Oduu Haaraya

‪#‎OromoProtests‬ guyyaa har’aa Abbaan Duulaatifi Muktaar hayyotaafi abbootii qabeenyaa beekamoo muraasa walitti qabanii turan

Erga sakattaan cimaan godhamee booda waan isaan yaamaniif himan. Kunis ummanni nu dhagawuu didee nurraa qabbaneessaa kan jedhuudha. San booda hire warra hirmaateef kanname. Namni shan walduraa duubaan dubbate. Shananu akka waan nama tokko ta’anii yaaduma walfakkaatu itti hima. Waan jedhan keessaa
1) Isin akngoo waan takkalle godhuu waan hin qabneef gorsi isiniif laannu hin jiru
2) Warra dhiiga ummataatin of shamsen walitti dhiyaannee dhiiga dibachuu hin feenu
3) Aantummaan keenya ummata mirga isaatiif mormatu waliini
4) Gaafin amma waa’ee Mastar Pilaanii bira dabree jira. Dubbiin dubbii akka sabaatti dhumaatirraa of baraaruuti. Lollis sabatti labsamee waan jiruuf

Erga Oromoonni shanan yaada kana dhiheessaniin Muktaarifi Abbaanduulaa jiddumaan walgahii addaan kutanii bayanii deeman.

Waraabbii walgahii kanaa akkuma nu dhaqqabdeen isiniin geenya

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …