu akkas gochuun harcee gaazii sana akka sirritti bulbulamu gochuun gubaa san hammeessuu nutti taha. Kanaaf wanti gochuu qabnu bishaan qabbanaawaa fuula keenya irratti gadi dhangalaasuu dha. Yommuu kana goonu akka gadi dhangala’u gochuu qabna malee gonkumaa gara ijatti, funyaanittii fii afaanitti aseensisuun dhiqachuu hin qabnu. Kaayyoon nuti bishaan fuula keenya irratti gadi dhangalaafnuuf harcee gaazii (Tear gas powder) gogaa fuula keenya irra jiru irraa balleessuuf qofa dha. (Kanaaf yommuu mormiif gadi yaanu bishaan haayilaandiin qabannee bahu qabna of eeggannoof jecha, Jeynootni magaalaa mandii asiin dura bifa kanaan haayilaandii qabatanii mul’atanii turan.)
————–
Afraffaa, Eegasii gara qilleensi qulqulluun jirutti deemuudhaan qilleensa qulqulluu harganuu qabna. Gara mana keessatti gonkumaa seenuu hin qabnu. Gaaziin imimmeessu kun mana keessatti (fakkeenyaaf doormii keessatti) yoo nutti darbamee jiraate carraan nuti qabnu gadi bahuu qofa dha. Keessatti hafnee turuun keenya ukkaamamne akka of wallaalluu nu taasisuun dabalata haleellaa nurratti fudhatamu biroof nu saaxila. (Hubadhaa: Gaaziin imimmeessu kun mana keessatti nama irratti gadi lakkisuu seerri addunyaa jabeessee dhoowwa. Maaliifuu lubbuu namaa balleessu waan dandahuuf. Haatahuu garuu Seera kan hin beeknee fii lubbuu namaatiif kan hin dhimmamne mootummaan wayyaanee garuu barattoota keenya doormii keessatti itti darbee ukkaamsuun hiraarsaa fii miidhaa garagaraa irra geessaaa jira.)
—————-
Shanaffaa, Gaaziin kun rukkinni isaa qilleensa irra ulfaataa waan taheef yeroo hedduu gara gooddaatti jalaa ol bahuun dhiibbaa nu irratti geessisu irra bilisa nu godha. Harceen gaazii uffata keenya irrattis maxxanee waan hafuuf uffata keenya baafannee achi ofirraa qabnee hargufuun barbaachisaa dha.
F. Nama nu cinatti gaazii kanaan miidhamee hargansuun isatti ulfaate yoo argine immoo inni oksijiinii waan barbaaduuf qarqaarsa yaalaatiif hatattamaan gara mana yaalaa dhihoo tahetti geessuun barbaachisaa dha.
=================
=============
3. Wantoota gonkumaa gochuu hin qabne?
A. Golga gaazii baasu (canister) kan dhukaafamee jiru kan garuu dhooweetiin gaazii maddisiisuu hin eegalle akka gonkumaa harkaan hin tuqne. Maaliifuu harka keenya irratti dhoowee miidha nurra geessisu waan dandahuuf.
B. Ija keenya, fuunyaan keenya gonkumaa harkaan riguu hin qabnu.
C. Gaaziin kun nama dhukkuba sirna hargansuu qabu (Respiratory tract problems) fknf dhukkuba akka Asmii waan daran hammeessuuf of eeggannoo gochuu waan feesisuuf namootni akkanaa kunneen hamma danda’ameen saaxilamuu hin qaban.
D. Dasee bishaaniin jiisanii funyaanitti, ijattii fii fuula guututti jiisuun gonkumaa hin barbaachisu. Maaliifu harceen gaazii (powder of the tear gas) kuni jiidha waan barbaaduuf dha. Akkuma gubbatti ibsuuf yaaletti keemikalotni gaazii kana keessa jiran jiidha yommuu argatan “reaction” uumanii eegasii kan gubaa fii nama imimmeessu eegalan. Wanti nuti harkatti qabachuu qabnu bishaan qabbanaawa qofa dha. Bishaan qabanne kanas kan fayyadamnu yoo gaazii kanaaf saaxiloofnee jiraanne qofa harcee gaazii ofirraa “remove” gochuuf ofirratti dhangalaasuuni.
D. Gaaziin kuni Mana keessatti yoo nutti gadi lakkifame mana sana keessatti gonkumaa ukkaamamuu hin qabnu. Ulaa arganne kamiinuu gara qilleensi qulqulluu jirutti deemuu qabna.
================
Share gochuun wal beeksisaa!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …